US'tti namoonni siyaasaa Musliima ta'an maaliif falmii cimaa kaasisu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Yunaayitid Isteetis (US) keessatti waggoota dhiyoo as Musliimonni namoota siyaasaa ta'an baayyeen hoggansa sadarkaa olaanaa keessatti bakka argachuurra darbee dhiibbaa uumaa jiru. Haata'u malee, milkaa'inni isaanii kun deeggartoota isaanii fi warra isaan morman gidduutti falmii cimaa yeroo kaasu mul'achaa jira.

Namoota siyaasaa Musliima ta'an bebbeekamoo keessaa dubartii miseensa Kongiresii taate Ilhaan Omaar, Kantiibaa Niiwu Yoork Zoorhaan Maamdaanii, akkasumas filannoo walakkeessaa Ameerikaa bara kanaan isteeta Michigaan bakka bu'uun Senaatera kan ta'e Abdul El-Sayed warra eeramanidha.

Bahanii mul'achaa jiraachuun isaanii YunaayitidIsteetis keessatti Musliimonni siyaasaa keessatti hundee godhachaa dhufuu isaaniifi hangam rakkoon kan isaan mudatu ta'ullee murteewwan egeree biyyattii ilaallatan keessatti hirmaannaan taasisan dabalaa dhufuu mul'isa.

Haaata'u malee, milkaa'inni isaanii maaliif akkas falmii baayyee kaasaa?

Shakkii haleellaa 9/11 booda dhalate

Haleellaa Fulbaana 11, 2001 booda, Musliimota Yunaayitid Isteetis bakka gara garaa keessa jiran loogiin, shakkiin, akkasumas moggeessuun isaan mudateera.

Yeroo sanatti, hawaasa Musliimaaf rakkoo guddaa kan ture amantaan Islaamummaa isaanii akka lammii Ameerikaatti mirga isaanii guutummaatti fayyadamuu akka isaan hin dhorkine mirkaneessuu ture.

Haata'u malee, yeroo ammaa kana siyaasa keessatti gaggeessitoonni Musliima ta'an bahanii mul'achaa jiraachuun hawaasichi hoggansa biyyattii keessatti bakki argachaa dhufan dabalaa jiraachuu agarsiisa.

Gaggeessitoonni kunneen dhimmoota lammilee kamiiifuu murteessoo ta'an kanneen akka dinagdee, fayyaa fi barnoota irrattis marichaa jiru.

Siyaasni Ameerikaa jijjiiramaa jiraa?

Hayyoonni siyaasaa idil-addunyaa xiinxalan dhiibbaan namoota siyaasaa Musliima ta'an guddachaa dhufuun siyaasni Ameerikaa daneessummaa ummata biyyattii keessa jiraatanii calaqqisiisuun isaa dabalaa dhufuu argaa jirra jedhu.

Haata'u malee, milkaa'inni isaanii kun akkasumaan qeeqa malee kan argame miti. Warri isaaniin morman imaammanni isaanii, akkasumas ejjennoowwan isaanii kallattii isaan Yunaayitid Isteetisiif akka ta'u fedhaniin miti jedhu.

Haata'u malee, namoonni siyaasaa warri akka Ilhaan Omaar, Zorhaan Mamdaanii, akkasumas Abdul El-Sayen bahanii mul'achuun Musliimonni murtee siyaasaa sadarkaa olaanaa keessatti bakka argachuun isaanii dabalaa dhufuu agarsiisa.

Haalli akkasii kun uumamuun siyaasa Ameerikaa jijjiiruu keessatti gahee mataasaa gumaachaa jira.

Ilhaan Omaar

Miseensa Kongireesii kan taane Ilhaan Omar dhimmoota hedduu irratti, immigireeshinii, Islaamummaa, sanyummaa, shororkeessummaa, akkasumas imaammata Ameerikaan biyyoota biroo keessatti qabdu dabalatee, Pirezidaant Doonaald Tiraamp waliin wal dhabdi ture.

Ilhaan Omaar Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa US keessatti Minnesota bakka buutee hirmaatti. Somaaliyaatti dhalattee boodarra gara Ameerikaatti godaante, Ilhaan qeeqxota ija jabinaanTiraamp dura dhabbatan keessaa tokkodha.

