Israa'el tokkummaa fi tasgabbii Itoophiyaa akka deeggartu ibsite
Israa’el fi Itoophiyaa hariiroo fi tasgabbii naannawaa irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibse.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, Gideyoon Sa’ar, Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Gidiyoon Ximootiwoos waliin bilbilaan haala nageenyaa Itoophiyaa keessaa jiru irratti mari'atan.
Kana malees muddama naannoo Gaanfa Afrikaatti dhalachaa jiru irratti mari’achuu isaanii ibsan.
Akka Sa’ar ibsanitti, Israa’el fi Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa eeguu irratti faayidaa waloo qabu. Kanaaf, naannicha keessatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, biyyoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa fi michummaa cimaa akka qaban ibsanii, Israa’el hariiroo biyyoota lamaanii gara fuulduraatti caalaatti cimsuuf fedhii qabaachuu beeksisaniiru.
Marii ministiroota lamaani kun yeroo biyyootni ollaa Itoophiyaa ijjannoo waloo baafatanii fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti yaaddoon jirutti kan ta'eedha.