Kishaafa ijaa basaasummaaf oolun waraabamaa jiraachuu akkamiin beekna?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Teknooloojiin haaraan namoonni suuraa fi viidiyoo waraabuu ittiin danda'an saffisaan guddachaa jira.

Meeshaalee kana keessaa tokko kishaafa ijaa ammayyaa kanneen dhaabbati Meta fi Ray-Ban waliin hojjetan yoo ta'u, namoonni isa godhachuun kaameraa ykn bilbila harkaa tokko malee salphaatti suuraa kaasuu fi viidiyoo waraabuu danda'a.

Kishaafni kun akkuma kishaafa ijaa idilee fakkeeffamanii kan hojjetaman ta'us, keessa isaanii kaameeraa, maayikirofoonii fi meeshaalee sagalee dhaggeeffachu dandeessisan xixiqqoo qabu.

Namni kishaafa ijaa akkasii godhate tokko tokko ittin bilbila bilbiluu, muuziqaa dhaggeeffachuu, suuraa kaasuu fi viidiyoo waraabuu qofa osoo hin taane, tajaajiloota tokko tokko kan AI fayyadamanis ittiin fayyadamuu danda'a.

Haa ta'u malee, meeshaaleen kun salphatti suuraa fi viidiyoo waraabuu isaaniin kan dinqisiifataman ta'us, namootni utuu hin beekiin suuraa kaafamuu fi viidiyoo warabamuuf saaxilamuu danda'u jedhamuun yaaddoo guddaa ta'eera.

Duraan kishaafonni kunneen hojii basaasummaaf ykn dhoksaan nam waraabuuf dhimma itti bahamaa kan ture yoo ta'u, yeroo amma bakka heddutti namoonni itti fayyadaamaa jiraachuun yaaddoo mirga namoota dhuunfaa fi iccitii namootaa eeguu irratti ka'eera.

Kishaafni kun maalfaa qaba?

Kishaafni Meta kanneen Ray-Ban waliin qophaa'an kunnen bara 2023 irraa jlqabanii gabaaf dhiyaachuu eegalan.

Isaan kunneen kaameeraa xiqqaa, maayikirofoonii sagalee waraabuu fi sagale guddistuu sagalee dageessisu akkasumas sirna AI ajaja sagaleetiin hojjetu qaba.

Kanaaf, namoonni harkaan bilbila osoo hin tuqin afaanin ajaja kennuufiin suuraa kaasu fi ykn viidiyoo waraabuu, bilbila bilbiluu, akkasumas muuziqaa fi sagalee biroo dhaggeeffachuu danda'u jechuudha.

Akka odeeffannoo dhaabbatichaa ibsutti, kishaafonni kun kaameeraa 'mega pixel 12' qabu.

Gosti haaraan tokko tokko immoo viidiyoo qulqullina olaanaa hanga '3K Ultra HD' ta'een waraabuu danda'u.

Akkasumas, suuraa fi viidiyoo waraabaman yeroo jalqabaaf kishaafa sana keessatti kuusanii, yeroo muraasa booda gara bilbila harkaa ykn gara biraatti dabarsuun ni danda'ama.

Faayidaan isaanii inni guddaan namni meeshaa wayiituu harkatti qabachuu malee, kallattii inni ilaalaa jiru hunda irraa suuraa fi viidiyoo waraabuu danda'uu isaati.

Kunis yeroo namni deemaa jiru, taateen tokko raawwatu ykn hojii guyyaa guyyaa raawwatu keessatti itti fayyadamuuf mijataa taasisa.

Akkamitti suuraa fi viidiyoo waraabu?

Namni kishaafa ijaa kana godhate yeroo suuraa kaasuuf ykn viidiyoo waraabuuf barbaadu, bakka ajaja kana kennu xuquun qaree ykn ajaja sagaleetiin hojii sana jalqabsiisuu danda'a.

Fakkeenyaaf, ajaja sagaleen suuraa kaasi ykn viidiyoo waraabi jedhee ajajuu qofaan kishaafichi ajaja sana fudhatee hojii san hojjachuu ni danda'a

Akkasumas Meeshaaleen kun bilbila harkaa waliin walqabsiifamanii suuraa fi viidiyoo waraabaman gara bilbilaatti dabarsuu dandeessisu.

