MM Abiy Ahmad daawwannaa hojiif Jibuutii galan

Waajjirri Ministeera Muummee Itooophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka beeksisetti, MM Abiy Ahmad Jibuutii yoo gahan Pirezidaantii biyyattii Ismaa'el Omaar Giiledhaan simannaan hoo'aan taasifameefii jira.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waa'ee jila Iraan gara Niiw Yoorki Imalee maal beekna?

    Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbas Aragchi
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbas Aragchi

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbas Aragchi, walga’ii Waliigalaa UN irratti Iraan bakka bu’uuf jila Iraan waliin Ameerikaa NiwuYoorki qaqqabuu Dhaabbanni oduu Iraan IRNA gabaasera.

    Araghchi, waraanni Baha Giddugaleessaa kan Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti haleellaa raawwatan erga jalqabee as, hoogganaa olaanaa Iraan Ameerikaa seeneedha.

    Akka gabaasa kanatti Abbas Aragchi yaa'ii UN kana maddittis qondaaltotaa fi ministeerota dhimma alaa biyyoota adda addaa waliin ni mari'atu.

    Akkasumas erga Newu Yoorki ga'anii Barreessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guterres waliin bilbilaan ajandaa yaa'ii UN irratti mari'achuun erameera.

    Qondaaltootni Iraan yaa'ii UN kana irratti haasaa taasisu jedhamee eegama.

  2. Biyyootni G7 Iraan Huutii akka hin hidhachiifne fi hin deeggarre gaafatan

    -

    Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota G7 yaa’ii waliigalaa UN dura ibsa waloo baasaniin, Iraan garee Huutii Yaman “hidhachiisuu fi deeggaruu” akka dhaabdu gaafatan.

    Ministiroonni kunneen haleellaa gareen Hidhattoota Huutii Yaman Sa’uudii Arabiyaa irratti raawwatan “cimsanii balaaleffachuu” isaanii ibsan.

    Akka ibsa G7'tti, walitti bu’iinsi Yaman keessatti humnoota Sa’uudii Arabiyaan deeggaramani fi loltoota Huutii gidduutti yeroo dhihoo as hammaachaa jiru, nageenya naannichaa fi dhiyeessii boba'aa addunyaa irratti balaa uumu danda’a.

    Huutiin Iraaniin deeggaraman naannoo Galaana Diimaa keessatti qubsuma dabalataa to’achuu isaanii hordofee, guyyoota muraasa darban keessatti namoonni kuma hedduun lakkaa'aman walitti bu’iinsa kana baqachuun Yaman keessaa akka bahan taasifamuun ibsameera.

    Ibsi G7 kun kan kenname, yeroo Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) waggaa waggaan Niiw Yoorkitti gaggeeffamu, eegalmuuf jedhutti.

    Yaa'ii kanarrattis bakka buutonni Iraan haasaa akka godhan eegama.

    Ministiroonni Dhimma Alaa UK, Kanaadaa, Faransaay, Xaaliyaanii, Jaappaan fi Ameerikaa ibsa waliin baasaniin, “Huutiin hatattamaan sochii waraanaa isaanii hunda akka dhaaban gaafanna,” jedhan.

    Akkasumas, haleellaa fi doorsisi dooniiwwan daldalaa irratti raawwatamu akka dhaabbatu, akkasumas gara adeemsa marii siyaasaatti deebi’amuuf haalli akka uumamu gaafatan.

  3. Tiraamp Huutii akka haleeluuf deeggarsa mootummaan Yaman gaafate maaf dide?

    Doonaald Tiraamp

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp fi pirezidaantiin Yaman beekamtii idiladdunyaa qaban Rashaad al-Aliimii haleellaa hidhattoonni Huutii gaggeessaa jiran ilaalchisee bilbilaan haasa'uun dhagahame.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, Samabta darbe Pirezidaantiin Yaman deeggarsa US gaafachuuf Tiraamp waliin haasa'aniiru.

    Haa ta'u garuu gaaffii waraanni US Huutii irratti haleellaa akka gaggeessuuf mootummaan Yaman gaafate kana Tiraamp hin fudhanne.

    Hidhattoonni Huutii yeroo gabaabaa keessatti qarqara Galaanaa Diimaa mootummaa Yaman beekamtii idiladdunyaarraa qabu fudhachuun waraanni ammayyuu akkuma itti fufetti jira. Rooyitars madeen irraa odeeffadhe jechuun akka gabaasetti, haasaa Doonaald Tiraamp fi pirezidaantiin Yaman Rashaad al-Aliimii bilbilaan taasisan jedhamerratti, Tiraamp hidhattoota kana akka haleeluuf gaaffii dhiyaateef tole jedhee waadaa hin galle.

    Huutiin qaqara ulaa Galaana Diimaa qabachuu hordofee, imala doonii achirraan taasifama danquu danda'a kan jedhu yaaddoo guddaa uumee ture.

    Tiraamp garuu US hidhattoota kana waliin dubbachuun dooniwwan daldalaa kan US ta'ee kan biyyoota kaanis akka hin haleelle Huutiin waadaa galuu beeksise. Haa ta'u garuu, dooniwwan daldalaa Saawudii Arabiyaarratti akka xiyyeeffatu Huutiin duraanuu ibsee ture.

    US hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaraman kana shororkeessitoota jettee moggaastus, Saawudiifi mootummaa Yaman irra goruun haleeluu irraa of qusatteetti.

  4. Uggura US booda Turkii, Iraaq fi Joorjiyaan xiyyaara Iraan dhorkan

    -

    Turkiin, Iraaqii fi Joorjiyaan xiyyaaronni Iraan gara biyya isaanitti akka hin balaline dhorkuudhaaan biyyota jalqabaa ta'aniiru.

    Tarkaanfiin kun kan fudhatame, Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Bessenti,biyyootni addunyaa daandiin qilleensaa Iraan guutummaan guutuutti akka qilleensa isaanirra hin imallee guyyota lama keessatti akka hojiirra oolchan dubbachuu isaanii hordofeeti.

    Dhabbanni Daandiin qilleensaa Iraan 'Mahan Air' jedhamu balallii gara Turkitti akka hin taasifne dhorkamuu ibseera.

    Maddootni lama AFP'n dubbise akka jedhanitti, Iraaqis balallii daandiiwwan qilleensaa Iraan irraa gara biyya ishee dhaqan haqxee jirti.

    Akkasumas Joorjiyaanillee tarkaanfii wal fakkaataa fudhatteetti.

    Torban lama dura, ture Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa daandiiwwan qilleensaa Iraan 27 irra kan qoqqobbii kaa’e.

    Mootummaan Ameerikaa yeroo darbe, dhiibbaa diinagdee Iraan irratti dabaluuf baankii, dhaabbilee daldalaa, damee teeknooloojii fi geejjiba irra qoqqobbii dabalataa akka kaa’u beeksisee ture.

    Iskoot Bessenti, Ministirri Maallaqaa Ameerikaa, dhorkiinsi idil-addunyaa daandiiwwan balalii Iraan irratti kaa’ame guyyoota lamaan itti aanan keessatti hojii irra ni oola jedhan.

    Biyyoota xiyyaarota Iraan keessummeessan irrattis Ameerikaan tarkaanfii qoqqobbi akka fudhattu ibsan.

    Daandiwwan balalii Iraan waggoota dheeraaf sababa uggura Ameerikaan rakkoo keessa turaniiru.

    Ji’oota muraasa darban keessattis, balallii biyyoota alaa gara Iraanitti taasifaman hedduun haqamaniiru.

    Bessenti, waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru hanga yoomitti akka itti fufu kan hin beekamne ta'uu fi dhimma qoqqobbi kana ilaalchisee Chaayinaa waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

    Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpingis guyyaa itti aanu Ameerikaa kan dhaqan yoo ta’u, Pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraamp waliin dhimmoota adda addaa irratti mari’achuuf akka jiran ibsameera.

  5. Barattoonni Gaazaa waggaa sadi keessatti yeroo jalqabaaf qaaman mana baruumsatti argamuun baruumsa eegalan

    Barattoota Gaazaa

    Gaazatti waggaa sadi keessatti barattoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yeroo jalqabaaf qaaman mana baruumsatti argamuun baruumsa barachuu eegalan.

