Xalayaan US'f barraa'e maal hima?

Ibsa waa'ee viidiyoo, US Itoophiyaafi Ertiraa ararsuuf Asab akka hin kaafne gaafatame
Xalayaan US'f barraa'e maal hima?
Maxxanfame

Yaaliin kamuu Itoophiyaan buufata Asab humnaaan qabachuuf taasiftu Ameerikaan akka hin deeggaramne ifa ta'uu qaba jedhan senaataroonni US.

Ameerikaan muddama biyyoota lamaanii furuuf yoo sossootu Asab ajandaa marii ta'u akka hin qabnellee gaafataniiru.

Itoophiyaafi Ertiraa gidduu waraanni haaraa carraan ka'uusaa ''olaanaa'' ta'uullee ibsan xalayaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaaf barreessaniin gaafatan.

Xalayaan kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni yeroo kamuu caalaa cimetti dhagahame.