Koronaavaayirasii: Addunyaan 'haala hin baramneen' ayyaana Faasikaa kabajataa jirti

Maxxanfame

Ayyaanni Faasikaa guutuu addunyaatti kabajamaa jira. Haa ta'u malee biyyoonni hedduun sochii ugguranii waan jiraniif namoonni haala amma dura hin baramneen kabajataa jiru.

Abbootiin amantaa hedduun manneen amantaa namoonni keessa hin jirre keessatti, kaameraa fuuldura dhaabatanii lallabu, hordoftoonni isaanii ammoo mana taa'anii intarneetiin isaan daawwatu.

Biyyoota kaan keessatti ammoo iyya koronaavaayirasii to'achuuf taasifamaa jiru cinaatti dhiisuun akkuma kanaan dura wal gahanii kan kabajatanis jiru.

Heraastii Romaaniyaa Eebla 11 2020
Ibsa waa'ee suuraa, Heraati Romaaniyaa keessatti hordoftoonni amantaa Ortodoksii iddoo awwaalaatti walitti qabamuun ayyaana du'aa ka'uu Iyyasuu kabaju.
Akka manneen amantaa hedduu manni amantaa Filippiins magaalaa Kuweezoon lallaba ayyaana Faasikaa kallattiin tamsaasaa jira.
Ibsa waa'ee suuraa, Akka manneen amantaa hedduu manni amantaa Filippiins magaalaa Kuweezoon lallaba ayyaana Faasikaa kallattiin tamsaasaa jira.
Meelbarn Awustoraaliyaatti maatiin kun mana isaanii taa'aanii tajaajila ayyaana Faasikaa TV'n hordofaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Meelbarn Awustoraaliyaatti maatiin kun mana isaanii taa'aanii tajaajila ayyaana Faasikaa TV'n hordofaa jiru
Kooriyaa Kibbaa magaalaa Seewul keessatti paastaroonni maaskii fuulaa uffatanii yoo kadhatan
Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaa Kibbaa magaalaa Seewul keessatti paastaroonni maaskii fuulaa uffatanii yoo kadhatan
Belaaruus keessatti mootummaan manaa bahuus walitti qabamuus hin dhorkine, kanaaf amantoonni wal gahanii ayyaana Faasikaa kabajataa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Belaaruus keessatti mootummaan manaa bahuus walitti qabamuus hin dhorkine, kanaaf amantoonni wal gahanii ayyaana Faasikaa kabajataa jiru
Abbootiin amantaa Jarman magaalaa Oberhawusen ammoo suuraa miseensota mana amantaa isaanii bakka bakka qabsiisaanii lallabaa turan.
Ibsa waa'ee suuraa, Abbootiin amantaa Jarman magaalaa Oberhawusen ammoo suuraa miseensota mana amantaa isaanii bakka bakka qabsiisaanii lallabaa turan.
Zakoopeen keessatti lubni gaarii fardaarra taa'anii wayita amantoota irratti bishaan qulqulluu facaasan
Ibsa waa'ee suuraa, Zakoopeen keessatti lubni gaarii fardaarra taa'anii wayita amantoota irratti bishaan qulqulluu facaasan
Chiilii magaalaa Saantiyaagoo keessatti ammoo abbaan amantaa kun duuba konkolaataarra ta'uun amantoota eebbisaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Chiilii magaalaa Saantiyaagoo keessatti ammoo abbaan amantaa kun duuba konkolaataarra ta'uun amantoota eebbisaa jiru

Suuraaleen hundi mirga abbeentaa qabu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa