Raashiyaa fi Yukireen misaa'elaa fi dirooniiwwan hedduu walitti dhukaasan, lubbuu namaas darbeera

Haleellaan misaa'elaa fi diroonii Raashiyaa fi Yukireen gidduu kana waliratti raawwatan dubbiin gidduusaanii daran hammaachuu mul'isa. Gidduutti namoonni nagaa lubbuu dhabaniiru, hedduun madaa'aniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un fi Pirezidant Puutin michummaasaanii cimsuuf waadaasaanii haaressan

    Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un fi Pirezidant Puutin Guyyaa Walabummaa Kooriyaa irratti michummaasaanii cimsuuf waadaa qaban haaressuu ibsan.

    Wayita Kooriyaan Kaabaa guyyaa waanjoo kolonii Jappaan jalaa itti baate kabajattutti Kim Jong Un ergaa Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiniif ergeen ''hariiroon biyyoota lameenii daran cimee akka jiru,'' mirkaneesseera.

    Gabaasi miidiyaa biyyattii KCNA jedhamu akka ibsetti Kim ergaa gammachuu waggaa 81ffaa guyyaa walabummaa biyyattiirratti Puutin ergeef wayita deebisu hariiroon biyyoota lamaanii baayyee cimuu ibse.

    Kooriyaan Kaabaa bara Waraana Addunyaa Lammaffaa Jappaaaniin kan booji'amte yoo taatu, guyyaa walabummaashee yeroo 81ffaaf kan kabajatte Sambata kaleessaa ture.

    Puutin hariiroon biyyoota lameenii bara loltoonni Sooviyeet Jappaan irratti duulan jabaachuu ibsuun, haiiroon sun amma damee hundatti cimeera jedhe.

    Kim Jomng Un gamasaan egereen hariiroo biyyoota lamaanii seenaa qabsoo waloo kanaan duraan kan utubamu ta'uu fi biyyoonni lameen michummaasaanii keessatti seenaa sana akka yaadan ibse.

    Kooriyaan Kaabaa fi Raashiyaan erga waraanni Yukireen eegalee hariiroosaanii daran cimsaniiru.

    Kooriyaan Kaabaa Raashiyaa tumsuun loltoota ishee Yukireenitti bobbaasuun ishee erga bara 1950ootaa as taatee seena qabeessa jechuun ibsiteetti.

  2. Haleellaa Israa’el Libaanositti raawwatteen jirattootni hedduun baqachuuf dirqaman

    Jiraattotni yoo baqatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa qilleensaa Israa’el Kibba Libaanos irratti Sanbata kaleessaa raawwatteen daa'imman 3 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 11 du’aniiru. Haleellaa kana booda jiraattotni hedduun qe'eei isaaniirraa baqachuuf dirqaman.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos akka ibsetti, ganda Ansaarii irratti haleellaa raawwatameen namoonni torba du’aniiru. Warra du’an keessaa daa’imman sadii jiru.

    Haleellaa biraa magaalaa Deeyir Al-Zahraanii irratti raawwatameen namoonni afur du’anii, 17 biroon madaa’aniiru.

    Haleellaa kana hordofee namoonni hedduun naannicha keessaa ba’aa jiru.

    Suuraalee fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman, akkasumas gabaasota miidiyaa naannoo, daandiiwwan Kibba Libaanos keessatti namootni konkolataan yoo baqatan mul'ateera

    Humni Israa’el haleellaa kana kan raawwate, Hezbollaah humnoota Israa’el irratti haleellaa raawwachuun loltoota sadii madeessuu haaloo ba'uufi.

    Israa’el akkasumas haleellaa ganda Ansaarii irratti raawwatteen hoogganaan Humna Ridwaan, kan garee Hezbollaah keessaa tokko, ajjeefamuu himte.

    Hezbollaah gama isaatiin himata kana irratti deebii hin kennine.

    Haleellaan kun yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el fi Hezbollaah gidduutti jiru keessatti raawwatame. Erga,waliigaltee dhukaasa dhaabuu jalqabee asitti, haleellaa lubbuu hedduu galaafate keessaa isa tokkodha.

    Rakkoon kun yeroo ammaa maatiiwwan Kibba Libaanos keessa jiraatan biratti sodaa guddaa uumee jira. Namoonni hedduun walitti bu’iinsi irra deebi’ee hammaachuu fi nageenyi isaanii balaadhaaf saaxilamuu sodaachuun baqachuu itti fufaniiru.

