Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Faannoon' marii "dhaabbileen idil-addunyaa fudhatama qaban" hoggananiif "deebii kennuuf" qophiidha" jedhe
Sochiin Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa [Amaaraa Faannoo Biheraawwii Niqinnaaqee (AFBN)] "dhaabbileen idil-addunyaa fudhatama qabanii fi muuxannoo qabaniin" hoogganamuun, akkasumas "raawwii isaa kan hordofaniin" marii mootummaa waliin akka gaggeeffamuuf gaaffiin kan dhiyaatu taanaan "deebii kennuuf dubbi himaan garee kanaa Asires Maaree BBC'tti hime.
Dursaan AFBN fi Ye Itoophiyaa Izbaawwii Hayilooch Tibibbir Le Hilliwuna Zammanee Kaasee marii dhiyeenya kana dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)'tti ergamaa Gaanfa Afrikaa waliin taasiseen walitti bu'iinsa "marii hunda hirmaachisuu fi waliigalteen" furuudhaaf mootummaa irratti "dhiibbaan malu" akka taasifamuuf gaafachuu isaa ibseera.
Dubbi himaa humnoota Faannoo waggoota sadii oliif mootummaa naannoo Amaaraa waliin wal lolaa kan jiruu kan ta'e Asires kana kan jedhe Jimaata Sadaasa 27, 2026 gaaffiifi deebii sagantaa raadiyoo BBC Amharic waliin taasise irratti ture.
Gaaffii fi deebii kanarratti, Ministirri Muummee Abiy Ahimed Kamisa Sadaasa 26, 2026 mana maree bakka bu'oota ummataaf ibsa kennan irratti waa'ee humnoota hidhatanii fi marii waliin wal qabsiisuun yaada kaasan irratti deebiin garee hidhataa kanaa maal akka ta'es Asires gaafatameera.
MM Abiy haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin, humnoonni hidhatan "akkuma obbolaan keessan Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraay irraa galanii waliin dubbatamee ejjennoo isaanii jijjiiranii hojjechaa jiran kana karaa nagaa yoo hojjettan wayya," jedhaniiru. Itti dabaluunis, "yoomiyyu taanaan isaaniif hin milkaa'u" jechuun hidhattoonni biyyattii keessa jiran mootummaa isaanii kuffiisuu akka hin dandeenye dubbataniiru.
"Mootummaan kun baayyee ture. Osoo baayyee rakkachuu baattanii gaariidha," jechuun kan dubbatan MM Abiy, "yeroo isin tarkaanfii tokko yaaddan, mootummaa dachaa 20 yaaduti jira," jechuun akeekkachiisaniiru.
Kanaaf, gaaffiin haasaa paarlaamaa kan dhiyaateef dubbi himaan AFBN Asires, "Ministira Muummichaas ta'e waamichi nagaa warri kaan dubbatan waamicha hakra kennadhaati malee waamicha marii miti," jechuun fudhatama dhabsiiseera.
Hanga ammaa "karaa ifa ta'een gaaga'ama waliigalaa biyyattii" kan furu, akkasumas "to'annoo qaamolee sadaffaatiin" marii nagaa taasifamu gaggeessuuf gama mootummaatiin fedhiin jira jedhee akka hin amannes ibseera.
"Keessumaa humna Amaaraa waliin gama kanaan hanga ammaa hojiin qabatamaan hojjetame hin jiru," kan jedhe Asires, wanti hojjetamaa jiru hoggantoota hidhattootaa fi miseensota bakkeewwan gara garaa jiran "tooftaa gara garaan sossobuun akka mootummaaf harka kennan" yaalii gochuu akka ta'e kaasuun ibseera.
"[kanaan] alatti humni jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Amaaraa baatee jiru qabatamaan gaaffii siyaasaa kan qabu ta'uu amanee, gaaffii siyaasaa kana karaa nagaa fi mariidhaan furuudhaaf sochiin qabatamaan taasifame tokkollee hin jiru," jechuun BBCtti dubbateera.
"Fedhiin sun osoo jiraateera ta'ee, dhugaa dubbachuuf fagoo deemamee nagaa Itoophiyaa deebisuun ni danda'ama amantaa jedhun qaba" jechuun dabalee ibseera.
