Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyaa shan booda wal hiikan: 'Abbaan manaakoo fakkeessaa akka na jaallatu na amansiise'
Akkaataa amantaa Islaamaan cidha godhattee guyyaa shan booda, Jeen ergaa gabaabaa jireenyashee akka hin jirre godhe tokkotu ishee qaqqabe.
"Ani nan si hiika, si hiikeerayyuuti," jechuun abbaan warraashee haaraa itti barreesse.
Jeen - dubartii BBCn maqaashee isa sirrii akka hin fayyadamne waliigale- fuula marsariitii gaa'elaa Musliimaa Muzz jedhurratti ji'a 10 dursitee akka isa argite dubbatti.
Yeroo sanatti, maqaan isaa Adam akka jedhamuu fi Maanchester keessa akka jiraatutti amanti ture.
"Anaaf hedduu ulfaataadha. Ani gaa'elattan seena jedheen osoon hin beekiin waan fokkisaa jireenya koo keessatti na mudatee hin beekne keessa gale," jetti.
"Maraatummaadha. Namoonni saalqunnamtiif jecha maaliif waan akkasii akka hojjetan naaf hin galu."
Jeen akka jettutti, oonlaayiniirratti (toora interneetiirratti) waliin haasa'aa ji'oota ja'aaf kan waliin turan yoo ta'u, qaamaan wal arguuf waliigaluun duras viidiyoodhaan waliif bilbilaniiru.
Hariiroon isaanii qulqulluu fi kan garaarraa ta'edha jettee akka amantee fi yeroo inni gaaffii wal fuunaa dhiyeesseefis maaltu ta'aa akka jiru akka hin gaafatiin BBCtti dubbatteetti Jeen.
"Akka ana jaallatu akkan amanu na godhe. Ana waliin bultii ijaarrachuu akka barbaadu waan natti himeef, anis sababan ittiin isa shakku hin qabun ture," jetti.
Boodarra maqaan Adam inni sirriin kan biraa akka ta'ee fi duraaniyyu gaa'ela dhaabbatee nama qabu akka ta'e bira geesse.
Abukaatoowwan Adam himannaa Jeen irratti dhiyeessitu kana guutummaatti waakkachuu isaa dubbatan.
Gaafa Waxabajji 02, Jeen- dubartii amantaashee gara Musliimaatti jijjiirratte -nikaah godhachuuf gara Laankishaayer keessa kan jiru gara Biriifiild deemte.
Nikaah jechuun waliigaltee gaa'elaa akkaataa amantaa Islaamaatiin raawwatamu ykn cidha Seera Shari'aa jalatti gaggeeffamu jechuudha.
Haata'u malee, waliiglateen gaa'elaa akkasii kun Ingilaandii fi Weels keessatti akka gaa'ela seera siviliin gaggeeffameetti beekamtiin seera qabeessummaan hin kennamuuf.
Jeen bakka hiriyyoonnii fi maatiin ishee jiran magaalaa itti dhalatte Gilaasgoo keessatti heerumuu ykn gaa'ela godhachuu barbaaddee turte, garuu namni abbaa warraa ishee gara fuula duraa of fakkeessuun itti dhiyaate kun ammoo Iskootilaand keessatti gaa'ela godhachuu isheen dhiyeessite kana akka morme dubbatti.
Amma waan keessa darbite kana akka mallattoo akeekkachiisaatti deebitee yaadatti.
"Iskootilaand keessatti gaa'elli seera qabeessaa fi kan nikaahaas waluma faana akka gaggeeffamuuf gaafatamee ture," jetti.
"Isaan 'maaliif ID [waraqaa eenyummaa] kiyya arguu barbaadan? Kanan jechuu barbaade, nikaah'n baayyee salphaa waan ta'eef ID koo sirumaa hin argan' jedhe."
"Kanaaf, waa'een kanaa baayyee isa aarsee ture."
Jeen akka jettetti, sirni Brierfield keessatti raawwatame bakka imaamonni lama kanneen akka ragaa ta'anii hojjetan jiranitti raawwatame. Isaan booda jarri lachuu gaa'elaan walitti dhufan kun halkan lama hoteela tokko keessatti waliin dabarsan.
Haataʼu malee, gaa'ela kana raawwatanii guyyaan shan qofa erga darbee booda, ergaan gaaʼelli isaanii akka diigame beeksisu kan Jeeniin qaqqabe.
Jeen naasuun of wallaaltee waan goota wallaalte, burjaajii keessa galuun "gaa'ela sobaa (fakkeessaa)" jechuun ibsite.
Jeen "naasuun (rifaatuun)" ishee mudate sadarkaa caba qor-qalbiifi miidhaa saalqunnamtiitti kan ilaalamu akka ta'e amanti.
Namichi kun dubartii biraa waliin karaa seeraa fi karaa amantaatiin gaa'elatti akka jiru BBN hubateera.
Deebii bal'aa karaa abukaatoowwan isaatiin kenneen, maqa-balleessiin qaama duula itti fufee isarratti taasifamuu ta'uu himuun, ragaan waan deeggarame waan hin taaneef himannicha dhara jedheera.
Waa'ee gaa'ela isaa jalqabaa ilaalchisee Jeen hin sobne sababiin isaas waa'ee gaa'ela biraas waan kaase akka hin qabne BBCtti himaniiru abokaatoon nama kanaa.
