MM Abiy Ahimed gara biyya Ertiraa waliin araarsuuf gaafatte Raashiyatti imalan

Abiyyi fi Giftii duree
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

MM Abiy Ahimad fi Isayyaas Afawarqii Moskootti argaman. Raashiyaan Itoophiyaa fi Ertiraa walitti fiduuf qophii ta'uu ibsite.

Ministitirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa sadaffaa irratti hirmaachuuf Moskoo, Raashiyaatti imaluu isaanii Waajjirri Muummicha Ministiraa beeksiseera.

Imalli Dr. Abiy kun yeroo Raashiyaan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddama dhalate karaa marii fi dippilomaasiin akka furamuuf jaarsummaan fuuuf qophii ta'uu ibsaa jirtutti.

Raashiyaan, biyyoonni lamaan yoo fedhii qabaatan, bakka bu'oota isaanii walitti fiduun akka mari'atan haala mijjeessuuf qophii ta'uu beeksisteetti. Akkasumas, mariin kun yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa Moskootti gaggeeffamu cinaatti geggeeffamuu akka danda'u ibsameera.

Pirezidaantiin Ertiraa Isayyaas Afawarqiis Yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa kana irratti Raashiyaa Mooskotti taa'amu irratti hirmaachuuf kaleessa ganama gara Moskoo imalan.

Akka ibsa mootummaa Ertiraatti, Isayyaas yeroo Moskoo turan Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota biroo faayidaa waloo irratti mari'atu.

Jila kana keessatti Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleh ni argamu.

Yaa'ichi tumsa diinagdee, daldalaa, invastimantii, anniisaa, wabii nyaataa, qonnaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffata jedhame.

Imalli Isayyaas kun yeroo Raashiyaan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddama siyaasaa fi waraanaa hammaate karaa marii fi waliigalteen akka furamuuf jaarsummaa taa'uuf yaalii gochaa jirtutti ta'e.

Muddama waraanaa biyyoota ollaa lamaan giddutti tibbana ta'e sababeeffachuun Raashiyaan, biyyoonni lamaan yoo fedhii qabaatan wal dhabdee isaanii mariin akka furatan haalaa akka miijessitu ibsitee turte.

Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Aleksandr Alimov Moskoon bakka bu'oota biyyoota lamaanii walitti fiduun akka mari'atan deeggarsa barbaachisu kennuuf qophii ta'uu ibsan.

Akka ibsa Raashiyaatti mariin biyyoota lamaani kun Yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa Moskootti gaggeeffamus cinaatti geggeeffamuu danda'a.

Yaada Raashiyaa san booda garuu Itoophiyaas ta'e Ertiraan deebii ifa ta'e hin kennine.

Jila Ertiraa
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Pirezidaantiin Ertiraa Isayyaas Afawarqii jila isaanii waliin Moosko ga'uu ibsi mootummaa Ertiraa eerera.

Jilli Itoophiyaas marii kana irratti hirmaachuuf akka gara Raashiyaa Imalaniiru.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yaa'ii kana madditti MM Abiy Ahimed waliin akka mari'atan eegama.

Carraa kanaan Raashiyaan biyyoota lamaan waliin hariiroo dippilomaasii qabdu fayyadamuun gara mariitti geessuu dandeessii yaadni jedhu ibsamaa jira.

Yaa'iin Moskootti gaggeeffamu kun hoggantootni Afrikaa fi mootummaa Raashiyaa walin hariiroo isaanii akka cimsatan taasisuu irratti xiyyeeffata.

Yoo yaadni Moskoo fudhatama argate, biyyoonni lamaan rakkoo isaanii karaa marii fi dippilomaasiin furuuf carraa argachuu danda'u jedhamee eegama

Ministirri Muummichaa Itoophiyaa Abiy Ahimad, biyyattiin ulaa galaanaa argachuu akka barbaaddu irra deddeebiin ibsaniiru. Ertiraan garuu fedhiin kun birmadummaa fi daangaa ishee irratti dhiibbaa uumuu danda'a jechuun yaaddoo qabdu ibsiteetti.

Ertiraan bara 1993 Itoophiyaa irraa adda baatee biyya walabaa taate. Sana booda Itoophiyaan buufata doonii Asab fayyadamuun ishee dhaabbatee, daldala alaa isheef buufataalee biyyoota ollaa irratti hirkachuun itti fufe.

Dhimmi ulaa galaanaa qofti garuu madda muddamichaa miti. Itoophiyaan Ertiraa humnoota TPLF fi gareewwan hidhatan mootummaa federaalaa waliin wal waraanaa jiran deeggaruu fi hidhachiisuu himatti. Ertiraan gama isheetiin himannaa kana haaluun, Itoophiyaan humnaan daangaa ishee cabsitee galaana Diimaa argachuuf yaalii gochaa jirti jechuun komatti.