  3. Raashiyaa fi Yukireen misaa'eloota hedduuu walirratti dhukaasan

    Haleellaa Yukireen irratti raawwate

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireen handaara Moskoo misaa'elaan haleeluu booda Raashiyaan misaa'eloota hedduu gara Kiiv dhukaasteetti.

    Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte kanaan namoonni shan yoo du'an kudhan kan caalan madaa'aniiru.

    Bulchiinsa Kiryi Rih keessatti ga'eessi umrii waggaa 44 erga dhabamee booda gamoo jijjige jalaa reenfi isaa argam jedhe kantiibaan magaalattii.

    Namni biraas ajjeefameera. Hojjettoonni sibiilaa 14 ammoo madaa'aniiru.

    Raashiyaan bakki kun iddoo itti Yukiren meeshaale waraanaa oomishtuudha jette.

    Bulchiinsa Zaporizhizhiyaa keessatti ammoo wayita haleellaa Raashiyaan manni jireenyaa tokko manca'u namoonni umriinsaanii waggaa 60 keessa ta'e lama ajjeefamaniiru.

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii haleellaa misaa'elaan Raashiyaan eda halkanii fi ganama kana walitti fufuun raawwatteen magaalaa guddoo biyyattii keessatti haleellaa raawwateen namoonni ja'a madaa'uu ibsan.

    Namoonni ajjeefaman ammoo shan ga'uu mirkaneessan.

    Raashiyaan warshaa oomisha meeshaalee waraanaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu mirkaneessiteetti.

    Ministeerri ittisaa Raashiyaa bulchiinsa Poltava keessatti wiirtuu boba'aa humna waraanaa Yukireeniif dhiheessu Kremenchuk jedhamu haleeluu ibseera.

    Gama kaaniin kantiibaan magaalaa Moskoo Serge Sobyanin dirooniiwwan Yukireen 600 ta'an qilleensarratti rukutamuu ibsan.

  4. Morookoon godaantota Afrikaa irraa gara Awurooppaa ce'uuf yaalan 111 hiite

    Morookoon godaantota Afrikaa irraa gara Awurooppaa ce'uuf yaalan 111 hiite

    Madda suuraa, Reuters

    Poolisiin Morookoo godaantota 111 gara Siwutaa jedhamu bulchiinsaa Ispeen Kaaba Afrikaatti argamu keessa qaxxamuruuf yaalaa turan to'annoo jala oolchuu isaanii maddoonni nageenyaa fi miidiyaaleen Ispeen gabaasan.

    Godaantootni qabaman kun baay'inaan biyyoota Afrikaa Saharaa gadiitti argaman irraa kan dhufan ta'uu ibsameera.

    Akka maddoonni nageenyaa Morookoo jedhanitti, humnoonni nageenyaa namoota gara qarqara galaanaa deemaa turan bittimsuuf gaazii imimmaanessu fayyadamaniiru. Namoonni kunneen galaana ce'uun gara Siwutaa seenuuf yaalaa turan.

    Morookoon jalqaba torban kanaa barreeffamootni miidiyaa hawaasaa fi ergaawwan ka'umsi isaanii hin beekamne naanna'aan namootni hedduun guyyaa Sanbataa galaana ce'uun gara Siwutaa akka seenan waamicha godhaa turan, mootummaan Morookoos hordofaa ture jedhe.

    Poolisiin Morookoo namoota waamicha kana qopheessanii fi qindeessan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf qorannoo jalqabuu ibseera.

    Daangaa naannichaa irratti nageenyi cimee jira. Akka gabaasota Ispeenitti, Morookoon loltoota, dooniiwwan saffisaa fi droniiwwan bobbaasteetti. Ispeenis naannicha eeguuf humnoota nageenyaa 1,500 ol ramaddeetti.

    Siwutaan kutaa bulchiinsaa Ispeen taatee, Morookoo irraa gara Awurooppaa seenuuf karaa ijoodha. Yeroo darbe namoonni baay'een daangaa sana ce'uuf yaaluun rakkoo guddaa uumeera.

    Gabaasni Reuters akka jedhuutti, yeroo dhiyoo asitti namoonni baay'een Morookoo irraa Siwutaa seenanii turan. Namoota hedduu keessaa baay'een isaanii gara Morookootti deebifamaniiru. Yeroo sana namoonni gara 100 ta'an du'uu isaanii gabaasni ni mul'isa.