Haalli kun namoonni utuu hin beekin waraabamuun isaanii dhabbaticha irratti himata waan cimseef dhaabbanni Meta namoonni naannoo san jiran waraabamaa akka jiran akka beekaniif, yeroo kaameeraan banamu ifti adii xiqqaan akka mul'atu kishaafa sanarra aa'era.

Akka dhaabbatichi jedhutti, ifni kun namni tokko suuraa kaasu ykn viidiyoo waraabuuf akka jiru namoota naannoo isaa jiran beeksisuuf kan yaadame dha.

Garuu, ifa kanaan namoonni hundi yeroo hunda waraabamuu isaanii hubatu jechuun hin danda'amu.

Kanaafuu, kishaafonni ijaa kunneen gaaffii guddaa waa'ee hayyama namaa fi mirga dhuunfaa kaasuu akkuma itti fufetti jira.

Meta'n ifa adii yeroo kaameeraan banamu dabalataan, namoonni waraabamuu isaanii akka hubatan gochuuf tarkaanfiiwwan nageenyaa biraa kaa'uu isaa ibsa.

Haa ta'u malee, ifni kun yeroo hunda namoota naannoo jiran biratti ifatti mul'achuu dhiisuu danda'a jedhamee mormiin ka'eera.

Kunis bakka hojii, manneen barnootaa, iddoowwan namoonni walga'an, akkasumas bakka namoonni dhimma dhuunfaa isaanii itti dabarsan keessatti yaaddoo uumuu itti fufeera.

Namni tokko kishaafa kana fayyadamee hayyama malee suuraa ykn viidiyoo waraabuu fi akkasumallee interneetii irratti tamsaasuun seeran hin gaafachiisu jechuu miti.

Meta'n akkamiin gara teknooloojii kanaatti seene?

Dhaabbanni Meta kan Marki Zukerbergi hundeesse, dhaabbata Ray-Ban waliin ta'uun bara 2023 kishaafa ijaa ammayaa jalqabaa gabaa irratti dhiyeesse.

Erga sanaa kaasee, dhaabbatichi suuraa fi viidiyoo waraabuu qofa osoo hin taane, tajaajiloota hubannoo namtolchee ykn AI fayyadaman dabalatee, dandeettii kshaafota ijaa kanaa guddisuu irratti hojjechaa jira.

Kishaafonni haaraan tokko tokkoon isaanii amaloota adda addaa qabu.

Fakkeenyaaf, gosti 'Meta Ray-Ban Display' jedhamu fuula muraasaa irratti iskiriinii halluu qabu kan agarsiisu qaba. Kunis namni kishaaficha godhate odeeffannoo muraasa osoo bilbila isaa hin baasin akka arguuf gargaara.

Haa ta'u malee, teknooloojiin kun yeroo hunda akka karoorfameetti hojjechuu dhiisuu danda'a.

Yeroo Marki Zukerbergi mataan isaa agarsiisa uummataa irratti kishaafota kanaan WhatsApp bilbiluun yaale, bilbilli sun milkaa'uu dhabuun isaa rakkoolee teknooloojii kana waliin dhufan keessaa tokko ta'uu mul'ateera.

Gatiin isaanii meeqa?

Gatiin kishaafota ijaa Meta gosa isaanii fi amaloota isaan qaban irratti hundaa'uun garaagarummaa qaba.

Odeeffannoo dhaabbatichaan, gosti 'Ray-Ban Meta' haaraan tokko gatii doolaara Ameerikaa 379 irraa eegala.

Gosti 'Oakley Meta Vanguard' jedhamu immoo doolaara 499tti gurgurama.

Meeshaaleen kun teknooloojii suuraa fi viidiyoo waraabuu salphisuun faayidaa guddaa qabaachuu danda'u.

Garuu, guddinni teknooloojii kun mirga namoota biroo kabajuu fi odeeffannoo dhuunfaa isaanii eeguu wajjin ammallee mormiin ka'u hin dhaabbannee