    Barattoonni Sambata darbe kan eegalan yoo ta'u, gamoowwan manneen barnootaa jijjigaa, dunkaana fa'aa keessatti baruumsa eegaluusaanii maddi oduu Rooyitars ibse.

    Fandiin Daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNICEF) akka beeksisetti, sababa waraanan manneen barnootaa Gaazaa keessatti argaman 99% kan ta'an manca'aniiru ykn miidhaan irra gaheera.

    Kanarraa kan ka'e barattoonni 660,000 ta'an waggaa sadiif qaaman mana barnootatti argamuun barnoota idilee osoo hin baratin turuu himu qondaalonni Gaazaa.

    Sababa waraana kanaan namoota Gaazatti du'an keessaa 22,000 kan ta'an barattoota yoo ta'an, 770 ammoo hojjattoota barnootaa ta'uutu ibsame.

    Naannoo Baha Kaan Yuunisitti daayirektara barnootaa kan ta'e Ibraahim Ramadaan, waggaa sadi booda barattoonni kuma dhibbaan lakaa'aman barnootatti deebi'uu dubbata.

  6. Mohammad Saalaan ji'a jahaaf konkolaataa oofuu dhorkame

    Mohaammad Saalaah

    Taphataan kubbaa miilaa Liivarpuul duraanii Mohaammad Saalah konkolaataan isaa Rolls Royce saffisa eeyyamameen ol yeroo imalu qabamuun booda ji'a jahaaf akka hin oofne dhorkame.

    Yeroo konkolaataan isaa daandii sa'atiitti km48 eeyyamu irratti sa'atiitti km58 eenyu oofaa akka ture Saalaan ifa hin baasne. Taateen kuni Bitootessa 27 magaalaa Ingilaand Wiilmsloow, Cheeshaayaritti mudate.

    Taphataan kubbaa miilaa ganna 34 kuni ajaja poolisiin itti baase irratti deebii hin kennine, himannaa irrati ka'eefis jecha amantiis hin kennine.

    Dhorkaa ji'a jahaan dabalataan yuroo 1,044 akka kaffalu manni murtii ajajaeera.

    Dubbiihimtuun dhaddachaa Saalaan konkolaataa isaa eenyu oofaa akka ture odeeffannoo kennuu dhabuunis balleessaa jedhameera jette.

    Saffisa eeyyamameen ol konkolaataansaa oofamaa akka ture kan dhagahame waggaa sagaliin booda Liivarpuul gadhiisuuf beeksisuu isaan guyyootaan booda dha.

    Saalaan yeroo Liivarpuul gadhiisuu isaa gaafa bitootessa 24 beeksisu ''seenaa kilabichaa keessatti taphataa collee akka tahe mirkaneessuun,'' ture.

    Liigii Turkiyeef akka taphatu beeksisuun dura, Liivarpuuliif waggoota taphateetti al 442 taphaaf hiriiruun galchii 257 lakkoofsiseera.

  7. Qoqqobbiin daandilee xayyaaraa Iraan hundarratti kaa'ame borii qabee hojiirra oolufi

    Iskoot Beesaant

    Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beesaant boruu qabee ''daandileen qilleensaa Iraan hunda balalii taasisuu hin danda'an,'' jechuun beeksisan.

    Torbee lama dura ministeerri maallaqaa Ameerikaa daandilee xayyaaraa 27 irratti qoqqobbiin akka kaa'amuu himee ture.

    Hogganaan kuni waraanni Iraan waliin taasifamu hanga yoomitti akka itti fufu akka hin beekne himuun qoqqobbii kana ilaalchisee Chaayinaa waliin marii'achuu himaniiru.

    Pirezidantiin Ameerikaa Shii Jiin Piing guyyoota lamaan booda gara Ameerikaa imaluun dhimmoota garagaraa irratti Donaaldi Tiraamp waliin akka marii'atan ni eegama.

    Hogganooti biyya lamaan kunneen qoqqobbii Iraan irra kaa'ame irratti akka mari'atan pirezidantiin ittaanaa Chaayinaa fi Iskoot Beensaat akka marii'atan ibsameera.

    Mootummaan Ameerikaa diinagdee Iraan irratti dhibbaa geessisuuf baankiwwaan, dhaabota daldalaa, teeknolojii fi geejiba qilleensaa irratti qoqqobbii akka kaa'u himee ture.

