Suuraawwan babbareedoo Afriikaa, Fulbaana 14-20, 2018ti

Maxxanfame

Filannoo suuraalee babbareedoo lammiiwwan Afrikaa, Afrikaafi addunyaa mara irraa.

Kafiyaaloo isa yeroo tokko hidhaa ture simanna hoggantoota ABO irratti aragme
Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti, Kefiyaaloo isa yeroo tokko hidhaarra ture, sirna simannaa hoggantoota ABO irratti halluu alaabaa bilisummaatiin faayame argame
Dubartii ittoo tolchitu
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kuni immoo ittoo foonii Zigin jedhamu tolchiti, faayaan harkatti godhatte gaazexeessaa BBC Tigrinyaa Girmaay Gebruut kenneef.
Nyaata Xihiloo
Ibsa waa'ee suuraa, Keessummooti nyaata garbuurraa tolfamteefi Xihiloo jedhamtu filoodhaan ittoo keessa dhuubanii nyaachaa jiru. Xihiloon sirna addaaf dhiyaata.
Dubartii harkishee hiinnaadhaan miidhage
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Adigiraat cidhaaf harkashee hiinnaadhaan miidhagfatte
Dhiirota lama kophee tochan
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggooti Keeniyaa kophee siliiparii calleerraa tolfamtu gabaa diidaa magaala guddoo Naayiroobiitti hojjatanii agarsiisaa turan
Barttoota sadarkaa 1ffaa uffata danbii cuquliisa uffatan.
Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan erga barnoota bilisaa jalqabee, barattoonni sadarkaa tokkoffaa Seeraaliyoon, magaala guddoo Fireetaawonitti argaman guyyaa barnootaa tokkoffaatti jiru.
Dubartii kitaabootaafi baruulleewwan karaa dura baastee gurgurtu
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kun immoo kitaabotaafi baruulleewwan takkaa faayidaarra oolan Iyivoorikoost, magaalaa Abiijaanitti karaa dura baafatee gurgurti.
Weellisaa Alfaa Biloondii
Ibsa waa'ee suuraa, Achuma Abijaanitti, weellisaan reegee Alfaa Biloondii kooppii albama isaa Human Race jedhamu mallateessaa namoota harka fuudha.
Namoota naannoo qulqulleessan
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalattii iddoo biraatti immoo namoonni ollaafi naannoo isaanii qulqulleessuun aantummaa hawaasaa agarsiisaa turan
Nama lolaa keessa ce'aa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa wiixataa lolaa Naayijeeriyaa naannoo Koogiitti mudateen namni kun mala lolicha keessa ce'u malateera. Torbee lameen darbe keess lolaan kun lubbuu namoota 100 galaafateera.

Pictures from AFP, EPA, Getty Images and Reuters