Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi namoota of ajjeesanitti summii gurguraataa ture dhiifama gaafate
Namichi Lammi Kanaadaa tokko namoota of ajjeesanitti summii gurguraa turuu isaan himanni irratti banamuu hordofee maatii namoota miidhamanii dhiifama gaafatera.
Namni waggaa 61 Kennet Law jedhamu kun karaa toora marsariitii fayyadamuun namoota biyyoota 40 keessa jiranitti Keemikaalota summii qaban gurgurataa turuu isaatu himame.
Gocha kanaafis to'annoo jala ooluun Jimaata kaleessaa mana murtiitti dhiyaatera.Innis gocha isaa kanatti baay'ee akka gaabbeefi kana booda gonkumaa irra deebi'ee waan akkasii akka hin raawwanne dubbachuun, maatii namoota du'anii dhiifama gaafate.
Dhaddacha Jimaata kaleessa kana irratti abbootiin alangaa Kaanaadaa waggaan 25 akka itti murtaa'u abbaa murtii gaafataniiru.
Baatii Caamsaa bara darbe keessa sababa isaan Kanaadaa kutaa bulchiinsa Ontaariyoo keessatti argaman namoonni 14 akka of ajjeesan himanni irratti dhiyaate ture.
Innis himannaa ajjeechaa namoota 14 gargaaruu jedhuun irratti dhiyaate sanaan yakka raawwachuu isaa amanee ture.
Akkasumallee, biyya Yunaayitid Kiingidam keessatti du'a namoota 79 keessaa harka qabaachuu isaa himameera.
Namni kun Ingilaandii fi Weels keessattis du'a namoota kudhanootaan lakkaa'amaniif sababni summii inni durgurataa ture ta'uu isaa amanee jira.
Abbootiin alangaa Kaanaadaa himannaa ajjeechaa cimaa ta'e akka isa irratti dhiyeessaniif waliigaltee yakka raawwachuu amanuu irratti waan walii galameef, du'a lammilee biyyoota adda addaa keessatti raawwatameef himanni biraa isa irratti hin banamu jedhame.
Kanaaf du'a lammiilee Biriiteen waliin walqabatee Yunaayitid Kiingidam keessatti himannaan biraa akka isa hin eeggannee eerameera.
Abbootiin alangaa, dhaddacha murtii adabbii Jimaata darbe kutaa bulchiinsa Ontaariyoo keessatti gaggeeffame kana irratti akka jedhanitti, namoonni summii inni dhiyeesseen of ajjeesan baay'een isaanii dargaggootaafi namoota rakkoo fayyaa sammuu qaban ta'uu ibsaniiru.
Yoo yaadni adabbii abbootiin alangaa dhiyeessan fudhatama argate, namichi kun erga Caamsaa bara 2023 to'annoo jala oolee kaasee waggaa 20tti dhihaatu mana hidhaa keessatti dabarsa.
'Gaabbiin hirriba na dhorkeera'
Abukaatoon alangaa Kathleen Doherty, dhaddacha kaleessa irratti falmii dhiyeessan, Law "namoota haala gaarirra hin jirree fi miidhama guddaa keessa jiran irraa fayyadamaa kan ture nama miidhaa geessise" jechuun ibsaniiru.
"Namoonni kun gargaarsa xiinsammuu barbaadu turan. Garuu law kan isaanitti gurgurate summii isaan ajjeesuuf gargaaru ture," jedhan.
Kaayyoon guddaan Law maallaqa argachuu malee waa'een lubbuu namoota akka hin taanetti badu hin ilaalamu ture jechuun dubbate.
"Namoonni kaffalanii bitachuu danda'u yoo ta'e, Law isaanitti gurgura ture. Yoo xiqqaate namoonni qoricha sana isarraa bitan rakkoo akkamii keessa akka jiru hubachuuf isa waliin haasa'uu ykn haala isaa qorachuuf yaalii kamiyyuu hin goone," jechuun himataniiru.
Abukaatoon Law, Mathew Gowurley, himannaa kana mormuun, namni kun namoota rakkoo fayyaa sammuuf miidhaman qabaniif inni gaafatamuu akka hin qabne falmaniiru.
"Taateewwan kunneen hundi isaanii dhuunfaatti kan nama gaddisiisanidha," jedhan Abukaaton kun.
Haa ta'uu malee, "jalqaba irratti namoonni kun qorichaan of ajjeesuu akka barbaadan kan isaan taasise rakkoo fi dhiphina keessa turan sanaaf sababa Law hin turre," jedhan.
Abukaatoon isaa, Law namoota sana gargaarutti "waan dogoggoraa" keessa akka ture ibsaniiru. Mana murtiinis waggaa 12 akka itti murteessu gaafateera.
Dhaddacha xumuramuun dura mana murtii keessatti kan dubbate Law, namoota of ajjeesuuf gargaaruu isaatiin baay'ee akka gaabbe hime.
"Maatii namoota sababa kanaan namoota isin jaallattan dhabdan gadda keessan jechootaan ibsuun hin danda'amu. Nan beeka gadda guddaa isinitti dhaga'ama. Amma illee gochi kun gaabbiin irriba na dhorkeera. Dhiifama naaf godhaa," jedhe.
Manni miurtichaa Dhaddacha itti aanu irratti murtii adabbii akka irratti darbarsutu eegama.