Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniin Sudaan 'Itoophiyaarraa ka'e' jettuun gamoon UN Kaartuum jiru haleelame
Haleellaa diroonii Dilbata magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuum keessatti gaggeeffameen manneen jireenyaa fi gamoonni dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) rukkutamuu isaa namoonni ijaan arganii fi dhaabbatichi ibsan.
Haleellaan diroonii halkan sa'aatii 8 irraa kaasee hanga barii 10:30'tti ture buufata xiyyaaraa Kaartumii fi kutaaleen magaalaa biyyattii keessatti dhaga'ameera.
Namni ijaan arge tokko haleellaa diroonichaatiin manni jireenyaa isaa manca'uu yoo dubbatu, waraanni Sudaan ammoo dirooniiwwan kunneen kan ka'an Itoophiyaa keessaati jedheera.
"Haleellaan barii raawwatame Itoophiyaan daangaa Sudaan cabsuu isheef agarsiistuudha. Sababiin isaas dirooniiwwan kunneen kan ka'an Itoophiyaa, buufata xiyyaaraa Baahir Daar irraati," jechuun maddi tokko madda oduu AFP'tti dubbateera.
Waraanni Sudaan Itoophiyaan Humna Addaa Sudaan (RSF)f deeggarsa taasisaa jirti jechuun irra deddeebiin qeeqeera. Waraanni Sudaan fi Humni Addaa Sudaan Ebla bara 2023 irraa kaasee wal lolaa jiru.
Itoophiyaan himannaa Sudaan dhiyeessitu fudhatama kan hin qabnedha yoo jettu, himannaa haleellaa diroonii ammaa kanas mootummaan Itoophiyaa deebiin kenne hin jiru.
Viidiyoon AFP akka agarsiisutti, manneen baayyeen diigamaniiru. Meeshaaleen mana keessaa fi uffanni lafa bubbu'anii mul'atu.
Bakka haleellaan kun itti raawwatame kan jiraatu Al-Nuur Adam erga haleellaan kun raawwatamee booda mana yeroo galutti "namni tokko harka isaa bitaa, qoma isaa fi mataa isaarra miidhaan gahee siree irrati kufee ture," jechuun madda oduu kanatti dubbateera.
"Haleellaan kun qiyyaafannoo waraanaa giddu galeessa kan godhate miti," jedha Adam.
"Osoo rafaa jirtuu haleellaan sirra gahuu danda'a. Yeroo kaatu ijoollee kee dhabuu dandeessa... baayyee nama gaddisiisa. Waan kamirrattiyyu waan ta'u beekuun hin danda'amu."
Jiraataan naannoo biraa Yaasir Hasan "mana keessa jiraachaa kan turan dahoo dhabanii namoota jooraa turanidha," jechuun dubbate. "Amma haleelaan diroonii isaan mudate. Eessa deemuu dandeenyaa?"
Namni ijaan arge biraa mandara Kaartum irraa gara kibbaatti fageenya kiiloomeetira 45 irratti argamtu Jabal Awwaliyaa jedhamuun beekamutti mana jireenyaa nama Azaana masgiida tokko gaggeessurratti raawwatamuu dubbateera.
"Namoonni warra jijjigaa jalaa lubbuun oolan jalaa baasuuf yaalaa turan," jechuun namni ijaan arge kun dubbateera.
UN gama isaatiin, "mooraan qabeenya dhaabbatichaa ta'e hojjetoonni isaa bakka jiranitti rukkutamee miidhaan qaqqabeera," jedheera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajirri Qindeessaa Gargaarsa Namoomaa (OCHA) fuula X isaarratti ibsa baaseen, "haleellaan kun kan qaqqabe ganda namoonni nagaan keessa jiraatanidha," jedheera.
OCHA, namoota gargaarsa namoomaa geessan irratti yaaddoo uumuu balaaleffachuun hojjetoonni dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii balaa wal fakkaatuuf saaxilamuun isaanii "fudhatama hin qabu," jedheera.
Waraana Idilee Sudaaniif deeggarsa kan gootu Sa'ud Arabiyaan fuula X irratti "haleellaawwan gara jabinaan guutaman kana fakkaatan" akka balaaleffattu beeksifteetti.
Waraana Sudaan kan deeggartu Masiriinis karaa ministira dhimma alaa isheetiin ibsa kenniteen haleellaa kana "cimsitee akka balaaleffattu" ibsiteetti.
Aanga'oota Sudaanis ta'an kan UN sababa haleellaa kanaan lakkoofsa namoota du'anii fi miidhaan irra gahee ifa hin goone.
Sababa waraana Humna Addaa Sudaan (RSF) fi Raayyaa Waraanaa Sudaan gidduutti gaggeeffamuun hanga ammaatti namoonni kuma 200 kan ajjeeffaman yoo ta'u, Sudaan addunyaa irratti biyya beelli hamaa fi buqqa'uun itti hammaatu akka taatus godheera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii qaamoleen lamaan diroonii fayyadamuu isaanii balaaleffachuun jalqaba walakkeessa bara 2026 qofarratti namoonni 1,100 ol dirooniin ajjeeffamuu isaanii eereera.
Daa'imman dhibbaan lakkaa'aman bara kana keessa waraana kanaan ajjeeffaman keessaa harka sadii keessaa lama warra dirooniin miidhaman jedheera.
Waraanni Sudaan torban darbe kutaa bulchiinsaa West Kordofaan keessatti haleellaa diroonii raawwateen namoonni 15 ajjeeffamuun isaanii ni yaadtama.
Qaamoleen lachuu bara baranaa kana keessa kutaa bulchiinsaa albuudaan badhaatuu taate, Kordofaan to'annoo isaanii jala galfachuuf waraana cimaa gochaa jiru.