Sirna nikaah irrattis enyummaa isaa akka hin dhoksine himuun, hayyama konkolaachisummaa isaallee dubbateera.
'Gadda guddaa'
BBC'n koppii waraqaa ragaa gaa'ela Islaamaa Jeen masjiidni isheef kenne argeera. Waraqaan kun waan hanqatee fi ibsa dogooggraa qaba.
Imaamni sirna gaa'elaa kana gaggeessan Muftii Adeel Zaman, gaa'elli kun namoota ga'eessota ta'an waliigalan lamaa fi gammachuun irraa mul'atu gidduutti akka ta'e ibsuun gaaffii dabalataa gaafachuun itti gaafatamummaa isaa akka ta'etti akka hin ilaalle dubbataniiru.
"Wanti mudate baay'ee nu gaddisiise," jechuun BBC'tti himaniiru.
"Akeekni keenya guutummaatti qaamolee hundaaf haqa qabeessa ta'uudhaan deeggarsa fi gargaarsa barbaachisaa ta'e kennuu fi yaada keenya dhimmoota kallattiin beeknu qofa irratti daangeessuu ture."
Eenyummaa nama kanaa qulqulleeffachuu irratti dogoggorri akka raawwatame beekna garuu eenyummaa dhugaa nama Jeen itti heerumte sanaa ifa baasuuf gargaarreera jedheera.
Gaa'elli kun diigamuu hordofee jidduu seenummaa irratti hirmaataa kan ture Manni Maree Masjiidota Laankaashaayer, warri sirna akkanaa gaggeessan sakatta'iinsa barbaachisaa ta'e raawwachuuf itti gaafatamummaa akka qaban ibseera.
Gareen New Beginnings jedhamu teessoon isaa Oldham, Gireeter Maanchester keessa ta'e, namoota amantaa isaanii Islaamummaatti jijjiirrataniif tajaajila kennu, taateen namoota hawaasa Muslimaa keessatti namoota biroo gowwoomsuu barbaadan hirmaachisu akka mudate ibseera.
"Waa'ee goyyoomsitoota kanaa hawaasa keenya, hawaasa Muslimaa fi namoota isaan gowwomsuuf yaadaa jiran ni beekna," jedhan hundeessaan Bilaal Biraawuun.
Hariiroon ykn gaa'elli kan ariifatame fakkaatu ykn maatiin guddaan hin hirmaanne hunduu gaarii ta'uu dhiisuu akka danda'u mallattoo akeekkachiisaa ifa ta'edha jedha.
Keessumaa, haala akkanaa keessatti namoonni amantaa Islaamummaa fudhatan saaxilamoo ta'uu akka danda'an dabalaniiru.
Gargaaraan komishinara poolisii fi yakka Laankashaayer kan turte Saayimaa Afzaal BBC North West Tonight tti akka himtetti, gaa'ela Islaamummaaf beekamtiin seeraa kennamu dhabuun dubartoota tokko tokkoof rakkoo ta'uu danda'a.
"Qawwi nikaah naannoo sanatti baay'ee dhageessan jira: 'Eeyyee, nikaah UK keessatti seeraan beekamtii waan hin qabneef 'fuudha irratti fuudha' ilaaluu hin dandeenyu'," jetti.
"Waa'ee nikaah sana gama tokkotti kaa'uun, amala asitti mul'atu haa ilaallu."
"Kanaaf gowwoomsaan jira, burjaajessuun mudateera, kiyyootti dubartii galchuun dhuguma jira."
"Kanaaf, gowwoomsaadha."
Gamaaggamni walabaa bara 2018 Paarlaamaaf dhiyaate akka agarsiisutti, gaa'elli Islaamaa baay'inaan gaa'ela siviiliitiin kan hin hordofamne yoo ta'u, kunis namoonni eegumsa gaa'ela seeraan beekamtii qabuun walqabatee jiru akka hin qabaanne taasiseera.
Poolisiin Iskootilaand akka jedhetti, Iskootilaand keessatti hordoffiin yakka kanaan walqabatu tokkollee hin hundeeffamne.
Poolisiin Gireeter Maanchester himannaa Jeen dhiyeessite akka qoratu gaafatamuu isaa mirkaneesseera.
Marsariitiin Muzz akka jedhetti, namichi fuula marsariitichaa irraa dhaabbataadhaan ugguramee ture.
Hojii gaggeessaan olaanaa isaa Shahzaad Yoonaas akka jedhetti: "Fayyadamtoonni (seeraan ykn karaa biraatiin) gaa'ela qabaachuu isaanii akka ibsan gaafanna."
"Yoo qabaatan yeroo galmaa'an appii irraa isaan uggurra."
Dhaabbatichi akka qaama sakatta'iinsa istaandaardii isaatti iimeelii, lakkoofsa bilbilaa, meeshaa fi suura ofii mirkaneessuu kan raawwate yoo ta'u, eenyummaa nama sanaa mirkaneessuun ammoo filannoodha jedha.
Pirofaayiliin sakatta'iinsa kamtu akka xumuramee fi hin xumuramne ni agarsiisu.
Jeen waan ishee mudate dubartoota biroo a akka hin mudanne gargaaruu akka barbaaddus dubbatteetti.
Itti dabaluudhaan, "Dhimma hawaasa keessatti mul'atudha," jetti. "Dubartii akka koo saaxilamtuu kamiyyuu gargaaruu yoo danda'e anaaf injifannoodha."