'Ashaangulliitii akka isaatti uffatte naaf kenne': intalli Fidel Kaastiroo waa'ee nama akka abbaasheetti waamuu hin barbaannee duubbatte

Madda suuraa, Alina Fernandez
Baroota Ijoollummaasheetti kuni maaliif akka ta'e waan beektu hin qabdu ture. Namni Kuubaa naannoo waggoota 50 bulchan kuni garuu isheedhaaf abbaa gudeedaati.
Alinaan hariiroo gaa'elaan alaa Fidel Kaastiroo fi Natii Fernaandeez gidduutti tureen bara 1956 Havaanaatti dhalatte. Harmeenshee yeroo sana magaalattii keessatti dubartii bareedduu maatii fooyya'aa keessaa baate turte.
Yeroo sanatti Fidel Kaastiroon hogganaa garee hidhatee lolu tokkoo kan turan yoo ta'u, waggaa sadiin booda mootummaa abbaa irree Fulgensinoo Bastistaa fonqolchuun mootummaa komunistii hundeessan.
Waggoota inni aangoo qabate kurna hedduuf namootni miliyoona saditti dhihaatan sirna bulchiinsa isaa baqachuun gara biyya ollaasaanii Ameerikaatti baqataniiru. Isaan keessaa tokko intala kaastiroo turte.
Kaastiroon Kuubaa Bara 1959 hanga 2008 kan bulchan yoo ta'u bara 2008 dhibee kaanseriitiin lubbuun isaanii darbe. silaa ji'a kana gaafa 13 waggaa 100ffaa isaanii kabajatu ture.
Fernaandeez, intala tokkittiin Kaastiroo seenaa ishee fi abbaashee himuuf BBC Mundoo Miyaamiitti gammachuudhaan simatte. Abbaan ishee kuni nama siyaasaa haalan beekamaa fi falmisiisaa kan turan yoo ta'u isheen garuu 'Abbaakoo' jettee waamuu hin feetu.
Daawwannaa Halkanii fi yaadannoo jalqabaa
Yaadannoon jalqabaa waa'ee ababashee nama fuula isaa areedaan guutamee fi fiilmii kaartoonii Miikii Moowus kan TV irratti beektu n walfakkeesiti.
Ce'umsi biyyattiin gara Komunistiitti goote maatii hedduu adda hire. Maatiishee dabalatee. Harmeenshee warraaqsicha fudhatte. Garuu Firootnishee Orlaandoo Fernaandeez, kan isheen akka abbaa ishee ta'etti amantu waan hunda dhiisanii xiyyaaraan gara Ameerikaatti baduu filatan.
Alinaan waan ta'aa jiru kana akka gaariitti osoo hin hubatin gaggeessaan Kuubaa haaraan kuni Darbee Darbee mana isaanii yoo dhufu arguu jalqabde.
Yeroo sana kan yaadattu Kaastiroon ishee waliin kutaa keessatti tapahata, kennaas fideefii dhufa. Kennaawwan inni fideef keessaa "Ashaanguliitii akka isaatti uffate naaf kenne. Animmoo areedasaa muraasa irraa kaasaan ture. Ashaanguliitii daa'imaan se'e ani" jetti.
Dhugaan barame
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Yeroo umriinshee ganna 10 ta'u waa'ee abbaa gudeedaashee dhugaa jiru barte.
"Harmeenkoo natti himte. Mana barumsaa ani itti baradhu jijjiiruuf akka jirtuu fi namni karaarratti akka ishee dubbisu akka hin feene natti himte" jetti.
Kaastiroon yeroo Darbee Darbee dhufee ishee daawwatu akka abbaa ta'ee jira. Garuu oduun haaraa dhageesse kuni ammalleen isheedhaaf 'Ganamuu fi gowwomfamuu' ta'ee itti dhagahame.
Hiriyaa dhihooshee dabalatee namootni naannoo ishee jiranis waa'ee abbaa ishee kana baraniiru.
"Iccitiin nama kofalchiisu kana ture. Namni namarsee jiru hunduu nibeeku. Jetti.
Fernaandeez maqaa abbaashee gara kaastirootti hin jijjiirre. Sababni isaas waggoota dheeraaf inni akka abbaa ishee ta'etti beekamtii kennuufii waan hin barbaanneefi.
"Intala isaatii? jedhanii yeroo nagaafatan 'Lakkiin' jedhaan. Tasa lafumaa kaatee maqaa abbaa keetii jijjiiruun kabaja dhabuu ta'ee natti dhagahame. Hiikaan isaas natti hin mul'anne" jetti.
Fernaandeez adaduma guddachaa deemtu abbaa ishee fi waan biyyasheerratti ta'aa jirtutti aaruu jalqabde. Intala Fidel Kaastiroo ta'uushee yeroo baran namootni 'xalayaa kana hogganaatti nuuf kenni'jedhanii isheetti kennu.
"Namootni maatiin isaanii jalaa ajjeefamanii biyyi suni si'ool itti ta'ee achii bahuuf heeyyama eeggataa jirantu jiru" jetti.
Kana malees hoggansa Kaastiroo irrattis waan sirrii hin taanetu jira.
"Kaastiroon TV irratti sa'aatii torbaaf haasaa godha. Akka ilaallu dirqisiifamna. Kana malees borumtaa isaa ammoo mana barumsaa keessatti isa qoo'anna. Abjuu hamaa ture. Akka mana maraatuu keessa jiraachaa jirtutu sitti dhagahama" jetti.