Bara 2019 keessa Tiraamp waa'ee Ilhaan Omaari fi miseensota Kongiresii paartii Dimookiraatotaa biroo sadii arrabsuufi xiqqeessuun dubbatee ture. Hundi isaanii dubartoota sanyiin isaanii gurraacha ykn dubartoota godaantota ta'an turan.

Tiwiitara irratti Tiraamp waan Ameerikaa yoo garaa isin hin ga'u ta'e, Ameerikaa qeequu dhiisanii "biyya irraa dhufanitti" deebi'uun rakkoo achi jiru furuuf gargaaruu akka qaban dubbate.

Dubbiin kun qeeqa bal'aa kan kaase yoo ta'u, gariin Tiraamp sanyummaa fi jibba kakaasuun himataniiru.

Ilhaan Omaar deebii kenniteen ilaalcha olaantummaa warra adii itti fufsiisuu fi Ameerikaanota addaan qooduuf yaaluun isa himatte.

Falmiin kun kan hammaate hiriira duula filannoo Tiraamp Giriinviil, Kaaba Kaarolinaatti geggeeffamerratti ture. Tiraamp Ilhaan Omaar yeroo qeeqetti deeggartoonni isaa tokko tokko ammoo yeroo sagalee guddaan "biyyasheetti ishee deebisi!" jedhan dhaga'amaniiru.

Ilhaan haleellaa shororkeessaa Fulbaala 11, 2001, kan yeroo baayyee 9/11 jedhamuun beekamu ilaalchisee yaada kenneen qeeqamaa tureetti. Haasaa tokko keessatti haleellaa raawwatame ibsuuf jecha "Namoonni tokko tokko waan tokko hojjetan" jedhu fayyadamteetti.

Musliimonni Ameerikaa haleellaa kana booda qeeqa, shakkii fi loogiin akka dabale akkamitti akka isaan mudate irratti mari'achaa turan.

Tarkaanfii biraatiin, miseensonni mana maree Rippabilikaanotaa mana maree bakka bu'oota uummataa keessa jiran, koreewwan mana maree kana keessatti dhiibbaa guddaa qaban keessaa tokko kan taate koree dhimma alaa keessaa Ilhaan Omaar akka kaasan sagalee kennaniiru.

Rippabilikaanonni tarkaanfiin kun yaada isheen kanaan dura waa'ee Israa'el dubbatterratti kan hundaa'e yoo ta'u, kanas akka farra Seemitikii ta'etti hiikaniiru jedhan.

Ilhaan dubbii dubbatte tokko tokkoof dhiifama gaafattus, koree kana keessaa kaafamuun ishee dubbii dubbateef osoo hin taane, sababa siyaasaaf akka ta'e dubbatteetti.

Akkasumas, dubartii Musliimaa waan taateef xiyyeeffannaan irratti taasifamaa akka turte himattee, amantii fi seenaan ishee miseensota paarlaamaa biroo irraa qeeqni akka ishee mudatu taasiseera jetteetti.

Zohraan Mamdaanii

Amajji bara 2026 irraa eegalee Kantiibaa magaalaa Niiwu Yoork kan ta'e Zohraan Mamdaanii, ejjennoo siyaasaa isaa irrattis falmii jabaa kaasaa turaniiru.

Dhimmoonni baay'ee falmisiisaa ta'an ejjennoo inni waldhabdee Israa'elii fi Filisxeem irratti qabu, himannaa farra Yihudootaa, haaromsa poolisii fi imaammata dinagdee isaati.

Zorhaan Mamdaniin gocha Gaazaa fi West Baank keessatti raawwatamerratti mootummaan Israa'el mirga Filisxeemotaa sarbuurratti qeeqaa tureera.

Ejjennoon kun gareewwan Israa'el deggeran, akkasumas namoota siyaasaa tokko tokko irraa qeeqa kan itti fide yoo ta'u, Filisxeem ilaalchisee ni looga jedhu.

Tokko tokko dubbiin inni waa'ee Israa'el dubbatee fi tattaaffii biyyattii irratti dhiibbaa uumuuf taasifamu deeggaruun isaa waa'ee farra Yihudootaa yaaddoo uuma jedhu.

Zorhaan Mamdaaniin garuu himannaa kana haaleera. Mootummaa Israa'el qeequun Yihudoota jibbuu jechuu miti jedha.

Dhimma biyya keessaa irratti Mamdaaniin maallaqa Kutaa Poolisii Niiw Yoorkiif ramadamu tokko tokko hir'isuun maallaqa kana gara tajaajila mana jireenyaa, barnootaa fi walgargaarsa hawaasummaatti akka ramadamu yaada dhiyeessee jira.

