Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wayita hoggantoonni mootummaa ijaaruuf wal dorgomaa jiranitti paarlaamaan haaraa Israa'el hojii jalqabuuf
Hogganaan mormituu Gaadii Ayizaankoot wayita Ministira Muummee imaanaa kan ta'e Beenjamiin Netaaaniyaahuu buusuu barbaadaa jirutti, parlaamaan haaraa Israa'el Kibxata har'aa kakuu seenee hojii jalqabuuf jedha.
Dursaa duraanii wataanaa kan ture Gaadii Ayizaankoot, teessoo paarlaamaa biyyaalessaa Israa'el, Knesset, 120 keessaa deeggarsa 67 argachuun booda pirezidantii biyyattiin mootummaa akka hundeessuuf itti gaafatamni itti kennameera. Netaaniyaahuun garuu teessoo 46 argate.
Haata'u malee, Gaadii Ayizaankoot dubbii jabduuti isa eeggata. Gareen paartilee isaa afur filannoo ji'a darbeen teessuma 48 yoo mo'atu, gareen Netaaniyaahuun ammoo 53 mo'ate. Kun ammoo lachuu mootummaa ijaaruu akka hin dandeenye agarsiisa. Gamtaa ijaaruudhaaf carraan torban lamaaf dheerachuu danda'u akkuma jirutti ta'ee, guyyoota 28 qaba.
Miseensonni Knesset (MK) amma hojiitti seenan walakkaa ta'an paarlaamaa darbe keessa warra tajaajilan miti. Paartileen Arabaan durfaman ammoo seenaa keessatti teessuma guddaadha jedhame qabatanii seenaa jiru.
Bu'aan filannoo Netaaniyaahuu irratti akka riferaandamiitti ilaalamu kun eenyu akka mootummaa hundeessu ilaalchisee yeroon gara itti bahu baran bubbuluu danda'a. Hanaga kun fala argatutti ammoo, Netaaniyaahuun ministira muummee ta'ee itti fufa. Adeemsi kun turtii guyyootaa hanga ji'ootaa fudhachuu ni danda'a.
Bu'aan filannoo ajaa'iba jedhame ykn dirmaa ta'e paartilee michoota ta'an Arabaan dufaman lamaan- United Arab List fi Joint List jedhamanidha. Paartileen kunneen lamaan lakkoofsi Arabootaa filachuuf bahanii dabaluu hordofee teessuma 19 argatan.
Kanaaf, Netaaniyaahuun isaanii fi paartilee sadee garee Gaadii Ayizaankot keessatti makaman waliin bulchuu mormulleen, paartileen Arabaa kunneen madaallii aangoo irratti dhiibbaa uumuu danda'u.
Dilabata darbe Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzoog Gaadii Ayizaankoot mootummaa hundeessuu akka yaaluuf itti gaafatamummaa itti kenneera.
Dursaan paartii Yashar ammoo "mootummaan yeroo hatattama abiyyaalessaa" akka hundeeffamuuf waamicha taasiseera. Kun ammoo paartileen garaa garummaa ilaalcha qaban duubatti dhiisanii Netaaniyaahuutiin waajiraa baasuu irratti akka fuulleffatam kan akeekudha.
Gaadii Ayizaankoot ammoo paartiin kamiyyu ykn MK piriinsippiloota afur fudhachuuf qophii ta'e mootummaa hundeeffamuuf jedhutti makamuu danda'a jedheera.
Haata'u malee, ualaagaaleen afran warra michoota Gaadii Ayizaankoot ta'uu danda'aniif gufuu ta'uu danda'u jedhameera.