    Morookoon to'annoo cimsuu daangaa galaanaa irratti humnoota dabalataa ramaduu itti fufteetti. Ispeenis akkuma kanaan daangaa irratti to'annoo cimsuu fi dallaa sibiilaa dabalataa diriirsuu irratti hojjechaa jirti.

    Gamtaan Awurooppaa biyyoonni naannichaa daangaa isaanii eeguuf waliin hojjechuu fi to'annoo daangaa cimsuu akka qaban waamicha dhiheesseera.

  5. Balaa kirkira lafaa Indooneezhiyaan yoo xiqqaate 51 du'an

    Balaa kirkira lafaa Indooneezhiyaan namoota miidhaman

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa kirkira lafaa hamaa magniitiyuudii 7.7 jedhame kanaan namoota lubbuu dhaban 51 malee namoonni kuma shan ta'an bakkaa kaafamaniiru.

    Dhaabbati To'annoo Balaa Tasaa Biyyaalessaa (BNPB) akka gabaasetti qorannoon jalqabaa manneen jireenyaa 900 fi gamoowwan dhibbaan lakkaa'aman balaa kanaan manca'uu mul'iseera.

    Balaan qaqqabe ammallee guutummaatti hin baramne. Balaa kana cinaatti balaan kirkira lafaa biraan magniitiyuudii 6.9 ta'u biyyattii keessatti mudateera.

    Balaan kirkira lafaa kun erga 2022 as biyya kibba-baha Eeshiyaa taate Indooneezhiyaa keessatti isa hamaadha jedhameera.

  6. Marii Biyyaalessaarratti wanti waa'ee Finfinnee hirmaattota 'waldura dhaabsise' maali?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Marii Biyyaalessaa magaalaa Finfinneetti adeemaa jiruurratti dhimmi magaalaa Finfinnee falmii jabaa kaasuu BBC'n odeeffate.

    Ajandaawwan saddeet mariif dhihaatan keessaa kan yeroo dheeraa fudhateefi namootas wal dura dhaabsiseera jedhameera.

  7. Manni murtii Faransaay seera ijoolleen ganna 15 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne qophaaye kuffise

    Namoota bilbila qabatanii dhaabatan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Manni Murtii Olaanaan Faransaay seera ol adeemtonni ganna 15 miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne qophaaye bilisummaa yaada ofii ibsachuu sarba jechuun fudhatama dhabsiise.

    Wixineen seeraa kun ji'a darbe bakka bu'oota uummataa biyyattiin deeggarsa argatee darbe ture.

    Kunis Faransaay biyyoota Awurooppaa keessaa miidiyaalee hawaasaa dhorkuun kan jalqabaa ishee taasisee ture.

    Faransaay ol adeemtonni ganna 15 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne seera kan baasuu feeteen yaaddoon fayyaa sammuu daa'immaniirrattti qabaachaa jiru sababa akkaan dabaleefi.

    Wixineen qophaayee paarlaamaan raggaasuu booda pirezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon Fulbaanarraa qabee suuta suuta hojiirra oolaa deema jedhee ture.

    Manni Murtii kufaa gochuu erga dhagahamee ammoo Ministirri Muummee biyyattii galtee Manni Maree kenne bu'ura godhachuun wixinee seeraa haaraa dhimmuma kanarratti akka qopheessu gaafateera.

  8. Mariin Biyyaalessaa ‘boqonnaa ijoorra gaheera’ – Komishinii

    Komishinii Marii Biyyaalessaa

    Madda suuraa, Komishinii Marii Biyyaalessaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariin Biyyaalessaa dhibdee bule furuuf kaayyeffatee adeemsifamaa jira

    Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhibdee biyyattii bubbule mariin furuuf kaayyeffate magaalaa Finfinneetti itti fufeera.

    Marii ji’a tokkoof ture kanarratti kutannoon lammiilee Itoophiyaa dhimma waloorratti mul’isan ‘’abdii namatti hora’’ jedhe komishinichi ibsa Jimaata galgala baasen.

    Marii kanarratti wal kabajuufi wal hubachuun akkuma mul’ate adeemsicha qormaatnis akka mudatee ture ibse.

    ‘’Wantoonni dhibdee fakkaatan mul’ataniiru,’’ jedheera. Kanammoo dursee akka hubate ibseera.

