Biyyoonni lixaa tattaaffii marii AUn Kaaba Itoophiyaatti taasisu akka tumsan ibsan

Adda babayii suuraalee alaabaa TPLF qaban, namni tokko harkaan gaarii oofa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.

Biyootni kunneen naannoo Tigraayi kan gogiinsa hamaadhaan miidhametti lolli ka'uun uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaa' akka ta'u akeekkachiisan.

Dipilomaatonni biyyoota kunneenii Itoophiyaatti argaman kana kan jedhan Roobii darbe ibsa waloo baasaniini.

Biyyoota Awurooppaa ibsa kanarratti hirmaatan keessaa Faransaayi, Xaaliyaanii, Jarmanii, Beeljiyeemii fi Ispeen keessatti argamu.

Biyyootni kunneen haala kaabaa Itoophiyaa 'yaaaddoo guddaadhaan' hordofaa akka jiran ibsan.

Biyyootni kunneen ibsa kana kan baasan yeroo tibbana haleellaan diroonii naannoo Tigraayi keessatti raawwatamaa jiraachuu, naannicha to'atee kan jiru, TPLF, ibsaa jirutti.

Haleellaa diroonii lama torbee darbe keessa naannichatti raawwatameen namotni 13 miidhaan irra gahuun ibsamee ture.

Akka angaa'onni naanniochaa jedhanitti, haleellaa diroonii Wixata darbe bakka Nideraa jedhamutti raawwatameen namni tokko yoo ajjeefamu nama tokko irra ammoo miidhaan qaamaa gaheera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Mootummaan federaalaa waa'ee haleellaawwan diroonii jedhaman kanaa hanga ammaatti waan ibse hin jiru.

Haa ta'u malee humnootni Tigraayi garee 'Tsimdoo' jedhamu hundeessuun hidhattoota biyya keessaa kaanii fi qaamolee alaa hirmaachisuun hojjechaa jira jechuun himataa ture.

Hidhattoota kaan waliin qiondoomina uumuu kan himan angaa'onni TPLF, ilaalchota 'Mootummaa giddugaleessaa aangoorraa dhabamsiisuu' jedhu ifatti yoo dubbatan dhagahamaa ture.

Muddamni kuni akkanaan osoo jiruu mariisisitoota waliigaltee Piriitooriyaa keessaa tokko kan ta'an Pirezedaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliseegun Obasaanjoo Wiixata darbe angaa'ota TPLF waliin mari'ataniiru.

Obasaanjoon ji'a Caamsaa darbe 'Afrikaatti tattaaffii nagaa fi tasgabbii buusuuf taasifamu akka deeggaraniif' Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa olaanaa Gamtaa Afrikaa ta'anii muudamuun isaanii ni yaadatama.

Gamtaan Awurooppaa fi biyyootni sadii ibsa baasaniin, "pirezedaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa olaanaan Gamtaa Afrikaa Obasaanjoon daawwannaa Finfinnee fi Maqaleetti taasisaniin marii akka haaraatti eegalchiisuu isaanii fuula ifaadhaan simanna" jedhan.

"Qaamoleen hunduu bara 2022 Afrikaa kibbaa Piriitooriyaatti kan mallatteessan waliigaltee dhibdee fulla'iinsaan furuu hojiirra oolchuuf garaa qulqulluudhaan akka hojjetan" jechuun waamicha dhiheessan.

Itti dabaluunis, naannoo durumayyuu gogiinsa hamaadhaan miidhamee fi fedhiin gargaarsa namoomaa jiru, Tigraayitti duumessi waraanaa deemu uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaadha' jechuun akeekkachiisan.

Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamus ibsa Kibxata darbe baaseen, tattaaffii jaarsummaa Obsaanjootiif deeggarsa qabu ibseera.

Haalli sukaneessaan waliigaltee Piriitooriyaatiin xumuramee ture irra deebiin ka'uufi yaaddoo jedhuun yeroo sodaan guddaan uumamee jiru kanatti gaheen bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa, Obasaanjoo murteessaadhas jedhe imbaasichi.

Ibsa kana kan baasan Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa fi Afrikaatti hoji raawwachiisaa Ergama Ameerikaa kan ta'an Walter Paariis "duree Itoophiyaatiif waan haalaan murteessaa ta'e irratti' Pirezedaantii duraanii Obasaanjoo waliin mari'achuuf eegaa akka jiran ibsan.

Bulchiinsii naannoo Tigraayi TPLF'n durfamu ibsa Roobii darbe baaseen, Obasaanjoon ji'a Waxabajjii darbe gara Maqalee erga imalaniin booda 'Hordofffii fi too'annoon taasifamuu dhabuutti gammachuu akka hin qabne' ibse.

Mootummaa federaalaa waliin mari'achuufis haaldureewwan murteessoodha jedhus ifoomseera.

"Qoqqobbii dinagdee kaasuu, marfama waraanaa kaasuu, muddama uumame tasgabbeessuu fi daangaan Naannoo Tigraayi bakka turetti akka deebi'u" kanneen jedhan keessatti argamu.

Mootummaan federaalaa waa'ee daawwannaa Obasaanjoon gara Maqaleetti taasisan irratti ifatti wanti jedhe hin jiru.

Muummuchi ministeeraa Dr. Abiy Ahimad Ji'a Adoolessaa darbe Obasaanjoo waajjira isaaniitti yeroo simatanitti pirezedaantichi "Muxannoo adeemsa nagaa Biyaafraa gaggeessuu irratti horatan' akka isaaniif ibsan eeranii ture.

Muuxannoon kuni tattaaffii Itoophiyaan imala tokkummaa fi nagaa fulla'aa mariidhaan mirkaneessuuf taasisaa jirtuufis fakkeenya guddaa akka ta'u himan.

Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatiin kan hundaa'ee ture Bulchiinsa Yeroo diiguudhaan angaa'onni TPLF aangoo erga too'ataniin booda muddamni mootummaa Federaalaa fi isaan gidduu hoo'aa dhufeera.

Kanuma hordofuudhaan ammaan dura bakka Sharariinaa jedhamutti lolli taasifamee kan ture yoo ta'u, torbeewwan darban kana kutaalee Tigraayi adda addaatti haleellaawwan diroonii akka raawwataman ibsamaa ture.

Kanumarraa ka'uuni qaamolee lamaan gidduutti waraanni bifa haaraan ka'uu mala kan jedhu hawaasa keessatti yaaddoo guddaa kan uumee jiru.