Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artist Miikiyaas Charinnat 'dhibee tasaan' du'e
Artistiin beekamaa wallee isaa garagaraan beekamu Miikiyaas Charinnat dhibee tasaan du'aan boqochuun dhagahame.
Artistin kuni magaalaa Wal Qixxee keessatti guyyaa Sambata kaleessaa hojii muuziqaa akka dhiheessu eegama ture.
Haa ta'u malee, galgala keessa duuni isaa dhagahame.
Sagantaa muuziqaa isaa osoo dhiheessaa jiruu tasa dhibee tasaa isa qunnameen lubbuun isaa darbuu namni isa waliin hojjetu weellisaa Rashaad Kadir irraa dhagahuu ETV'n gabaaseera.
Miidiyaan biyya keessaa biroo, FBC, illee osoo hojii muuziqaatti jiruu dhibee tasaan lubbuun isaa darbuu odeeffachuu gabaase.
Haa ta'u malee, dhibeen tasaa kuni maal akka ta'es ta'e yoo mana yaalaa geeffamee jiraates wanti ibsame hin jiru.
Waa'ee du'a isaatii poolisiin ammatti wanti dubbate hin jiru.
Du'a isaa hordofee artistoonni, dinqisifattoonni, namoonni isa beekan, fi kaan gadda isaanii ibsaa jiru.
Artist Tediroos Kasaahuun (Teedii Afroo) ibsa baasen du'a isaan gadduu dubbate.
Dabalataanis, 'weellisaa jabaa, gara laafessaafi nama garaan qulqulluu' ta'u himee umrii hojii baay'ee hojjechuu danda'utti lubbuun isaa darbe jedhe.
Miikiyaas walleewwan isaa Afaan Amaaraan hojjeteefi namoota baay'een jaalataman danuu qaba.
Fakkeenyaaf kanneen akka '' Dirree Dirree, Yanee Dahaa, Salaam Allaat, Ahun gabbaany, Girmaa Mogaseenash, Atticanaanaq,'' fi kan biroon beekamtii guddaa horate.
Akka midiyaa biyyaalessaa Biroodkaastingii Korporeeshinii Itoophiyaatti (EBC), Miikiyaas albamiiwwan lama hojjeteera.
Kunneenis, ''Salaam Allaat,'' fi ''10 ke 10 yiggebbaashaal'' jedhamanidha. Sirboota qeenxee kaanis qaba.
Fakkeenyaaf walleen qeenxee 'Indaamaara' jedhamuufi baatii Fulbaanaa keessa gadhiise YouTube gubbaa miiliyoona 1.8 daawwatameera.