  8. CNN dabalatee miidiyaaleen biroo lama Tiraamp irratti himannaa banuufi

    Donaaldi Tiraamp

    Miidiyaaleen Ameerikaa CNN, Politico fi MS NOW jedhaman Waayit Haawusirraa ugguramuun booda bulchiinsa Donaaldi Tiraamp irratti himannaa banuufi.

    Pireezidant Tiraamp Jimaata darbe ture miidiyaaleen kunneen waa'ee bulchiinsa isaa waan 'sobaa fi asoosama tahe' gabaasu jedhee himachuun kan dhorkaa irra kaa'e.

    Dhaabonni miidiyaa kunneen gaazexeessitoonni isaanii Dilbata darbe Waayit Haawus seenurraa dhorkamuu himan.

    Ibsa waloo Wiixata har'aa kennaniin ''mirga heera biyyattiin kennameefi mootummaan waan miidiyaan gabaasu hin murteessu,'' qajeelfama jedhuun tarkaanfii seeraa akka fudhatan himan.

    Tiraamp ibsa isaaniin booda miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti ergaa maxxanseen Waayita Haawus ''Walabummaa Pireesii irratti dhiibbaa gochaa jira osooo hin taane ODUU SOBAA irratti dha xiyyeefate,'' jedhe.

    Heerri Ameerikaa mootummaan walabummaa pireesii akka hin daangessine ni dhorka. Haala kanaan mootummaan miidiyaaleen qabiyyee isaan dabarsan murteessuu hin danda'u.

    Ibsi miidiyaalee sadan kanaan bahe''akeekkachiisa malee Waayit Haawus eeyyama gaazexeessitoota keenyaa haqe, kunis gabaasa keenya waan mormuufi,'' jedha.

    ''Dhimmi kuni yoo gaafatame malee bilisummaa pireesiifi gabaasa walabaa dhiibbaa mootummaa irraa bilisa taheef yaaddoo dha,'' jedhan.

    BBC'n Waayit Haawusirraa deebii argachuuf yaalee ture.

  9. US haleellaan bidiruu qoricha sammuu hadoochu fe'e jette irratti raawwatte yakka namoomaati - UN

    Bidiruu galaanarraa

    Ameerikaan dhihoo kana bidiruu qoricha sammuu hadoochuu daddabarsaa jira jechuun haleellaa irratti raawwatte seera idil-addunyaa kan cabsee fi yakka farra namooma tahuu mala jedhe gabaasni UN dhihoo bahe.

    Gabaasni Raappoortara addaa UN'n qindaa'e akka mul'isutti Fulbaana bara darbee qabee daangaa US ala odola Kaarabiyaaniifi garba Paasifiik haleellaa 68 raawwachuun namoonni 220 tahan lubbuu dhabaniiru.

    Qorataan UN Been Saawul akka jedhetti gareelee irratti xiyyeeffatame shororkeessummaan haa ramadamaniyyuu malee Ameerikaan seera idiladdunyaa cabsuun isaan irratti haleellaa akka raawwattu waan godhu hin raawwanne jedhe.

    Gabaasni kuni Ameerikaan Kaarabiyaan irratti doonii haleeluun nama afur ajjeeste jechuun guyyaa lama booda dhagahame.

    ''Odeeffannoon tikaa akka agarsiisutti bidiruu haleelame jedhame qoricha sammuu hadoochu qabatee ture. Kanaanis, shororkeessitoonni afur ajjeefamaniiru,'' jedhe humni Ameerikaa oppireeshinii kana hogganu Southcom.

    Ibsi UN dhimma kanarrtti gadhiise garuu ajjeechaan kuni murtoo dhaddacha maleetti raawwateen lakkaa'ama, seera idil addunyaa fi mirga ofirraa ittisuunillee seera qabeessa hin tahu jedhe.

    Akka Been jedhutti ''haleellaan 68 Ameerikaan raawwatteefi namoota 223 ajjeese yakka farra namoomaa fi seera idil addunyaa kan cabsedha.''

    BBC'n dhimma kana qulleeffacchuuf Waayit Haawus qunnamus deebii hin arganne.

