Jireenya Iboolaa booda

Maxxanfame

Erga vaayirasiin Iboolaa biyyoota Lixa Afrikaa Laayibeeriyaa, Giiniifi Siyeraaliyoon keessatti mudachuun isaa dhagahame waggaa afur ta'eera. Ogeessi kaameraa Hiwu Kinsellaa Kaaningihaam namoota yaaddoo dhukkubichi itti dhiisee deeme hubachuuf imalee ture.

Suura asiin gadii West Poyint, Monoroviyaa, Laayiberiyaatti ka'e.

Vaayirasichi akka jiru bara 1976 kan barame. Ergasii eegale namoota ajjeese caalaa bara 2014'tti danuu ajjeese.

Vaayirasiin kuni bakkeewwan gadadoon itti cimu kanneen akka West Poyint Laayibeeriyaa argamtutti hammaate.

Bakki West Poyint magaalaa Monoroviyaatti kan argamuufi namni danuu bakka tokko jiraatudha.

Evaa Naah West Poyint, Monoroviyaa Laayibeeriyaatti mana ishee fuuladura dhaabbattee mul'atti

Ilmi ishiin akkoo taatuuf yeroo mootummaan dhukkubicha to'achuuf yaalii taasisu namoota morman keessa waan tureef poolisiin ajjeefame.

Waggoota booda du'a isaaf akka beenyaatti ijoollee afur maatii ishee keessa jiran mana barumsaatti ergiteetti.

Rittaa Kaarol obboleettii ishee dhukkuba kanaan dhabde. Daandiirra nyaata gurgurti ture. Haa ta'u malee, isumarraayyuu qusattee firijii bitachuun cabbii hojjechaa jireenya fooyya'aa jiraachuu yaaddiyyuu ture. Hin taane malee.

Rittaa Kaarol mana ishee West Poyintitti, Monoroviyaa.
Ittaa Roberts kilinika Kahweetti narsii ta'un tajaajilti.

Ittaa Robartis kilinika Kahwetti narsii ta'un tajaajilti.

Hundeessaan kilinikichaa Rejinaald Kahweh maatii isaa Iboolaadhaan waan dhabef buufanni fayyaa kuni akka ijaaramu arjoome. ''Namni hunduu hawaasa jireenya fooyya'e qabu akka jiraatu hojjechuu qaba...bakki kuni namoota du'an yaadachuuf hundeeffame.''

Doktora kilinika medikaalaa West Poyintitti dhaabate mul'atu

Iboolaan eegumsa fayyaa Laayiberiyaaf waan hamaa fide. Waggoota 14'f wal waraansa waliin waan turteef bu'uraaleen misoomaa rakkoo keessa turani.

Yeroo ammaa, bakkeewwan akka West Poyintitti shakkiin yoo jiraate qondaalli fayyaa ramadame kallattiin jaarmiyaa eegumsa hawaasaa biyyaalessatti beeksisa.

Bulchiinsa Boongitti lafa jiidhaa argamu, Laayibeeriyaa
J Robartisan kutaa tajaajila dhiqannaa kennu keessatti

J Robartisan erga haadha warraa isaa Iboolaadhaan dhabe as hojii haaraa eegale. ''Haati warraa koo hin awwaalamte osoo hin taane hin gubani. Kanaafuu, ni deebiti jedhe hin yaadu. Ijoollee keenya afur irratti xiyyeeffachuun murteesse, qarshiin isaan barbaachisa.''

Fannoo mana amantaa Aanaa Waterluu, Siyeeraaliyoonitti mul'atu

Namoota Iboolaan du'an kan owwaalan hiyyeessota. Hedduun isaaniis akka tasaa hojii waan argatanif itti seenani.

Owwaalcha namoota Iboolaan ajjeefaman Waaterluutti raawwate, Siyeraaliyoon
Mohaammad Kaanu, yeroo dhukkubni Iboolaa Waaterluutti hammaate bakka owwaalchaatti hojjeta ture.

Mohaammad Kaanun yeroo Iboolaan hammaate sanatti namoota du'an owwaaluuf mootummaan mindeeffame. Ergasii hojii biraa hin arganne. Kanfaltiidhuma xiqqaan hojii dur hojjetu hojjechaa jira.

Sirna owwaalchaa namoota Iboolaan du'an xuqanin dhukkubichi kaanitti darbeera. Kan gadadoo fi qollifannaaf saaxilamanis jiru.

Namni biraa bakka owwaalchaa hojjetu Morlaa Kargiboo, kana yeroo ibsu: ''Namoota Iboolaan du'an yoo owwaltetta ta'e namoonni mana siif kireessuullee hin barbaadan.''

Nama bakka owwaalchaa hojjetu, Waaterluu Siyeeriyaaloonitti

Maddi suuraa hundumaa kan Hiwu Kinsellaa Kaaningihaam.