Suuraawwan hawwatoo torbee kanaa: Caamsaa 4, hanga 10,2018

Maxxanfame

Filannoo suuraawwan babbareedoo Afrikaafi addunyaa mara irraa.

Faradoo koorichaansaa faayame fi namoota irra taa'anii garmaamsisan
Ibsa waa'ee suuraa, Namoota uffannaa aadaa Liibiyaa uffatanii jila loltootaa baha biyyattii magaalaa Bengaaziitti yennaa kabajatan
Dubartii wayyaa misirroo adii fi baarnexaa guddaa adii uffattee gara mirgaatti garagaltee dhaabbattu
Ibsa waa'ee suuraa, Torbee Jila misirrootaa Naayijeriyaa magaalaa Leegoositti kabajameen kalaqni dizaayinara Naayijeriyaa Yemii Shoyemii moodeelaan namootaaf ifatti baheera.
Achuma Naayijeriyaatti misirichi cidha isaa irratti yennaa ragadu.
Ibsa waa'ee suuraa, Achuma Naayijeriyaatti misirichi cidha isaa irratti yennaa ragadu.
Dubartoota lama wayyaa aadaa uffatanii jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota uffannaa aadaa halluun kuulame uffatanii cidha irratti argaman
Bobbocoota halluu gurraachaa uffannaa misirroo adii mudhii gadi bal'aa tahe uffatan
Ibsa waa'ee suuraa, Bobbocoonni uffataammoo uffannaa misirrittii aadaa adii uffifamanii turan
Dubartoota lama kolfaa jiran,rifeensa gabaabaa fi dheeraa festivaala Kannees irratti
Ibsa waa'ee suuraa, Taatuu Kenyaa Sheyilaa Munyivaa(kan harka bitaa irra mula'attu) fi Saamaantaa Mugaatsiyaa festivaala fiilmii Kaannes irratti.
Nama suuraawwan ededa irratti fannifaman ilaalaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa kibbaa magaalaa Keep Taawon keessatti egzibishiniin suuraa cunqursaa namoota saala isaanin adda tahanii agarsiisaaf dhiyaate.
Suuraawwan gurraachaa fi adii kaafaman kan cunqursaa Afrikaa kibbaatti ture agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Johaanisbargitti immoo suuraan jireenya yeroo cunqursaa sanyummaa appaartaayidii bara 1994tti dhaabbatte mul'isu agarsiisaaf dhiyaatera.
Fakkii qaroomina duriii agarsiisu kan ededa irratti kaafame.
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkiin ededa irratti kaafamu awwaalcha loltuu jeneraalaa Misiroota durii Iwaarhiyaa, lafa jala jiru Saqqaaraa jedhamu keessatti argama.Iwaarhiyaan loltuu yeroo Fara'on Seetii 1ffaafi Raamsee 2ffaatti tajaajile dha
Dubartoota lama guftaa isaanii harkaan ol qabatanii shubbisan
Ibsa waa'ee suuraa, Shubbistoonni Ruusiyaa immoo lafa bashannanaa Suyeez jedhamutti,do'ii sirbaa agarsiisaniiru.
Shubbistuu mudhii harka gara fuulduraatti, morma ishee gara duubaa, goote bitaatti garagaltee jirtu.
Ibsa waa'ee suuraa, Akkuma lammiin Biriteen Juliyaa Andarsan, namoonni biyya alaa shubbisa mudhii aadaa Misirii baayyinaan itti fayyadamaa jiru.
Nama areeda dheeraa qabu gara mirgatti garagalee xuuxaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Keep Taawonitti gaafa deebinu,namich qaruuraa keessaa kaanaabis xuuxaa,kaanaabisiin akka seeraan guutummaan guutuutti hayyamamuu gaafata.

Fakiiwwan kun AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa walitti qabaman.