Fernaandeezii fi Harmeenshee daawwannaadhaaf erga Faransaayi deemanii deebi'anii booda Kaastiroon intalasaa deddeebi'ee ilaaluu nihir'ise. Akka Faransaayi deeman kan erge isuma. Sababni isaa ammoo Harmeen ishee akka irraa fagaattu waan barbaadefi jetti.
Eegasiin booda gaggeessaan Kuubaa kuni jireenya intalasaa kanarratti murtiiwwan tasaa murteessuu jalqabe. Fakkeenya tasuma ka'ee mana barumsaa isheen itti barattu jijjiira.
"yeroo hedduu murtii maraatummaa wayiitu ta'a. jiraachuudhaaf isarratti hirkachuu akkan hin qabnen baradhe" jetti waan yeroo sanaa yeroo yaadattu.
Fidel Kaastiroon jireenya dhuunfaatiin yoo ilaalamu akkam fakkaatu jedhamtee yeroo gaafatamtus, hubataa, nama namausa qabu, nama fedhii wa beekuu daangaa hin qabne qabu jetti. Garuu abbaan ishee yeroo baayyee akka ishee sobes hin dhoksine.
"Waan tokko dura natti himuusaa dagateet yeroo lammaffaa irra deebi'ee natti himu ammoo dhimmicha jijjiiree natti hima ture" jetti.
Waliin dubbiin abbaa fi intalaa gidduus waan salphaa hin turre. Inni nama tokko qofaasaa dubbachuu baredha. Yeroo ana waliin haasa'uu barbaadu akka ana waliin haasa'uu osoo hin taane akka ofitti haasa'uuti ture" jetti.

Madda suuraa, New York Times Co / Getty Images
Havaanaadhaa baqachuu
Fernaandeez Kuubaa gadhiistee bahuuf kan murteesite ijoollummaadhaani. Abbaa isheerraa fagaachuu barbaadde. Kanafa jecha yeroo baayyee biyyichaa bahuuf yaalii gootee heeyyama dhorkamuun hafteetti.
Jalqaba bara 1990 keessa kufaatiin gartuu sooviyeet Kuubaa keessatti yeroo addaa wayii uume. Yeroo biyyattiin uummanni beelaafi rakkinaan dararame.
Fernaandeez jalqabumarraa warra bulchiinsa yerosii morman keessaa turte. Intala ajajaa olaanaa biyyattii taatulleen soda hidhamuu inuma qabdi ture.
"Halkan walakkaa tasa sagalee konkolaataa yoo dhageesse 'Nafuudhuu dhufan' jettee rifatta" jetti
Isheedhaaf carraa guddaan gaafa Muddee 19 bara 1993 dhufeef. Dubartiin biyya Ispeen tokko Paaspoortii fi tikkeetii xiyyaaraashee Fernaandeeziif ergiste. Namni biraa sanadicha jijjiiree sirreesseefii taaksii qabattee gara buufata xiyyaaraa qajeelte.
"yeroon taaksii keessa seenerraa jalqabee afaan Ispaanish qofan dubbachuu jalqabe isaan fakkaachuuf. Tarii ergan buufata xiyyaaraa gahee yoo afaanichaan nadubbisan loqoda isaanii beekuun qaba. Konkolaachisaa kiyya sirrumattan goyyomse" jetti.
Akka adda hin baafamneef Rifeensa wiigii fi meekaappii sirritti fayyadamtee buufata xiyyaaraa geesse.
"Rakkoo tokko maleen kutaa shaanxaa ergan bira darbe. Balalliin barfatee jennaan calliseen taa'ee kitaaba dubbisaa ture. Sammuu kiyyatti 'Wanti ta'u inuma ta'a' jechaan ture" jetti.
Eegumsa dheeraadhaan booda xiyyaarri dhufee nagumaan keessa seente. Gara Maadiriiditti balaliitee achirraa Ameerikaa galuuf heeyyama argatte.
Booda bara haaraa 1994 irratti intallii ganna 16 fi harmeenshee Ameerikaatti gammachuun walsimatan.
Waggaa 40tti dhugumaan intala Kaastiroo ta'e
Erga biyyaa baateen booda hariiroon Kaastiroo waliin qabdu kan dhoksaa turtee fi haala biyyattiin keessa jirtu balaaleffachuu jqlabde.
"Kuubaa yeroon ture wantin gochuu jibbu waa'ee Fidel Kaastiroo haasa'uu fi akkan maatii isaa ta'e beekamtii kennuu diduudha. Ergan asgaheen kana amanee beekamtii kenne. Wagga 40 kootti dhugumaan intala Fidel Kaastiroo ta'uukoo amane" jetti.
Bara 1997 seenaa jireenyashee irratti kitaaba barreesite. Yaadannoowwan intala Fidel Kaastiroo kan jedhu. Ispeen keessatti kitaabichi kitaabota baayinaan gurguraman keessaa tokko kan ture yoo ta'u, afaanota hedduuttis hiikameera.
Du'a Fedel Kaastiroo Sadaasa 25, bara 2016 akkamitti dhageesse jedhamtee yeroo gaafatamtus,"Gaddi cimaanis gammachuunis natti hin dhagahamne. Baayyee nan rifaasisne" jetti.
Kuubaam amma bulchiinsa Magu'eel Diyaaz Kanel jalatti haala rakkisaa bara Fidel Kaastiroo keessa ture caalu keessa jirti.
Rakkooni uummataa fi beellii hammaatee uummata kuubaa dararaa jira. Kanaaf ka'umsi bu'uura Kaastiroon kaa'edha jetti Fernaandeez.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)