  10. Ingilaandiifi Weelsitti dhaddachi yakka gudeeddii qofaatti ilaalu hundaa'uufi

    Siidaa dubartii haqaa

    Ingilaandiifi Weelsitti yakka gudeeddii dabalatee dhaddachi haleellaa saalaa addatti ilaalu waggaa lama keessatti hundaa'uuf tahuu ministarri mummee biyyattii beeksisan.

    Mannni murtii hundi dhaddacha addaa kana qabaachuun miidhamtoonni himannaa banan oolmaa dhaddacha viidiyoodhaan hordofuu dandeessisa.

    Miidhamtoonni kunneen yoo dhaddachatti argamu taheef balballi qofaatti isaaniif qophaa'uun shakkamtoota waliin akka wal hin argine taha. Garuu kuni akkaataa ijaarsa gamoo mana murtii irratti hundaa'a.

    Dhaabooti haleellaa saalaa irratti hojjetan tarkaanfiin kuni ''murteessaafi'' jijjiirama waggootaaf gaafatamaa ture kan fiduu danda'u dha jedhameera.

    ''Tarkaanfiin kuni dhaddachi galma miidhamtootaa fi kanneen miidhamarraa hafaniif haqa baasuu irratti kan hundaa'e dha,'' jedhan hoggantuun dhaabbata tola oolaa Rape Crisis England, Siyaaraa Bergmaan.

    Dhaabonni haleellaa saalaa hordofan yakka kanarratti murtoon kennamu muraasa tahuu irraan kan miidhamtonni haqa argachuuf fuulduratti hin dhufan.

    Himannaa haleellaa saalaa poolisiin waggaa tokkotti galmeesse keessaa dhibbeentaa 2.8 qofatu dhaddachatti dhiyaate, kaan immoo yeroo qorannoo dheeraa fudhatu.

    Ministarri haleellaa saalaa Aleeks Deevis tarkaanfiin haaraa kuni tattaaffii himannaa haleellaa saalaa waggaa kana 80,098 irra jiru gadbuusuufis gargaara jedhaniiru.

  11. Konkolaachistoonni Wallaggaa Lixaatti hidhattootaan butamanii turan gadhiifaman- Waldaa

    Konkolaattota gubatan hanga tokko
    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattota gubatan hanga tokko

    Naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaatti konkolaachistoonni hidhattootaan butamanii turan gadhiifamuu Waldaan Konkolaachistoota Itoophiyaa BBCtti hime.

    Pirezidantiin waldichaa Obbo Salamoon Zawuduu haleellaa ALI Qaammee 1,2018 guyyaa Dilbataa raawwateen konkolaachistoonni butaman gadhiifamuu akka mirkaneeffatan ibsaniiru.

    Miseensonni waldichaa konkolaachistoota gurguddoo oofan kanneen butamanii turan sagal gadhiifamuu ibsan.

    Miseensota waldichaa dabalatee yeroo taateen sun mudatu kan butaman namoota hanga 14 ta'an turan.

    Kunneen hunduu gadhiifamuu odeeffannoon isaan qaqqabuu ibsan Obbo Salamoon.

    Namoonni butaman kunneen akkamiin akka gadhiifaman ykn hidhattootaaf maallaqa kaffaluun gadhiisisuu ilaalchisee kan gaafataman Obbo Salamoon, waa'ee kanaa odeeffannoo akka hin qabne ibsan.

    Torban lama dura Wallaggaa Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniiru jedhameen konkolaattonni boba'aa fe'an sagal ta'an gariin guutummaatti kaan ammoo walakkaan gubachuu BBCn maddeen fi suuraalee saatalaayitiin mirkaneesseera.

    Hidhattoonni konkolaachistoota irratti dhukaasa banuun erga dhaabsisanii booda konkolaachistoota ukkaamsuun akka fudhatanii fi konkolaattota ammoo abiddaan akka guban maddeen ibsaniiru.

  12. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa TV Tigraay yeroof ugguruu ibse

    Asxaa TV Tigraay

    Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa har'a irraa eegalee yeroo hin murtoofneef TV Tigraay irra uggura kaa'uu ibse.

