Suuraan: Lammiileen Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa kabajan

Dubartoota uffata amantichaan bareedan
Maxxanfame

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa ykn ximqataa kabajan. Ayyaanni kuni cuuphaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos Laga Yordaanoositti taasise yaadachuuf kabajama.

Magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti hordoftoonni amantichaa kuma hedduu ta'an gaafa Jimaataa, gaafa jala bultii ayyaanichaa, daandiiwwan gurguddoo magaalichaa guutanii gara Jaanmeedaa imalaa turan.

Ummanni yeroo kabaju
Presentational white space
Nama dibbee waliin

Manneen kiristaanaa tokkon tokko taabota ajajawwan kudhan irratti barreeffame lafa cuuphaati geessu.

Xurumbaawwan amantichaan hojiirra oolan
Presentational white space

Kanneen meeshaa afuuraa kan aadaa, xurumbaa afuufan dura bu'u.

Kunis isa Macaafa Qulqulluu irratti yeroo taabonni bakkaa sosso'u xurumbaan afuufameera kan jedhu yaadachuufi.

Namoota uffata amantaa uffatanii lafa Cuuphaatti mul'atan
Presentational white space
Luboota amantaa
Presentational white space
Meeshaa ixaana itti aarsan

Hggantoonni mana amantaa, uffata amantaa uffachuun wanta tajaajila amantichaaf oolu qabatani faana bu'u.

Hordoftoota amantichaa
Presentational white space
Harka walitti dhahuu
Presentational white space

Farfattoonni faarfachaa hordoftoonni amantichaas harka waliin rukutaa waliin hordofu.

Fannoo Gooftaa Iyyaasuus Kiristoos irratti fannifame
Presentational white space

Gaafa Jimaataa galgala Jaanmeedaa bulani Sambata ganama cuuphaan hin raawwata.

Suuraaleen gaazexessaa Amansiisaa Nagaraafi kan AFP dha.