Cidha Maatii Moototaa 2018: Suurawwaniin

Maxxanfame

Gaarii fardaan harkifamu, uuffata cidhaa Meegaan, gonfoo faayaa isheen keesse, fi keessumoota affeeraman. Cidha sanyii moototaa suuraawwaniin daawwadhaa...

Erga sirna cidhaa raawwatanii booda Haarii fi haati warraa isaa Meegaan, gaarii fardaan harkifamuun namoota harka fuudhaa adeeman
Ibsa waa'ee suuraa, Erga sirna cidhaa raawwatanii booda Haarii fi haati warraa isaa Meegaan, gaarii fardaan harkifamuun namoota harka fuudhaa adeeman
Namoonni hanga 100,000 tahan misirroota kana ilaaluuf tarree gale
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hanga 100,000 tahan misirroota kana ilaaluuf tarree galan
Deemsa misirroonnii cidha booda taasisan ilaaluuf namoonni hedduun daandii guutan.
Ibsa waa'ee suuraa, Deemsa misirroonnii cidha booda taasisan ilaaluuf namoonni hedduun daandii guutan.
Mana moototaa Wiindsoor keessa, Mana kadhana Seyintitti, Joorjitti Meegaan Markal Piriins oof Weelsiin gaggeefaamte.
Ibsa waa'ee suuraa, Mana moototaa Wiindsoor keessa, Mana kadhannaa Seyint Joorjitti Meegaan Markal, Piriins oof Weelsiin gaggeefamte.
Harmee misirrittii Dooriyaa Raagland, Piriins oof Weelsifi Dachees oof Koornwol waliin cidha booda.
Ibsa waa'ee suuraa, Harmee misirrittii Dooriyaa Raagland, Piriins oof Weelsifi Dachees oof Koornwol waliin cidha booda.
Meegan Markal
Ibsa waa'ee suuraa, Misirrittiin goonfoo faayaa diyaamandii Giiftii Meeri, kan Giiftittiin ergisteef kaawwattee argamte.
Dhungii Ilma moototaa Haarii fi Meegaan Markal
Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattonni dhungii misirrootaa irratti gammachuu isaanii ibsan
Ilma moototaa Haarii fi Meegaan Markal.
Ibsa waa'ee suuraa, Cidha booda, misirrootni lamaan sabatti mul'atan
Luba Mikaa'eel Karii
Ibsa waa'ee suuraa, Lubni Mikaa'eel Karii, dursaan Waldaa Eppiskopal Yunaayited Isteeti, ergaa yaada jaalalaa irratti xiyyeeffate dabarsaniiru.
Giiftittiifi Duuk oof Eedinbarg
Ibsa waa'ee suuraa, Giiftittiifi Duuk oof Eedinbarg, maati warra moototaa waliin ta'uun sirna ga'eelichaa daawwataniiru.
Ilma moototaa Haarii, Meegaan Markaliif quubeela ka'ee
Ibsa waa'ee suuraa, Misirroonni lamaan, keessumoota 600 fi Giiftittii duratti waada walii galuun qubeela waali kaa'an.
Ilma moototaa Haariifi Ilma moototaa Wiiliyaam
Ibsa waa'ee suuraa, Ilma moototaa Haariin obboleessa isaa Duuk oof Kaambiriij waliin ta'uun gara mana kadhannaa yeroo deemanitti namootaa harka fuudhe.
Bakka sirna ga'eelaa daawwachuuf mijaatu qabachuuf, namootni hedduun halkan dursu ala buufatanii bulani.
Ibsa waa'ee suuraa, Bakka sirna ga'eelaa daawwachuuf mijaatu qabachuuf, namootni hedduun halkan dursu ala buufatanii bulani.
Idris Eelba, Sabrinaa Doowre fi Oopraa Wiinfiree
Ibsa waa'ee suuraa, Keessumootni akka Oopraa Wiinfiree fi Idris Eelba Mana moototaa Wiindsoor keessa, Mana kadhannaa Seyint Joorjitti argamaniiru
Namootni suura Ilma moototaa Haarii fi Meegaan Markal wayya isaani irratti uffatanii argaman.
Ibsa waa'ee suuraa, Namootni hojii tola ooltummaan beekaman naannoo 1200 ta'an, mooraa Mana moototaa Wiindsooritti sirna gaa'eelichaaf affeeramaniiru.

Suuraaleen marti mirga abbeentaa qabu.