Israa'el akka godaantonni Afrikaa biyya isheeti bahaniif doolara kennaa jirti, Itoophiyaanota ni dabalataa?

Madda suuraa, AFP
Israa'el godaantonni Afrikaa biyyattii keessa hayyama jireenyaa malee jiraatan, fedhii isaaniitiin biyyattii keessaa bahan jajjabeessuuf deeggarsa maallaqaa taasisaa jirti.
Akka karoora mootummaa Israa'elitti namni ulaagaalee guute tokko fedhii isaan Israa'el gad dhiisuu barbaade doolaara Ameerikaa 3,500 fi tikkeettii xiyyaaraa bilisaa argata.
Sagantaan kun Sadaasa 9, 2026 eegale- hanga Mudde 31, 2026tti kan itti fufu ta'uun ibsameera.
Karoorri kun lammiilee biyyoota Afrikaa Israa'el keessa waggaa lamaa ol hayyama immigireeshinii seera qabeessa ta'e malee jiraatan irratti xiyyeeffata.
Namoota yeroon viizaan isaanii xumuramee fi kanneen hayyama jireenyaa yeroo muraasaa qofa qabanis kan dabalatuudha.
Tarkaanfiin kun qaama aangawoonni Israa'el lakkoofsa godaantota fedhii isaaniitiin gara biyya isaaniitti akka deebi'an taasisuuf irratti waliigalan ta'uun eerameera.
Godaantota biyyoota kamfaa dabalata?
Jalqaba irratti karoorri Doolaara 3,500 fi tikkeettii xiyyaaraa lammiilee biyyoota Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabne tokko tokko irratti kan xiyyeeffate ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Bara 2025 keessa lakkoofsi namoota fedhii isaaniitiin biyyattii gadhiisanii dhibbeentaa 20'n hir'ate ture. Godaantota biyyoota Afrikaa irraa gara Israa'el deeman keessaa dhibbeentaa 89 kan ta'an lammiilee Ertiraa turan.
Akkasumas lammileen Itoophiyaa gara kuma 170 ol ta'an Isra'el keessa jiraatu.
Kanaaf sagantaan kun jalqabarratti lammiilee biyyoota akka Ertiraa, Itoophiyaa, Sudaan, Kotdivuwaar fi Giinii irratti xiyyeeffachuun ifoome.
Amma garuu lammiilee biyyoota Afrikaa kamuu ulaagaa sana guutan deeggarsa kanaan Israa'el akka gadi lakkisan akka hammatu taasifamee jira.
Namoonni haala kanaan biyyatti keessa bahuu barbaadan karaa interneetii akkasumas waajjiraalee dhimma godaantotaa deemun iyyaachuu danda'u.
Af gaaffii isaaniif taasifamuu yoo milk'aan akkasumas sanadoota imalaaf isaan barbaachisu yoo qopheeffatan maallaqa doolaara 3,500 ykn Birrii Itoophiyaa kuma 600tti tilmaamuu fi tikkeettiin xiyyaaraa argatu.
Mallaqichi kan kennamuuf garuu yeroo namoonni kun buufata xiyyaaraa irraa balali'uuf xumura irra ga'anittidha.
Kana malees, namoonni iyyatanii milkaa'an hanag biyyaattidha ba'anitti qophaa'uuf hanga torban lamaa, hidhaa immigireeshinii irraa bilisa ta'uu danda'u.

Madda suuraa, AFP
Abbaan Taayitaa Baay'ina Uummataa fi Immigireeshinii Israa'el akka jedhetti, kaayyoon sagantaa kanaa godaantonni biyyattii fedhii isaaniitiin akka ba'an taasisuun, kabaja isaanii eeguu dha.
Sagantaa kana babal'isuun kan murtaa'eef, sababa baay'inni godaantota deeggarsa mootummaa fudhatanii Israa'el keessaa ba'anii hir'achaa yeroo dhufetti.
Lakkoofsi mootummaa akka agarsiisutti, namoonni deeggarsa kanaan biyyattii gadhiisan bara 2024 keessa 3,511 turan. Bara 2025 garuu gara 2,815tti gadi bu'e.
Kunis hir'ina dhibbeentaa 20tti dhiyaatuudha.
Aanga'oonni Israa'el hir'ichuun carraan godaantota , ulaagaaleen imala gara Ameerikaa fi Kanaadaa jabaachuu fi waraana Baha Giddu galeessaa irraa kan ka'e balali'insi xiyyaaraa gufachuu waliin walqabata jedhu.
Sagantaan haaraan kun imaammata MM Israa'el Benjamin Neetaniyaahu bara 2018 keessa jalqabe irratti kan hundaa'eedha.
Yeroo sana mootummaa Israa'el, namoonni koolu-galtummaa barbaadan kanneen Ertiraa fi Sudaan irraa dhufan biyyattii akka gadhiisan jajjabeessuuf sagantaan akkasii baasee ture.
Akkuma kana namoonni biyyattii gadhiisuuf walii galan doolaara 3,500 fi tikkeettii xiyyaaraa bilisaa argatu turan.
Haa ta'u malee, sagantaan sun Ebla 2018 keessa, gufuuwwan seeraa fi waliigalteen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) godaantota biyyoota biroo keessatti qubachiisuuf karoorfame fashalaa'uu hordofee dhaabbate.
Ugaandaa fi Ruwaandaan, yeroo sana biyyoota godaantonni kunneen itti qubachiifamuu danda'an jedhamee eeraman keessaa turan.
Biyyoonni lamaan garuu Israa'el waliin dhimma kana irratti waliigaltee qabaachuu isaanii ni haalan.
Dhaabbileen mirga koolu-galtootaa fi godaantotaa kabachiisuuf hojjetan sagantaa Israa'el qeeqaniiru.
Namoonni biyyoota isaanii keessatti waraana, jeequmsa fi dhiibbaa siyaasaa jalaa baqatan biyyattiin akka gadhiisan dirqisiifamuu danda'u jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Sagantaan faallaa Israa'el Kanaadaan baafte maali?
Yeroo Israa'el godaantota Afrikaa biyyattii keessaa akka ba'an taasisaa jirtu kanatti, mootummaa Kanaadaa ammoo sagantaa godaantota haaraa namoota 5,500 ta'aniif carraa hayyama jireenyaa dhaabbataan kennuuf qopheessuu beeksiseera.
Sagantaan kun namoota biyyoota addunyaa garaagaraa irraa dhufan, keessumaa ogeessota ogummaa fi muuxannoo hojii qaban irratti xiyyeeffata.
Kaayyoon sagantichaas hanqina hojjettoota ogummaa qaban naannolee magaalaawwan gurguddoo Kanaadaa jiran keessatti mul'atu guutuuf ta'uun ibsameera.
Akka mootummaa Kanaadaa ibsetti, sagantaan kun Amajjii 1, 2027 ni jalqaba.
Namoonni filataman naannolee sagantaa kana keessatti hammataman keessa jiraachuu fi hojjechuu danda'u.
Lammiileen biyyoota Afrikaa Kanaadaa keessa jiraachuu fi hojjechuu barbaadan carraa kanatti fayyadamuu danda'u. Haa ta'u malee, sagantaan kun nama hundaaf banaa miti.
Namoonni iyyatan barnoota, ragaa ogummaa, muuxannoo hojii fi dandeettii hojii argachuu isaan dandeessisu qabaachuu akka qaban ibsameera.
Kanaafuu, namoonni carraa kana fayyadamuuf yaadan, ulaagaalee sagantichaa guutuu isaanii dursee mirkaneeffachuu akka qaban eerameera.


























