Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paastariin Keeniyaatti barri dhumaa gaheera soomaa jedhe du'a namoota 123 ammas himatame
Manni Murtii keeniyaa raajii barri dhumaa gaheera jechuun namoonni nyaata lagatanii akka dhuman taasise ajjeechaa dabalataa namoota 123 tahaniin himate.
Pool Makiinzee Mombaasaatti hordoftoota isaa kanneen manguddoo tahan soomaa, nyaata hin nyaatiinaa, barri dhumaa waan gaheef gooftaa keessan waliin wal argitu jechuun bara 2021 hanga 2023tti akka isaan dhuman gochuun himatame.
Ji'a darbe Pool Makiinzee daa'ima tokko dabalatee namoonni 191 akka dhuman taasisuun hidhaan waggaa 200 irratti darbee ture.
Abukaatoon isaa ammoo maamillikoo yakka hin qabu jechuun murtoo irratti darbe akka ol iyyatu Rooyitarsitti himeera.
Dabalataan manni murtii namoota 29 yakka kana keessaa harka qabu jedhe himateera. Haadha warraa Pool Makiinzee warra himataman keessatti argamti.
Namoonni biroo 60 himatamanii turan gadhiifamaniiru. Daarikterri abbaa alangaa biyyattii garuu namoonni kunneen gadhiifamuu hin qaban jechuun murticha irratti ol iyyachuuf akka jedhu himeera.
Namni raajii ofiin jedhu kun bara 2023 reeffi namoota 400 olii bosona Shakaahoolaa jedhu keessatti argamuu hordofee to'annoo jala oole.
Bakki kun qarqara garba Hindiitti argama. Makiinzeen tooftaa addaa fayyadamuun haga lubbuun isaanii keessaa bahutti akka soomaniif hordoftoota isaa amansiise ejdhe manni murtii.
''Gara waaqayyoo kan deeman ammoo jalqaba ijoollee, itti aansee dubartoota, sana booda manguddoota dhiira tahan akka tahe isaan amansiise.''
Hordoftoonni isaa kunneen haala kanaan yoo du'an Iyyesuss waliin wal argu jedhee barsiise jedhe manni murtii.
Barnoonnii fi qoricha yaalaaf oolu fayyadamuun cubbuu akka tahe barsiisaa turuus namoonni ragaa bahan himaniiru.
Namoonni barsiisa isaa kanneen morman ammoo haga du'anitti reebamaa turuus manni murtii kun himeera.
Namoonni isa waliin himataman ammoo amantoonni fedha isaaniin soomani malee hin dirqisiifamne jechuun ofirraa ittisa turan.
Torban kana Pool makiinzee himata irratti banaman kanneen dhagaheera.
Earlier this week, Mackenzie was also convicted of:
- Yakka qindaa'aa hawwaasa irratti raawwachuu
- Barsiisa hamaa barsiisuun sammuu amantootaa jallisuu
- Gocha shororkeessummaaf haala mijeessuu
- Miidhaa qaamaa daa'iman dabalatee geessisuun du'aaf akka saaxilamn gochuun himatameera.
Makiinzeen bara 2003 Waldaa 'Good News International Ministries' jedhamu hundeessee tajaajila jalqabe.
Waggoota 16 keessatti hordoftoota kumaatamaan argate. Tamsaasa televizhinii Taayimsi TV jedhus qaba ture. Barsiisni isaa barnootaa akka ''hamaatti'' akkasumas yaala fayyaa ''barsiisa gooftaa ykn wangeelaa kan faalleessuu'' fi waraqaa eenyummaa dijitaalaa ammoo ''mallattoo seexanaa'' jechun barsiisa ature.
Bara 2019 waldaan isaa cufamnaan gara qixxa lamaan bosona Shakaahoolaatti galuun hordoftoonni isaa akka isa waliin achi galan taasise.
Yakki kun hundi achi keessatti raawwate.
Boolliwwan awwaalchaa gadi fageenya hin qabne yeroo argamanitti, namoonni naannichaa hojii suukanneessaa kana rgan akka reeffa baasan qacaraman.
"Boolla awwaalchaa hunda keessatti yoo xiqqaate reeffi namoota sadii argama ture," jechuun James, namoota hojii reeffa baasuu irratti hirmaatan keessaa tokko, BBCtti hime.
"Reeffa bahe keessaa gariin kan daa'imman umurii isaanii torban muraasa qofa ta'e turan."
"Yeroo tokko boolla awwaalchaa tokko keessaa reeffa daa'imman 12 walitti aananii kaa'amanii argine. Kun wanta baay'ee nama rifachiisu ture. Reeffi sun akka uffata wal irratti tuulamaniitti tokko tokko irra kaa'amanii turan."
Galmeen qorannoo reeffaa (post-mortem) akka agarsiisutti, baay'een isaanii beelaan du'aniiru. Reeffi kaan garuu lafee qofaatti waan hafaniif, sababni du'a isaanii maal akka ture adda baasuun hin danda'amne.
Stephen Miwaatii nama umurii waggaa 48, ijoollee isaa ja'an hunda garee amantii kanaan walqabatee akka dhabe hime. Haati manaa isaa duraanii namoota Makeenzii waliin yakka ajjeechaa irratti hirmaachuun warra murtii argatan keessaa tokko turte.
"Ijoolleen koo ja'an hundi bosona Shakahola keessatti du'an. Isaan keessaa reeffa ilma koo Samuel qofa argadhee awwaale,'' jedhe.
Mootummaan waan kana osoo bira hin gahiin akkamiin waggoota haga kanaa ture kan jedhu mootummaa irratti gaaffii kaaseera.
Wiiliyaam Ruutoo komishinii waan kana qoratu hundeessus boodarra garuu diigameera.