Balaa xiyyaaraa Piriigozhin mudateen booda maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri hogganaa Garee Waagnar, Piriigozhin qabattee turte lixa Raashiyaa kuftee caccabde. Piriigozhin fi itti-aanaa isaa Dimiitirii Utkiin dabalatee namoonni 10 balaa kanaan duâuu aangaâoonni Abbaa Taayitaa Aveeshinii Raashiyaa beeksiseera.
Haataâu malee, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin dursaan garee Waagner du'uu gabaafame ilaalchisee hanga ammaatti waayyu hin dubbatiin jira.
Miidiyaaleen Raashiyaa biyya keessaas waaâee balaa xiyyaaraa kaleessa galgalaa kana battaluma wanti kun uumetti gabaasuurra darbee ballinaan gabaasaa hin jiran.
Puutin galgala yeroo du'uun Piriigozhin gabaafametti Waraana Addunyaa II waggaa 80 ilaalchisuun Naannoo Kuuriskitti haasaa yeroo taasisan mul'atanii ture.
Yeroo haasaa Waraana Sooviyet yaadachuuf haasaa taasisanitti, Raashiyaanota 'Opereeshinii Addaa' ittiin jedhan Yukireen keessatti ajjeefamaniif gadda ibsaniiru.
Yeroo kanatti garuu waa'ee Waagner ykn Piriigozhin waan tokkollee hin dubbanne Puutin.
Kun garuu waan nama ajaa'ibus miti jedhu xiinxaltoonni. Tarii Puutin waa'ee xiyyaara caccabee ilaalchisuun odeeffannoon sirrii karaa idileetiin qophaa'u eegu ta'a.
Puutin taateewwan jajjaboo akkasii kanarratti dubbachuu hin ariifatan. Yeroo hedduu 'mee hubannee boonya' ilaalcha jedhu qabu.
Kora biyyoota BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffama ajirurratti akka biyya miseensa taate tokkootti haasaa kan taasisan Puutin, dhimma balaa xiyyaaraa michuun isaanii duraanii keessa galaafatamee waayyu hin dubbatin darban.
Puutin haasaa isaa kan taasise erga garee Brics, biyyootin jaâa â Arjantiinaa, Masirii, Iraan, Itoophiyaa, Saawudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet (UAE)- akka miseensota gartuucha akka taâaniif affeeree booda.
Duâuu Piriigozhin irratti Yukireen maal jette?
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
Gazexeessaan BBC Jeems Wateerhawuus kan Kiyiiv jiru akka himutti, namootni Yukireen keessa jiran Piriigozhiiniif danuu hin gaddine,. Taateen kunis Raashiyaa keessatti âhokkoraâ akka uumuuf abdatu.
âKun hogganaa gartuu loltoota qacarriin hojjetanii kan Yukireen keessatti lola hamaa gageessaniidha,â jedha.
âNamni hundi hanga waan mirkanaa'e dhagaâanitti ykn hanga viidiyoo Pirigoozhin duâuu isaa agarsiisu arganitti, oduu duâa isaa guutummaatti hin amanani â taâus Yukireen keessa namoonni sana hawwan hedduudha.â
Lammileen Yukireen hedduun Vilaadmir Puutin âkaraa kamiinu akka fonqolchamuâ hawwaa turaniiru, fincilli Pirigoozhin ammoo hin milkaaâin hafus, akka jalqabbi galma sanaatti ilaalama.
Taateen kun âhawwii dhokataa akka bulchiinsi Puutin kufuuf jiru kan gabbisudha,â jedha Watarhawuus.
Gargaaraan pirezdaantii Yukireen Mayikhaalo Podolaayik miidiyaa hawaasummaa isaa irratti, balaan xiyyaaraa kun âfilannoo 2024 dura Puutin olaantota Raashiyaaf âOf eegadhaa! amantaa gatuun duâaan qixxeedhaâ jechuun akeekkachisa kennudhaâ jechuun barreesseera.
Shororkeessaan tokko hirâachuun isaa nuuf gaaridha- Angaaâaa Yuukireen
Gorsaan ministeera ittisaa Yuukireen, gaabaasi duâa Yivgeenii Pirigoozhin Yukireeniis oduu gaariidha jedhan.