    Dhaabbatichi dirqama seeraan itti kenname ba'uun TV kana ugguruu kan ibse yoo ta'u ''miidiyaan kamuu odeeffannoo TV kanarraa fudhachuun tamsaasuu,'' cimsee dhorkeera.

    Miidiyaa akeekkachiisa kana hojiirra oolchuu dide irratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa barbaachisaa ta'e akka fudhatus ibse.

    Waliigaltee Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti mallattaa'e hordofee bulchiinsa yeroo hundaa'e waliin mari'achuun uggurri TV Tigraay irra kaa'amee ture kaafamuu kan ibse dhaabbati kun, yeroo dhihoo as garuu miidiyaan kun qabiyyeewwan ''nageenya biyyattii balaaf saaxilan'' dabarsuutti jira jedhe.

    ''Carraa kennameef fayyadamuun akkasumas naamusaa fi kabaja ogummaa eeguun hojjechuu osoo qabuu, qabiyyeewwan nageenya uummataa fi biyyaa akkasumas dantaa biyyaalessaa balaaf saaxilan, walitti bu'iinsa hammeessan fi finxaalessummaa jajjabeessan dabarsuu'' qorannoo qabiyyee miidiyichaa irratti gaggeesseen hubachuu ibse.

    Bulchiinsi TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin (PhD) durfamu komii fi himannaa mootummaa federaalaa irratti dhiheessu hedduu karaa TV Tgraay dabarsa.

    Mootummaan Itoophiyaa erga hidhattoonni biyyattii keessa socho'an torba qindoomina uumuu ibsuu isaanii karaa TV kanaa dabarsanii booda tarkaanfii kana ibse.

    Qindoomina haaraa faallaa mootummaa goruun hundaa'e kana karaa TV Tigraay kan ibse Hoogganaa Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa Zammanee Kaaseeti.

    Ibsa kana ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Kanaan dura garuu hidhattoonni kanneen akka TPLF fi kaan mootummaa Ertiraa jalatti hiriiraniiru jechuun himataa ture.

    Pirezidantiin duraanii mootummaa yeroo Tigraay fi gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, hidhattoonni akka Faannoo, WBO fi TPLF galma Ertiraa milkeessuuf kan hiriiran jedhan.

    Hidhattoonni kunneen Ertiraaf ergamuun waraana biyyattii irreesaaniitti baachuuf warri hiriiraniidha jedhan gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattii waliin taasisaniin.

    Obbo Geetaachoon gaaffii fi deebii sana keessatti mootummaan Ertiraa Masirii waliin ta'uun nageenya Baha Afrikaa jeeqaa jiraachuu fi naannawa kanatti hookkara kaasaa jiraachuu himatan.

    TPLF fi mootummaan Ertiraa waliin dhaabbachuun akkaan balaafamaa ta'uu kan ibsan Obbo Geetaachoon, haalli kun uummata Tigraay fi uummata Amaaraa rakkoo hamaa keessa kan buusu ta'uu ibsan.

  13. Iraan dhaabbata Afaan Faransaay cufuu hordofee Faransaay tarkaanfii akka fudhattu dhaadatte

    Giddugalli Afaan Faransaay Tehraanitti argamu cufame

    Giddugalli Afaan Faransaay kan Tehraan keessatti argamu cufamee booda Faransaay ambaasaaddara Iraan waamtee akka haasofsiistu ibsite.

    Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Faransaay Paaskaal Konfaavruuksi ''tarkaanfiin kun sababa tokko malee raawwatamuu fi fudhatama kan hin qabne'' ta'uu ibse.

    ''Haleellaan giddugala aadaa Faransaay Iraan keessaa qabdurratti xiyyeeffate kun haleellaa Adoolessa keessa hojjettoota Imbaasii Faransaay irratti raawwatamerraa kan itti fufeedha,'' jedhan qondaalli kun.

    Aanga'oonni Iraan giddugalli Afaan Faransaay Tehraan keessatti argamu ajaja Abbaa Alangaan cufamuu Dilbata ibsan.

    Maddi oduu Miizaan jedhamu kan jaarmiyaalee haqaa Iraan waliin walitti dhiheenyaan hojjetu, ''Imbaasii Faransaay kan Tehraan keessatti argamu waliin hidhata kan qabuu fi maqaa barnoota jedhuun waggootaaf socho'aa kan ture giddugalli seeraan alaa cufameera,'' jechuun gabaase.

