Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maalummaan boorsaa iccitii niwukilaraa Putiin waliin tibbana Chaayinatti mul'ate ijoo dubbii ta'e
Dhimma Nikuleraa irratti mari'achuuf furtuu nikuleraa qabatanii deemuu yaadni jedhuu, tibbana irra deddeebiin ka'eera.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin yeroo hooggantoota Ameerikaa fi Chaayinaa waliin mari'achuuf tibbbana gara Kibba Chaayinaa magaalaa Shenzheenitti imalan, qondaalli waraana Raashiyaa tokko boorsaa gurraacha adda ta'e baatanii jala deddeemaa turan.
Boorsaan kunis meeshaa iccitii ajaja meeshaalee niwukilaraa Raashiyaa dabarsuuf oolu, kan maqaan isaa 'Cheget' jedhamu ta'uu miidiyaan mootummaa Raashiyaa kan ibsan.
Meeshaan Cheget jedhamu kun ajaja meeshaalee niwukilaraa fi furtuu akkasumas lakkoofsawwan iccitii boombii Nikuleraa Raashiyaa dabarsuuf kan gargaarudha jedhameera.
Putiin dhimma meeshaalee waraanaa xiqqeessuuf mari'achuuf iccitii furtuu ajaja nikularaa baatanii imala idil-addunyaa taasisuun isaanii kun miidiyaalee irratti bal'inaan qoodamaa jira.
Qondaalli waraanaa boorsaa kana baatee Putiin waliin imalaa ture yeroo kaameraan televijiinii biyyattii isa agarsiisu, gaazexeessaan Raashiyaa Yevgeny Popov boorsaan sun boorsaa ajaja niwukilaraa ta'uu ibseera.
Qondaalli waraanaas boorsaa 'Cheget' ta'uu isaa mallttoon mirkaneessuun gabaasameera.
Boorsaan kun maal akka ta'e, akkamitti akka hojjetuufi hooggantoonni biyyoota meeshaa niwukilaraa qaban yeroo imalaatti maaliif fudhatanii akka deeman gaaffii guddaa kaaseera.
Boorsaan ajaja niwukilaraa maali?
Boorsaan ajaja niwukilaraa meeshaa qunnamtii addaa yoo ta'u, hoogganaan biyyattii sirna waraanaa meeshaalee niwukilaraa to'atu waliin akka wal qunnamu kan taasisuudha.
Akkasumas yoo barbaachise ajaja itti fayyadama Nikuleraa dabarsuuf kan gargaarudha.
Sirnoonni akkasii yeroo Waraana ololaa, Ameerikaa fi Gamtaan Sooviyeet dorgommii waraanaa fi meeshaalee niwukilaraa cimaa keessa turanitti hojjetamuu jalqabe.
Yeroo sanatti, haleellaan niwukilaraa tasa raawwatamuu danda'a jedhamee waan sodaatameef, hooggantoonni biyyootaa bakka jiran kamiyyuu irraa ajajoota waraanaa isaanii waliin qunnamtii taasisuu akka danda'anitti yaadamee hojjatame.
Haa ta'uu malee ajaja dabarsuuf lakkoofsa iccitii kennuu irraa kan hafe Boorsaan 'Cheget' qofa isaa meeshaalee niwukilaraa hin dhukaasu.
Jechi 'Cheget' jedhu maqaa gaara Raashiyaa naannoo Kaawkaas keessatti argamu irraa kan fudhate yoo ta'u, bara 1983, yeroo Gamtaan Sooviyeet turetti moggafamee hojii irra ooluu eegale.
Akka seeraa fi sirna Raashiyaa keessatti beekamutti, qondaalli waraana galaanaa tokko boorsaa kana baatee pirezidaantii waliin imala.
Cheget sirna qunnamtii fi to'annoo waraanaa Raashiyaa kan 'Kazbek' jedhamu waliin walitti hidhata qaba.
Sirna kanaan pirezidaantiin bakka jiru irraa hoggantoota waraanaa waliin qunnamuu fi ajaja dhimma meeshaalee niwukilaraa dabarsuu danda'a.
Raashiyaan boorsaawwan akkasii sadii qabdi jedhamee gabaafama. Isaanis kan pirezidaantii, ministirri ittisaa fi ajajaa olaanaan waraanaa biyyatti qabatuudha.