âShorokeessaan tokko hirâise jechuun Raashiyaa keessatti hokkorri dabale jechuudha. Dabalataan ammo Raashiyaan bulchiinsa kufaa taâaa jiru, kan shororkeessaa uummata isaa sodaatuun hogganamuu taâuu isaa mallattoo agarsiisudha,â jechuun Yuurii Saak sagantaa BBC Radio 4 Todayâtti himeera.
âAni akkan ilaalutti, wanti Raashiyaa dadhabsu kamuu, nuutin nu jabeessa.â
Maddeen humna ittisaa UK ammoo ejensiin basaasaa Raashiyaa FSB jedhamu xiyyaara Piriigozhin kanarratti qiyyaafachuun isaa hin oolu jedhan.
FSB dhaabbata basaasaa Raashiyaa duraan KGB jedhamu turedha.
FSBn kun dhaabbata Puutiniif baayyee amanamaa taâe yoo taâu, dhimma nageenya biyya keessaas isumatu hordofa.
Waaâeen balaa xiyyaara kun Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan âhedduu isaan hin ajaaâibneâ.
âAni wanta taâe qabatamatti hin beeku. Wanti taâes nah in ajaaâibne,â jedhan Baayidan.
âDuâa Pirigozhin duuba Puutin jiraachuu malaâ hoggaanaa duraanii MI6
Hogganaa duraanii dhaabbata basaasaa UK MI6 kan taân Sir Joon Saawers, duâa Yivgeenii Pirigozhin gabaafame duuba Vilaadmiir Puutin jiraachuu mala jedhee akka yaadu dubbateera.
âBiyyootii akka Raashiyaa keessatti dhugaa jiru hunda sirriitti beekuu hin dandeessu garuu, amma waanti jiru akka Puutin tarkaanfii irratti fudhate kan agarsiisudha â toâannoo qabaachuu isaa deebisee mirkaneeffateera,â jechuun sagantaa BBC Radio 4 Today irratti dubbateera.
Meeshaan âxiyyaachaa tasa kuffisee fi namoota achirra turan hunda ajjeeseeâ xiyyaarichaarra ture natti fakkaata jedhu Saawersi.
Dubbi himaan duraani Puutin, haleellaa kanaaf kan itti gaafatamu Yukireeni jedhanii
Sergee Maarkoov dursee, Pirigoozhin âgootaâ jechuun, ragaa tokkollee utuu hin dhiyeessuun Pirigoozhiin â'Guyyaa walabummaa Yukireen irratti Zeleniskiif kennaa akka taâuudâ humna basaasaa Yukireeniin ajjeefame jechuun dubbatee ture.
Deeggartoonni waagnar balaa xiyyaaraa mudaterratti maal jedhu?
Fuullu Telegiraamii Waangnar Grey Zone jedhamu xiyyaarri Yevgenii Piriigozhin humna waraanaa raashiyaatiin kuffiifamte jedhanii shakku.
Toorri Telegiraamii kun kaleessa galgala akka fuula isaarratti ''hogganaan Waagnar tarkaanfii diinota Raashiyaatiin fudhatameen ajjeefameâ jechuun maxxanseera.
Namni Roomaan Saponkoov jedhamu dhimma waraanaa gabaasuufi Waagnar waliin hidhata qaba jedhamus, dursaan garee waagnar kun ni ajjeefame jedhee amana.
âAjjeefamuun Piriigozhin balaa guddaa qabaata. Namoonni ajaja kana kennan miiraafi hamilee humna garee sana keessa jiru warra hubachuu hin dandeenyedha,â jedhe.
Fuulli dhimma waraanaa irratti gabaasuun beekamu DShRG Rusich jedhamu ammoo Piriigozhin fonqolcha Waxabajji darbe keessa yaalee osoo Mooskoo hin gaâiin sababa deebiyeef ajjeefame jedhee yaada.
âKun hundaaf barumsa taâuu qaba. Hanga dhumaatti deemuu qabda,â jedhe.


