Mormitoonni tarkaanfiin kun nageenya hawaasaa miidhuu akka danda'u akeekkachiisu. Haata'u malee, deeggartoonni tajaajila akkanaa irratti invastimantii gochuun sababoota bu'uuraa yakka furuuf gargaara jedhu.

Mamdaaniin ilaalcha sooshaal dimokiraatii wajjinis wal qabata. Mootummaan diinagdee bulchuu keessatti gahee guddaa akka qabaatu barbaada.

Ejjennoo kun Rippabilikaanonni fi Dimookiraatonni jiddu galeessa ta'an tokko tokko imaammattoonni isaanii gahee mootummaan dinagdee keessatti qabu garmalee babal'isuu danda'a jechuun akka isa qeeqan taasiseera.

Haata'u malee, kan isa qeeqaa jiran mormitoota isaa qofa miti. Deeggartoonni mirga Filisxeemotaarratti tokko tokkos dhimmoota tokko tokko irratti cimaa akka hin taane himaniiru.

Ejjennoowwan kanaan kan ka'e Mamdaniin namoota siyaasaa Niiwu Yoorkitti baay'ee irraatti dubbataman keessaa tokko ta'ee jira.

Mohaammed Abdul El-Sayed

Abdul El-Sayed namoota siyaasaa bara 2026 keessa Ameerikaa keessatti xiyyeeffannaa namoota hedduu hawwatan keessaa tokko ta'ee jira.

Miseensa Paartii Dimookiraatotaa, ogeessa fayyaa fi itti gaafatamaa boordii fayyaa magaalaa Detrooyit duraaniiti.

Deeggarsa siyaasaa dabalataa akkuma argachaa dhufeen falmii fi himannaa adda addaa isa mudateen dubbii biyyattii isa taasiseera.

Himannaa falmii kaase keessaa tokko garee Muslimaa 'Muslim Brotherhood' jedhamu Masrii keessa jiru waliin hidhata qaba jedhame ilaallata.

Himannaan kun kan ka'e obboleettiin isaa haadhaan tokkoo haati isaanii sochii garee kanaa keessatti hirmaattee akka turte ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansitee boodadha.

Abdul El-Sayed himannaa kana haaluun, gonkumaa miseensa garee kanaa akka hin taanee fi ragaan kallattiin garee kanaa waliin walitti dhufeenya akka qabu agarsiisu akka hin jirre dubbateera.

Xiinxala siyaasaa yaada falmisiisaa kennuudhaan beekamu Hasan Piiker waliin hariiroo qabaachuu isaatiinis qeeqameera.

Piiker kanaan dura haleellaa Fulbaana 11 raawwatame ilaalchisee ibsa falmisiisaa kan kenne yoo ta'u, boodarra dhiifama gaafateera.

Rippabilikaanonni tokko tokko fi Dimookiraatonnillee Abdul El-Sayed deeggarsa Piiker fudhachuu isaatiin qeeqaniiru. Haata'u malee, El-Sayed yaadni Piiker duula filannoo isaa bakka hin bu'u jedheera.

Bitootessa bara 2026 keessa haleellaan mana sagadaa Israa'el, Detrooyit ala jiru keessatti raawwatame falmii biraa kaase.

El-Sayed haleellaa kana erga balaaleffatee booda ''warra madaa'an warra kaan warra madeessanidha'' jedhe. Haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwateen miseensonni maatii shakkamaa haleellaa kanaan ajjeefaman tokko tokko akka ajjeefaman eeruun isaa ni yaadatama.

Ibsi kun namoota haleellaa kanaaf sababa ta'uuf yaaliin godhame jedhanii ilaalan irraa qeeqni mudateera.

Boodarra El-Sayed yeroo sanatti ibsa kana kennuu hin qabu ture jechuun dhiifama gaafatee ture.

Yeroo duula filannoo paartii Dimookiraatotaa kaadhimamaa Seenetii Michigaan ta'ee dhiyaachuun gaggeeffametti mormitoonnisaa dubbii dubartoota xiqqeessu dubbateera jechuun himataniiru.

Qeeqni kun ibsa inni waa'ee Bulchaa Gretchen Whitmer fi dubartoota beekamoo biroo irratti kenne tokko tokko irratti kan xiyyeeffate ture.