እንደ ቃል አቀባዩ ገለጻ፣ አፋብን "አገዛዙ በሰላማዊ ድርድር ጥያቄዎችን ለመመለስ ዝግጁ" በሚሆንበት ጊዜ ይዞ የሚቀርባቸውን "ስልቶች በሰነድ" አዘጋጅቷል።
ታጣቂ ቡድኑ ለሰላም ንግግር የራሱ መስፈርቶች እና ተቀባይነት የሚኖራቸው ሂደቶች እንዳሉት የሚናገሩት አስረስ፣ ከእነዚህ አንዱ ድርድሩ "ዓለም አቀፍ ተቀባይነት እና ልምድ ባላቸው ተቋማት" የሚመራ መሆን አለበት የሚል እንደሆነ አብራርተዋል።
"ዓለም አቀፍ ተቀባይነት ያላቸው" ተቋማት ሊደረግ የሚችለውን የሰላም ንግግር "ሊቆጣጠሩ፣ ሊመሩ እና አፈጻጸሙንም ሊከታተሉ" እንደሚገባ አስረድተዋል።
"በዛ ደረጃ የሚመጣ የሰላም እና የድርድር ጥያቄ ካለ የአማራ ፋኖ ብሔራዊ ንቅናቄ በዚህ ጉዳይ ላይ በቂ የሚባል ምላሽ ለመስጠት ዝግጁ ነው። አብዛኞቹ እስካሁን የቀረቡት ግን ከዛ በታች የሆኑ ነገሮች ናቸው" ብለዋል።
የፋኖ ኃይሎች ቃል አቀባዩ ከቢቢሲ የቀረበላቸው ተያያዥ ጥያቄ የትብብር ለህልውና እና አፋብን መሪ የሆኑት ዘመነ ካሴ በቅርቡ ከተባበሩት መንግሥታት የአፍሪካ ቀንድ ልዩ መልዕክተኛ ጋር አድርገውታል ስለተባለው ውይይት ነው።
የተመድ ዋና ጸሐፊ የአፍሪካ ቀንድ ልዩ መልዕክተኛ የሆኑት ጓንግ ኮንግ በኅዳር መጀመሪያ ከዘመነ ጋር ንግግር ማድረጋቸውን በትግራይ ክልል ከመንግሥት ጋር እየተዋጉ ላሉት የትግራይ ኃይሎች ቅርበት ያለው 'ትግራይ ሚዲያ ኮርፖሬሽን' ዘግቦ ነበር።
Ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa Koong, muddama Itoophiyaatti uumame tasgabbeessuu fi yaaliiwwan marii deeggaruudhaaf "qaamolee idil-addunyaa fi qaxanichaa dhimmi ilaallatu" waliin dubbachaa jiraachuu Fulbaana keessa dubbatee ture.
Koong hogganaa tumsa hidhattootaa waliin dubbachuun dura gorsaa Dhimma Afrikaa Bahaa MM Abiy kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa waliin dubbatee ture.
Obbo Getaachoon marii kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreeffama baaseen, mariin waliin taasisan kan irratti xiyyeeffate, "waa'ee walitti bu'iinsa Sudaan fi Somaaliyaa, hundaa ol ammoo gocha badii bulchiifni Asmaraa keessatti argamuu" akka ta'e ibseera.
AFBN, TPLF, akkasumas Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) dabalatee tumsa humnnoota hidhatan torba of keessaa qabu kan hoogganu Zammaneen, waan inni ergamaa addaa kana waliin dubbate BBCf deebii kenneera Asires.
AKka dubbi himaan kun ibsetti, Zammanee Kaasee ergamaa addaa kana waliin haasaan taasise "itti gaafatamummaa lamaan" Tumsaa fi AFBN bakka bu'uunidha.
Marii saanaan dhiibbaa walitti bu'iinsi kun qaqqabsiise, "haala siyaasaa qaxanicharratti qabu, hundeeffama Tibibbir Le Hilliwunnaa, akkasumas haala qaxanichaa" dhimmoonni ilaalan ka'uu isaanii ibseera.
Mariin nagaas qaama dubbii akka ta'es itti dabaluun ibseera.
"Waliigalatti UN dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa haalli Itoophiyaa marii hammataa ta'e, hunda hirmaachisu fi marii waliigalteen furamuu akka danda'uuf dhiibbaa dippilomaasii akka taasisan eeruu kennuuf yaaliin taasifameera," jedhe.
Haala Tumsi [Tibibbir Le Hilliwuna] yeroo ammaa itti jiru ilaalchisee gaaffii dhiyaateef Asires, "Tumsi kun akkaataa hojmaataa fi adeemsa yaadamee fi kaa'ameen hojjetamaa jiru," jedhe.
"Sagantaa siyaasaa walooyyu qaba. Kanneen hojiirra oolchuuf sochiin taasifamaa jiru," jechuun ibse.
Tumsi kun hundeeffamuu ibsamee guyyoota muraasaan booda humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa naannicha keessa jiru to'atee walitti bu'iinsi irra deebiyee ka'e.
Yeroo gababaa keessatti mootummaan federaalaa magaalota naannichaa harka kan galfate yoo ta'u, yeroo ammaa lolli naanoowwan daangaa Ertiraatti dhiyoo jiranitti gaggeeffamaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himaniiru.
Dhimmi kun kan dhiyaateef Asires, adeemsa walitti bu'iinsawwan naannicha keessaa "bu'aawwan waraanaa hin eegamiinidha" jechuun ibseera.
"Gama sochii waraanaatiin akkuma kaaste keessumaa humni Bilitsiginnaa [Badhaadhinaa] Tigiraay keessa gadi fagaatee seenuun isaatiin bu'aawwan waraanaa hin eegamuun dhalataniiru. Haalawwan waraanaa waliigalaa kanneen qolachuuf humnoonni Tumsaa waloon hojjechuurratti argamu" jechuun dubbateera.
Itti dabaluunis, "hanga har'aattis miseensonni hooggana dhaabbilee Tumsa kana hundeessanii qaamaan dhimma tumsichaarratti mariyachaa jiru. Yeroo yerootti waliin ta'uun waan uumamurratti gamaggamuun kallattii kaa'aa jiru," deebii jedhu kenneera.