    Qaamoleen haqaa Iraan ''hojii dippiloomaasiin ala kan ba'ee fi gocha seeraan alaa,'' jechuun giddugala kana farrajan.

  14. Naannoo Gambeellaatti namoonni madaa'an hedduun buufata fayyaatti guuramuu MSF beeksise

    Asxaa dhaabbata MSF

    Dhaabbati miti-mootummaa garee hakiimota daangaa hin qabnee ta'e- MSF jedhamu, naannoo Gambeellaatti namoonni madaa'an hedduun gara buufata fayyaa isaa dhufuu ibse.

    Jimaata darbe, Fulbaana 18, 2026 aanaa naannochaa Itaang jedhamu keessatti haleellaa raawwate hordofee namoota miidhaman ture gara buufata fayyaa kana kan dhufan.

    Buufati fayyaa kun namoota madaa'an 88 kan simate yoo ta'u, kanneen keessaa saddeet lubbuunsaanii darbeera.

    Afru ammoo erga buufata fayyaa kana seenanii booda du'an.

    Gareen hakiimotaa lubbuusaanii oolchuuf tattaaffii taasisanis milkaa'uu akka hin dandeenye ibse dhaabbati kun.

    Kanneen miidhaan cimaa fi salphaan irra ga'e wal'aansa fayyaa argachuun fooyya'uu fi 13 ammoo wal'aansa dabalataaf gara Hospitaala Gambeellaatti ergamuu gareen kun ibseera.

    Dhaabbata garee hakiimota daangaa ce'anii tajaajila kennanii Keeniyaa, Naayiroobiitti argamutti hoogganaan damee Itoophiyaa Guul Baadishaahi ''nuti dursa kan kenninuuf, eenyummaa miidhamtootaa ilaalcha keessa osoo hin galchin, nama kamiifuu deeggarsa yaala fayyaa kennuudha,'' jedhan.

    Kanneen walitti bu'iinsa uumuu keessatti hirmaatan namoota nagaaf eegumsa gochuu akka qaban dhaaman.

  15. Haleellaan Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessinaan Iraan fi US wal haleeluuf dhaadatan

    Loltoota Iraan

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waliigalteerra hin geessu hin taanaan diinagdeen ishee akka kufu ykn hooggantoota ishee akka lafarraa balleessu dhaadate.

    Iraan gamasheen haleellaa haaraa mudatu kamuu tarkaanfii jabaa fudhachuun akka haaloo baatu ibsite.

    Huutiin misaayeloota balistikii gara magaalota Sa'uudii Arabiyaa dhukaasuu yoo ibsu, aangawoonni misaayeloota kunneen qilleensarra qolachuun barbadeessuu ibsaniiru.

    Haleellaan Huutii hammaachuu hordofee Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasiseen ''aanga'oonni Iraan waliigalteerra ga'uu ykn diinagdeensaa manca'uu fi lafarraa haxaawamuu keessaa tokko haa filatan,'' jedhe.

    Haata'u malee Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan dabalatee aangawoonni olaanoo mootummaa Iraan torban kana kora UN irratti hirmaachuuf gara US imaluuf jiru.

    Tiraamp carraa kanatti fayyadamuun pirezidanticha waliin walarguuf balballi isaa banaa ta'uu ibseera.

    Ameerikaan aangawoota olaanoo mootummaa Iraan Kora UN irratti hirmaachuuf gara Niwu Yoork imalaniif viizaa kenniteetti.

    Tiraamp erga waraanni Iraan Guraandhala 28, 2026 eegalee haleellaa cimaa akka raawwatu dhaadachuu adda kutee hin beeku.

    Iraan gamasheen buufataalee waraanaa US kanneen Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluun haaloo ba'aa jirti.

    Ammas haleellaa haaraan eegallaan tarkaanfii hamaa fudhachuun akka haaloo baatu ibsaa jirti.

  16. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Haleellaa Huutii fi deebii Sa'uudii akkasumas US fi Iraan gidduutti waan deemaa jiru irratti xiyyeeffanna.

    Akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan, odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraa irraa odeeffannoo argachuuf geessituu kana banadhaa!

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.