Iraan meeshaa waraanaa keemikaalaa misoomsaa jirti, dursitee nu haleeluus dandeessi jechuun akeekkachiise Ministeerri Ittisaa Israa'el. Garuu itti fayyadamuu bira hin geenye jedhe.
Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat Kibxata Iraan meeshaa waraanaa keemikaalawaa misoomsaa akka jirtu ibsuun Teehraan kana akka hin goone dhaabsisuuf dhaadatan.
"Iraan adeemsa meeshaa waraanaa keemikaalaa misoomsuurra jirti" jedhan akka miidiyaan Israa'el KAN gabaasetti Kaatz wayita rippoortarootaaf ibsa kennan.
"Israa'el Iraan dandeettii akkasii akka horattu hin heyyamtu."
Kibxata, Kaaz barbaachisaa taanan carraan Israa'el dursitee Teehraan haleeluu akka jiraatu akeekkachiisan,"
"Iraan dursitee Israa'el haleeluuf akeeka qabaachuu yoo barre, waraana keenyatti dursee akka haleelu ykn akka fashaleessu itti hin himnuu" jedhan akka gabaasa Channel 12 irraa hubatametti.
Yoo Iraanonni dursanii nu haleelan, sun kufaatii ta'a."
Yaadni Kaaz kan dhagahame yeroo Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchii Ameerikaa Dhaabbata Ittisa Meeshaalee Keemikaalaa (OPCW qaama idil-addunyaa magaalaa Heeg keessatti itti fayyadama meeshaalee keemikaalaa hordofuu fi lolu—maallaqaan deeggaruu dhiisuu isaatiin qeeqanitti ture.
Akka gabaasni Rooytarsi ibsutti, dhaabbatichi sababa Ameerikaan deeggarsa maallaqaa dhaabdeef rakkoo baajataa keessa galeera.
"Ameerikaan waa'ee meeshaalee keemikaalaatiif baay'ee yaadda'uu ishee irraa kan ka'e, qaama addunyaa kan meeshaalee keemikaalaa to'atu laamshessaa jirti," jechuun Araaghchiin Kibxata darbe fuula X ofiirratti barreessaniiru.
"OPCWn hojii isaa dhaabuu fi sagantaalee murteessoo ta'an hir'isuuf dirqamuu danda'a. Ergama isaa gufachiisuudhaan, Ameerikaan itti yaaddee nagaa fi tasgabbii addunyaa balaadhaaf saaxilaa jirti. Qaanii guddaadha."
OPCWn hojii Sooriyaa keessatti hojjeteen bara 2013tti Badhaasa Noobelii Nagaa injifateera.