Akka imaammati niwukilaraa Raashiyaa ibsutti, ajaji meeshaalee niwukilaraa itti fayyadamuu kan kennu pirezidaantii ta'us, ajajni sun sirna waraanaa keessatti adeemsa mirkaneessaa fi raawwii biroo qaba.
Kanaaf, yaadni hoogganaan tokko bakka jirutrraa boorsaa sanaan ajaja kennuun battalumatti misaa'eloonni dhukaafamu jechuu akka hin taanee fi adeemsa mirkaneessa kan barbaadu ta'uun eerameera.
Hooggantoonni maaliif boorsaa kana waliin imalu?
Kaayyoon guddaan hooggantoonni biyyootaa bakka jiran kamiyyuu irraa sirna waraanaa isaanii waliin qunnamtii akka adda hin cinne taasisuudha.
Pirezidaantiin tokko yeroo imala idil-addunyaa, xiyyaara keessa ykn hoteela keessa jiru haleellaan niwukilaraa uumamuu danda'a.
Haala akkasiitti, sirna qunnamtii masaraa mootummaa keessatti argamu qofa irratti hirkachuun rakkisaa ta'uu danda'a jedhamee yaadama.
Kanaaf, sirnoonni akka 'Cheget' hoogganaan biyyattii bakka kamiyyuu jiraatus hoggantoota waraanaa waliin qunnamtii qabaachuun ajaja barbaachisaa dabarsuu akka danda'aniif kan qophaa'edha.
Dabalataanis, meeshaaleen kun tarsiimoo waraanaa kan haleellaa ittisuuf qophaa'e keessatti gahee qabu.
Kunis yaada haleellaa niwukilaraan sodaachisuun diinni haleellaa akka hin jalqabne ittisuu jedhamee beekama.
Dbalataanis , biyyi tokko haleellaa niwukilaraa yoo irra ga'e deebii kennuuf dandeettii qabaachuu ishee diinatti agarsiisuun haleellaan akka hin raawwanne sodaachisuudha.
Biyyoonni meeshaa niwukilaraa qaban biroonis boorsaa akkasii qabuu?
Ameerikaanis boorsaa iccitii ajaja niwukilaraa kan Nuclear Football jedhamu qabdi.
Boorsaan kun pirezidaantii Ameerikaa waliin kan imalu yoo ta'u, sirna ajaja waraanaa fi meeshaalee niwukilaraa biyyattii waliin qunnamuuf isa dandeessisa.
Biyyoonni meeshaa niwukilaraa qaban hundi garuu hooggantoonni isaanii boorsaa akkasii akka qaban ifatti hin ibsine.
UK keessatti aangoon dhumaa meeshaalee niwukilaraa itti fayyadamuuf ajaja kennuu Ministira Muummee biyyattii harka jira.
MM haaraan aangoo yeroo fudhatu xalayaa afur ajajoota dooniiwwan loltuu niwukilaraa afranitti kennamu ni barreessa.
Mootummaan biyyattii haleellaa niwukilaraan yoo barbadaa'e, akkasumas hoggantoota waliin qunnamtiin yoo cite, tarkaanfii maal fudhachuu akka qaban xalayaawwan kanneen keessatti ni ibsama.
Faransaay keessatti aangoon dhumaa meeshaalee niwukilaraa itti fayyadamuuf ajaja kennuu pirezidaantii biyyattii harka jira.
Chaayinaan ammoo imaammata meeshaalee niwukilaraa jalqaba itti fayyadamuu dhiisuu hordofti.
Kunis biyyattiin yoo dursee haleellaa niwukilaraa ishee irratti raawwatame malee meeshaalee kanaan biyyoota biroo hin haleeltu jechuu dha.
Pirezidaantiin Chaayinaa Shi Jiinpiing boorsaa ajaja niwukilaraa addaa waliin imaluu isaanii hanga yoonaa odeeffannoon ifa ta'e hin jiru.
Hindi keessatti aangoon itti fayyadama meeshaalee niwukilaraa qaama siyaasaa Abbaa Taayitaa Ajaja Niwukilaraa kan Ministira Muummeetiin hoogganamu harka jira.
Paakistaanii fi Kooriyaan Kaabaa meeshaalee niwukilaraa kan qaban yoo ta'u, Israa'elis ni qabdi jedhamee amanama. Haa ta'u malee, Israa'el kana ifatti hin mirkaneessine.