    Yeroo ammaas mariin kuni ‘’boqonnaa ijoorra gaheera’’ jedhe. Ta’us, oduuwwan sobaa akka isa qoraa jiran irra deebiin ibseera.

    ''Odeeffannoo komishinichi baasu akkasumas odeeffannoo miidiyaaleen bakkicha jiran baasan alatti'' akka hin hordofne hawaasa gaafate.

    BBC'n hirmaattotarraa akka odeeffatetti, dhimmoota tokko tokkoorratti mariirratti hirmaattota gidduu wal dura dhaabbannaan mul'ateera.

    Keessumaa dhimmi Finfinnee dhimma falmii jabaa kaase akka ta'e dubbatan.

  9. Piroofessarri Kaambiriij waabeffachuu dhabuun himataman du'anii argaman

    Pirofeesar Jeesan Ardeey

    Madda suuraa, ITV/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeesar Jeesan Ardeey himannaa irratti ka'u waakkataniiru

    Pirofeesarri duraanii Yunivarsitii Kaambiriij Jeesan Ardeey gaafa Jimaataa Waaree booda kibba Landanitti du'anii argaman.

    Ardeey torban darbe ture Yunivarsitii Kaambiriij keessatti hojii isaanii pirofeesara Soshiyolojii turanirraa osoo hin waabeffatin akka waan ofitti dhiheessuun himannaa jedhufi milkaa'ina isaanirratti gaaffii ka'en hojii kan gadhiisan.

    Himannaa isaanirratti ka'u waakkataniiru.

    Maatiin Ardeey ibsa baasaniin miseensi maatii isaanii du'uutiin gadduu ibsan.

    ''Odeeffannoo sobaa itti duulame Jeesaniif itti baay'ate'' jechuun nama gaarii ta'uu isaa himan.

    Poolisiin Metroppolitaan ibsa baasen ''yeroo kanatti duuni isaa waan hin eegamneefi garuu wanti shakkisiisaa jira jedhame hin amanamu'' jedheera.

  10. Indoneezhiyaatti kirkirri lafaa namoota 20 galaafate

    Gamoo jijjige

    Madda suuraa, BASARNAS

    Balaa kirkira lafaa Sambata ganama Indoneezhiyaatti qaqqabeen yoo xiqqaate namootni 20 du'uu aanga'oonni himan.

    Kikrirri lafaa maagnitiyuudii 7.7 ta'e kun bulchiinsa Nusa Tenggara jedhamu keessatti mudate.

    Hojjettootni gargaarsaa nama tarii gamoo jijjige keessatti danqamee hafe baraaruuf yaalaa jiru.

    Kirkira lafaa kanaan gamoowwan hedduun miidhamaniiru. Yaaddoon balaa Sunaamii labsamee kan ture ta'us sa'aatii sadii booda kaafameera.

  11. Tiraamp yeroo dhihootti Ulaan Hormuuz qaama US jechuun labsuuf

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan abbaan qabeenyummaa Ulaa Hormuz kan ishee akka ta'u barbaaddi, kuni garuu mormii kaaseera

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp 'yeroo dhihootti' Ulaa Hormuuz qaama Yunaayitid Isteet akka taatu akka labsan dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni yeroo Ameerikaafi Iraan gidduu muddamni cimetti dhagahame.

    Tiraamp dubbii kana gaafa Jimaataa kan dubbatan yoo ta'u Ameerikaanonni gatii gaazii olaanaa ta'e amananii fudhachuu akka qaban dhaaman.

    Kunis, gatii Iraan akka nikulara hin qabaanne gochuuf gatii kaffalamu akka ta'e himan.

    ''Erga Iraan moonee xumurre booda, [silaayyuu] akka malee mo'amaniiru. Yeroo dhihootti Ulaan Hormuuz daangaa Yunaayitid Isteet ta'u nan labsa,'' jechuun dubbatan.

    Yaadi isaanii kuni jijjiirama imaammataa yoo ta'ee jiraate hin baramne.

    Guyyaa Kamisaa Ameerikaafi Iraan Ulaan Hormuz to'annoo kiyya jala jira jechuun dubbataa turan.

    Ameerikaan dhorkaa ulaawwan Iraaanirra keesse yeroo hin murtoofneef akka dheeressuu dandeessuus beeksifteetti.

  12. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Sambataa eegalle.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    Lafa nagaa oolaa!