Carraan Gaazaa isin dhaqqaba jechuun Israa'el Hezbollaah akeekkachiifte

Ministirri Muummee Israa'el ibsa sambata kaleessaa galgala kennaniin Hezbollaah akeekkachiisaniiru. Benjaamin Netaaniyaahu, milishaa Iraaniin deeggaramu Hezbollaatiin ''dogongortanii waraana akka hin eegalle,'' jedhaniiru.