Sudaanitti balaa lolaadhaan namootni 60 du'an

Uummatni naannoo Waadii Raamiliimeeshaa isaanii lolaa jalaa baafatan konolaataa fe'umsaa irratti fe'aa turan
Maxxanfame

Sudaanitti rooba cimaan lolaan uumame lubbuu namoota 60 galaafachuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

Jalqaba ji'a Waxabajjii irraa eegaluun Sudaan rooba cimaa keessa turte. Naannoolee 15 keessattis namoota 200,000 tahan irra miidhaan dhaqqabsiissera.

Naannoon Waayit Naayil isaan keessaa akka malee kan miidhamanidha.

Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti ammoo sababa lolaadhaan manneetiin 37,000 tahan guutummaan kan manca'an yoo tahu ammallee lolaa hamaan akka eegamu akeekkachiiseera.

Waktiin roobaa hanga xumura ji'a Onkoloolessaatti eegama.

Mana sababa lolaan Wad Ramili diigame.
Ibsa waa'ee suuraa, Mana Wad Ramli, 75km (45 miles) Kaartum irraa fagaattu keessatti sababa lolaan diigame.
Jiraattota Wad Ramil bidiruudhaan meeshaa isaanii hafte baafachuuf deebi'an.
Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota Wad Ramil bidiruudhaan meeshaa isaanii hafte baafachuuf deebi'an.
Jiraattotni Wad Ramili Waan danda'an gara lafa gogaatti baafataniru.
Ibsa waa'ee suuraa, Waan danda'an gara lafa gogaatti baafataniru.
Meeshaalee lolaa irraa oolan konkolaataa fe'eumsaan baasaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee lolaa irraa oolan konkolaataa fe'eumsaan baasaa jiru.
Jiraattota sababa lolaan qe'ee irraa buqqa'aniif kaampii qophoofte
Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota sababa lolaan qe'ee irraa buqqa'aniif kaampii qophoofte
Masjiidaa fi manneetiin walakkaadhaan lolaadhaan fudhatamaniiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalichi gariin lolaan liqimfameera.