El-Sayed himannaa kana kan haale yoo ta'u, qeeqni isaa dhaabbilee siyaasaa fi sirna bulchiinsa irratti kan xiyyeeffate malee dubartoota akka koorniyaatti miti jedhe.

Ejjennoo inni Israa'elii fi Filisxeem irratti qabus falmii guddaa kaaseera.

El-Sayed waraana Israa'el Gaazaa irratti geggeessitu duguuggaa sanyii jechuun Ameerikaan gargaarsa waraanaa Israa'eliif gootu akka dhaabdu gaafateera.

Ejjennoo kanaan deeggarsa gareewwan Israa'el deggeran tokko tokkoo kan isa dhabsiise yoo ta'u, isaan keessaa tokko tokko maallaqa guddaa baasuun dorgommii isaa Seenetiif taasisu dura dhaabbataniiru.

Pirezidaant Doonaald Tiraampis yeroo duula filannoo teessoo kanaaf taasisutti yeroo hedduu irratti duuleera. Tiraamp ''jihaadiin gara jabeessa'' jechuun waamuun, sababa amantii Musliimaa isaatiin senaatara ta'uuf ga'umsa qabaachuu fi dhiisuu isaa gaaffii kaaseera.

El-Sayed imaammata dinagdee fi walgargaarsa hawaasummaa irratti qabu irratti mari'achuu dhiisanii amantii isaa dhimma siyaasaa gochuuf tattaaffiin taasifamaa ture jechuun deebii kenneera.

Falmiin kun jiraatus, El-Sayed namoota siyaasaa Ameerikaa keessatti baay'ee jaallataman keessaa tokko ta'uun itti fufeera.

Amma ammoo paartii Dimookiraatotaa bakka bu'uun Seeneetii Ameerikaa keessaa teessoo injifateera.

Imalli siyaasaa isaa miira farra Musliimaa, waldhabdee Israa'el fi Filisxeemiin, imaammata immigireeshinii fi bakka Musliimonni gita mootummaa ol'aanaa irra jiran irratti gaaffii kaaseera.

Haala kanaan imalli isaa gaazexeessitootaa fi xiinxaltoota siyaasaatiin hordofamuu itti fufee jira.

Sababa namoonni siyaasaa Musliima ta'an US keessatti jaallatamaa dhufaniif

Namoonni siyaasaa Muslimaa ta'an Ameerikaa keessatti maaliif beekamtii fi fudhatama argachaa dhufan?

Naajeeriyaa Yunivarsiitii KadunaaIsteetirraa Piroofeesar Tukur Abdulkadir sababoonni jijjiirama kanaaf gumaachan hedduudha jedha.

Erga haleellaa Fulbaana 11 raawwatame as miidiyaaleen tokko tokko amantii Islaamaa fi Muslimoota maqaa balleessuuf itti fayyadamaa akka turan dubbata.

Haata'u malee, yeroo ammaa kana keessa akkaataa namoonni odeeffannoo itti argatan irraa kan ka'e haalli kun jijjiiramuu eegaleera jedhee amana.

"Jaarraa 21ffaa kana booda namoonni odeeffannoo argachuuf televijiinii fi gaazexaa qofarratti hin hirkatan.

Dur miidiyaaleen kunneen tokko tokko olola babal'isuuf, namoota malaammaltummaadhaan akka raawwataman, akkasumas gatiiwwan hawaasummaa gadi buusuuf itti fayyadamaa turan," jedha.

Itti dabaluunis, miidiyaaleen hawaasaa namoonni waan gulaaltota miidiyaatiin filataman irratti hirkatanii osoo hin taane, kallattiin odeeffannoo argachuuf carraa kenneera jedha.

Sababni inni kaasu biraan immoo adeemsa yeroo keessa ilaalchi hawaasaa jijjiiramaa jiraachuu isaati.

Islaamummaan lammiilee Ameerikaa biratti jaalala horachaa akka jiruu fi haala jijjiirama hawaasaa keessatti jiru hubatamuu akka qabu dubbata.

Ogeessi siyaasa idil-addunyaa kun, akkasumas waraanni Israa'el namoonni tokko tokko Ameerikaa, Pirezidaant Doonaald Tiraamp fi imaammata dhimma idil-addunyaa irratti qaban qeequu akka jalqaban gumaacheera jedhu.