Keeniyaan maqaa bulchitoota biyyatti saantimarra ture binensotaan bakka buuste

Saantima
Maxxanfame

Keeniyaan saantima haaraa qophaa'e irratti suuraa pirezidantootaa ture balleessite. Kunis kan ta'e akka guddatanii hin mul'anne gochuufi.

Saantimawwan biyyattii bulchitoota duraanii kanneen akka Jomo Keeniyaattaa, Daani'el Araf Moyii fi Miwaayi Kibaaki ofirraa qaba.

Lammiileen Keeniyaa hedduunis of beeksisuufi kana godhu jedhani yaadu.

Saantimoota haaraa irrattis bakka bulchitoota biyyatti bineensonni beekamoo Keeniyaa kanneen akka Leenca, Arba, Satawwaa,fi Warseesi bakka buufamaniiru.

Jomoo Keeniyaattaan bulchaa jalqabaa biyyattiiti. Ilmi isaaniifi pirezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaattaa saantimawwan kuni ''jijjiirama guddaafi biyyi keenya karaa fagoorra dhufuu agarsiiseera'' jedhan.

Bulchitoonni biyyatti sadeenu yeroo aangoorra turan suurri isaanii maallaqa biyyattiirra ture.

Nama maallaqa Keeniyaa lakkaa'u, Naayiroobii, Sadaasa 19, 2018
Ibsa waa'ee suuraa, Maallaqi bulchaa jalqabaa biyyattii kan Jomoo Keeniyaattaa ammallee ummanni itti dhimma bahaa jira

Heerri biyyattii bara 2010 bahe maallaqni ''suuraa nama kamu ofirraa qabaachuu hinqabu,'' jedha.

Baankiin biyyaalessaa biyyattii akka jedhetti bineensota filachuun naannoof kabaja kennuu keenya agarsiisa jedhaniiru.