Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aleksaadiriyaa-Masirii dabalatee magaalonni Afrikaa muraasni dhidhimaa jiraachuu qorannoon mul'ise
Magaalonni gurguddoo Afrikaa muraasni saffisa kanaan dura yaadame caalaa dhidhimaa ykn liqinfamaa jiraachuu qorannoon haaraa bahe mul'ise.
Qorattoonni dhaabbata qorannoo hawaa Awurooppaa kan ta'e Seentineel -1 irraa ragaa saatelaayitii argatan fayyadamuun magaalota Afrikaa 20 qarqara galaanaa jiran lafti isaanii hangam akka socho'aa jiru baruu danda'aniiru.
Qorannoon kun magaalaa Naajeeriyaa, Leegoosii fi kan Masirii, Aleksaadiriyaa dabalatee magaalonni hangi tokko hanga waggaa shan dura dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waa'ee jijjiirama haala qilleensaa kan hordofu 'Intergovernmental Panel on Climate Change' tilmaame caalaa saffisaan dhidhimaa akka jiran hubateera.
Mudannoo kanaaf sababoonni hangi tokko uumama ta'ulleen harki caalaan garuu sochiiwwan namootaa bishaan lafa jalaa baasuu waliin wal qabatu.
Barreessaan olaanaa qorannoo kanaa Aluwaasey Daashoo akka jedhetti, liqimfamuun magaalotaa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti mul'achuu baatanis waggoota kurnan keessatti "lolaaf saxilamuun isaanii baayyee dabaluu danda'a," jedheera.
Kun ammoo kan mudatuuf lafti isaa liqimfamaa yeroo deemutti qixa galaanaan gadi waan ta'uuf akka ta'e kan ibsu qorataan kun, kunis ol ka'insi sarara galaanaa dabalee balaa akka qaqqabsiisu ibseera.
Haala kanaan bara 2050 namoonni miliyoona torba, gamoowwan miliyoona tokko, akkasumas qabeenyaawwan dolaara biliyoona 180 baasan balaa lolaatiif saaxilamuu akka danda'an qorannoon kun tilmaama isaa kaa'eera.
Kanaan dura qorattoonni hanqinni buufata hordofii waan hin jirreef, odeeffannoon magaalota Afrikaa dhidhimaa jiranii ilaallatu akka hin argamne taasisuu Daashoon dubbateera.
Haata'u malee, qorattoonni Yunivarsiitii Tekinooloojii Joorjiyaa ragaalee saatelaayitii fayyadamuun waggaatti sochiin lafaa miiliimeetira tokko ta'u akka jiru adda baasuu danda'aniiru.
Qorataa olaanaa qorannichaa kan ta'e Maanoochir Shaarzahii akka jedhutti, saatelaayitiiwwan 'Seentineel-1' gargaaramuun lafa qaxanaa sana keesa jirurratti guyyoota ja'aa hanga 12 keessatti ni hordofu.
Saatelaatonni kunneen ergaawwan gara raadaarotaatti erguu fi fudhachuun, akkasumas adeemsa isaa akka gamagaman gochuun gamagamni gadi fagoo taasifamuu isaanii piroofeesarri Ji'oo Saayinsii ibseera.
Yeroo ergaan kun itti ergamuu fi fudhatamu gidduu kan jiran kan galmaa'an yoo ta'u jijjiiramoonni jiran baayyina yerootiin Dacheen hangam akka sochoote agarsiiseera jedhe.
Haaluma kanaan lafti Aleksaandiriyaa fi Leegoos jiru waggaatti giddu galeessaan miilii meetira 6 dhidhimee argameera.
Kun akkasiin kan itti fufu taanaan hangi sarara galaanaa Aleksaandiriyaa jiruu bara 2050tti kan kanaan dura tilmaamameen dhibbentaa 36 ni dabala. Kun ammoo tilmaama giddu galeessaa dhaabbataichaa ho'insi hangam dabaluu danda'a kan jedhurratti kan hundaa'edha.
Magaalaan Angoolaa, Luwaandaanis liqimfamaa kan jirtu yoo taatu, magaalonni warra Darban-Afrikaa Kibbaa warri ta'an ammoo bakkuma jiranitti ykn xiqqoo ol ka'aa dhufaniiru.
Shirzaahiin, IPCCn balaa jiru gadi xiqqeessee akka tilmaame ibsuun, garuu yaaddoon kun bakkawwan humnaa ol itti tilmaamame agarsiisuun rakkoo kanaaf deebii kennuuf warra karoora baasan gargaaruu akka danda'u dubbateera.
Taateen kun garri caalu sababa sochii nam-tolcheetiin uumamuu isaa kan ibse qorataan kun, kun ammoo imaammatawwan anaannoo baasuun itisuun ni danda'amas jedheera.
Kanaaf sababiin tokkoo fi inni ijoon fayyadamni bishaanii magaalota saffisaan guddatanii dabaluu isaati.
Bishaaan humnaa ol ta'e lafa jalaa baasuun biyyoo isaarratti dhiibbaa waan fiduuf akka lafti dhidhimu gochuu danda'a.
Laga Abbay irratti kan argamu Hidhaan Aswaan dalalii (biyyoo lolaan kuusu) biyyoota yaa'a gara oliirraa dhufu waan calaluuf lafti Aleksaandiriyaa liqimfamaa jiru akka bakka hin buune gochaa jiraachuu qorannoon kun mul'iseera.
Leegoositti ammoo yaalii odolawwan nam-tolchee uumuudhaaf taasifamuun, akkasumas lafa lallaafoo ta'an irratti ijaarsawwan gamoo taasifaman sababa liqimfamuu isheetiif sochiiwwan nam-tolcheedha.
Magaalonni akka hin dhidhimne ittisuudhaaf, filannoowwan biroo karaa bishaan ittiin argaman dhiyeessuu, akkasumas midhaan bishaan hedduu hin barbaadne omishuun gargaaruu akka danda'u qorannoon kun eeree jira.
Oluwaasey Daashoonis qorannoon Science Advance irratti bahe mootummoonni Afrikaa "rakkoowwan gara fuula duraatti isaan mudatu, keessumaa ammoo gara fuula duraaf dhaloonni haala gahaa ta'een akka qophaa'aniif"isaan gargaaruu akka danda'u abdii qabaachuu dubbate.