KoroonaaVaayiras: Hospitaala guyyoota keesssatti ijaaramu

Maxxanfame

Chaayinaan magaalaa Wuhaanitti namoota Vaayirasii Koroonaan faalaman yaaluuf hospitaala gargaaru guyyoota keessatti ijaartee xumuruuf.

Hospital Kireeniiwwan ijaarsa hospitaala Hoosheenshaan

Hospitaalli Hoosheenshaan lafa iskuwweer meetira 25,000 ta'urratti kan ijaarane yoo ta'u Wiixata dhufu xumuramee hojii eegala.

Amajjii 24 hojiin isaa yeroo eegalamu konkolaattootni ijaarsaa hedduun bakka gamoon kun itti ijaaramu qulqulleessaa turan.

Hospital Hoosheenshaan ijaarsarra jiru

Aanga'oonni Fayyaa Chaayinaa haga ammaatti namootni 304 ta'an Vaayirasii kanarraa kan ka'e du'uu fi 14,000 kan ta'an faalamuu gabaasaniiru.

namootni 100 ta'an ammoo biyyoota addunyaa 22 keessatti Vaayirasii kanaan qabamaniiru.

Konkolaattota ijaarsaa

Vaayirasiin kun bulchiinsa Wuuhaan kan namootni miiliyoona 11 ta'an keessa jiraatan keessatti jalqaba dhalate.

Akka miidiyaan biyyoolessaa Chaayinaa gabaasetti hospitaalli Hoosheenshaan sireewwan dhukkubsattoota waldhaanuu 1,000 qaba.

Nama hojii ijaarsaarra jiru
Presentational white space
Nama hojii ijaarsaarra jiru

CCTV'n ijaarsa hospitaala kanaa kallattiin gabaasuun ajaa'iba kana uummatni akka taajjabu godheera.

Chaayinaa keesattii qofa namootni miiliyoona 40 ta'an tamsaasa kallattii ijaarsa hospitaala Hoosheenshaan kana daawwaachuu barruun Global Times barreeseera.

Hojettoota ijaarsaa dhibbaan lakkaawaman
Presentational white space
Ijaarsa hospitaala Hoosheenshaan

Suuraawwan adeemsa ijaarsaa kana mul'isan konkolaattotni ijaarsaa dinqisiifannaa argatanii hin beekne akka argatan sababa ta'eera.

Kanneen simintoo bukeessan maqaa masoo ''Mootii Simiintoo'' jedhu fi kaanis argataniiru.

Konkolaattota ijaarsaa

Hospitaalli Hoosheenshaan qaama hoospitaala Shi'ootaangishaan Beejiingitti bara 2003 weerara Vaayirasii Saars ittisuuf ijaarameeti.

Namoota hojii ijaarsaarra jiran

Hospitaalli Shi'ootaangishaan bara 2003'tti ijaarame kun xumuramuuf guyyoota torba qofa fudhate. Kanaanis rikoordii addunyaa ijaarsa hospitaala saffisaa cabseera.

Hojjetaa boqonnaarra jiru

Aaanga'aan mootummaa Chaayinaa Yaanhoong Hu'ang ''Chaayinaan piroojektoota hiika addaa qaban akka kanaa dabalatee hojii saffisaan xumuruurrattimaqaa gaarii qabdii jedhaniiru.

Hojjetoota ijaarsarra jiran

Akkuma Hospitaala Beejing hospitaalli haaraan kun gamoowwan dura ijaaramanii qophaahanii taa'ani irraas hojjetama.

Manneen dursanii ijaaraman

Ijaarsa kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf injinaroonni kutaalee biyyattii keessa jiran wamaichi godhameeraafis jedhu aanga'oonni.

''Hojiin Injinariingii waan Chaayinaan ittiin jabduu jedhamtuudha. Gamoowwan dhedheeroo saffisaan ijaaruun maqaa gaarii qabdi. Kun biyyoota lixaaf tilmaamuuf rakkisaadha. Hojjechuun ni danda'ama.''

Ijaarsa Hospitaala Hoosheenshaan
Presentational white space
Ijaarsa Hospitaala Hoosheenshaan