Huutin taankarii boba'aa Saa'udii haleellaan sochiin tiraafikaa dooniiwwanii haphate

Madda suuraa, Getty Images
Roobii sochiin dooniiwwanii Ulaa Hormuuzii fi Baab-el-Mandab keessaa sadarkaa olaanaan gadi bu'uu ragaaleen ni agarsiisu.
Ulaa Hormuuz keessa dooniiwwan lama alaabaa paanaanaa mirmirsan qofatu dabre akka ragaan Kpler agarsiisutti. Guyyaatti ulaa kanarra dooniiwwan saddeet darbaa ture as dura.
Sochiin tiraafikaa waraana US fi Israa'el Iraanirratti banan dura ulaa kanarra guyyaatti dooniiwwan 130 hanga 140tu dabraa ture. Iraan Ulaa Hormuuz cufuu isheetiin danqamni mudate.
Karaa Baab el Mandab doonii shaqaxa baatte kan alaabaa Bahamas mirmirsitu takka qofatu Roobii cehe akka ragaa Kpler'tti. Guyyoota Roobiin duraa guyyatti dooniiwwan 20tu darbaa ture.
Huutiin Yaman Roobii haleellaa misaayelaa taankarii Sa'udi Arabiyaa irratti buufata Galaana Diimaa Yaanbuurratti raawwatan. Galoogalaana Adan irrattis haleellaa misaayelaa biraa taankarii Sa'udiratti raawwataniiru. Haleellaa kanneenirratti Sa'udiin homaa hin jenne, hin mirkaneessines.


