Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sa’udiin diroonii Huutiin Makka fi Madiinaatti ergu qolataan jira jetti

Huutiin Riyad keessatti buufataalee boba’aa lama haleeluu hime, Gamtaan Sa’udiin durfamu ammoo diroonii Makkah fi Madiinaatti boombii darbachuuf turte afur qilleensarratti qolachuu beeksise. Duubbiin himaan waraanaa garee Huutii Yahyaa Sarii’, “sobaa fi maqaa balleessii” jechuun himannicha kuffissera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan raadaarii akeekkachiisa duraa US Baahireen jiru barbadeesse jette

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan, haleellaa qilleensaa kibba biyyattiitti raawwatameef deebii kennuuf raadaarii akeekkachiisa duraa Ameerikaa Baahireen keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Dhaabbanni oduu mootummaa Iraan, IRNA, madda mootummaa wabeeffachuun akka gabaasetti, ibsi kun kan ba’e erga magaalaan buufata doonii Siriik,Kamisa darbe haleellaa qilleensaan rukutamtee booda.

    Dhaabbanni oduu Tasnimis, Eegdonni Warraaqsa Islaamaa haleellaa raadaarii kana raawwachuu isaanii beeksisuu gabaaseera.

    Gareen kun, akkasumas 'qoccolloo qilleensaa fi hannaa boba’aa Ulaa Hormuz keessatti raawwatamaa jiru'' jedhee ibse irratti akeekkachiisa cimaa kenneera.

    Ibsa isaa keessatti,''haalli kun yoo itti fufe humnonni Iraan tarkaanfii fudhachuuf guutumaan guutuutti qophaa’aadha” jechuun akeekkachiiseera.

    Hanga ammaatti mootummaa Ameerikaa ykn Baahireen irraa raadariin barbadaa'uu irratti ibsi kenname hin jiru.

    Odeessaalee dabalataa dubbiifachuuf:

  2. Huutiin buufataalee boba’aa Sa’ud Arabiyaa irratti haleellaa haaraa bane

    Gareen Huutii Yaman buufataalee boba’aa fi iddoowwan waraanaa Sa’ud Arabiyaa keessatti argaman irratti haleellaa dirooni fi misaa’elaan raawwachuu isaa beeksise.

    Dubbi-himaan gariuchaa Yahyaa Sarii, humnoonni isaanii sarara ujummoo boba’aa guddaa baha irraa gara dhiha Sa’ud Arabiyaatti geessu irratti dirooniin haleellaa raawwachuu himan.

    Akkasumas, magaalaa Yanbuu kan qarqara Galaana Diimaa irratti argamtu keessatti buufata boba’aa tokko irratti misaa’ela baalistikiin haleellaa raawwanneeras jedhan.

    Ibsa biraatin ammoo dirooniin buufata boba’aa dhaabbata Aramkoo magaalaa Riyaad keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu gareen kun beeksiseera.

    Gama biraatiin, dubbi-himaan waraana Gamtaa Sa’ud Arabiyaan durfamu, Turkii Al-Maalikii, diroonii lama magaalaa Riyaad fi naannoo baha biyyattii keessa socho'aa turan humnoonni isaanii qilleensa keessatti barbadeessuu ibsan.

    Huutiin kana duras haleellaawwan misaa’elaa fi diroonii Sa’ud Arabiyaa irratti raawwachuun bu’uuraalee boba’aa fi iddoowwan biroo irratti miidhaa geessiseera.

    Odeessaalee dabalataa dubbiifachuuf:

  3. Rakkoon Microsoft mudate miidhaa attamii qaqabsiise?

    Rakkoon tajaajiloota Microsoft cimaan mudate addunyaa irratti namoota kumaatamaan lakkaa'aman irratti dhiibbaa taasiseera. Rakkoon kun maal akka ta'e haa ilaallu.

    Maaltu ta'aa jira?

    Meeshaaleen Microsoft hedduun, kanneen akka Teams, Outlook, Copilot fi OneDrive fa'i dabalatee, Kamisa darbe rakkoon kennekshinii (connectivity problems) mudateera. Kunis namoonni hedduun tajaajiloota kanneen akka hin fayyadamne taasiseera.

    - Microsoft akka ibsetti, sababiin rakkoo kanaa sarvaroonni isaa tokko tokko faayiloota baay'ee fudhachuu isaaniitiin yoo ta'u, kunis sarvaroonni kaan akka tasaatti hojii akka dhaaban waan taasiiseefiidha.

    Rakkoon kunis saffisaan furmaata hin arganne. Sa'aatii 16 ol erga darbeen boodas, Microsoft sirnoonni isaa tasgabbaa'uu jalqabuu wantoonni agarsiisni mulachuu jalqabaa jiru jedhe. Haata'u malee, ammas gara dandeettiin tajaajilaa sadarkaa idileesaatti hin deebine jedhe.

    Miidhaan isaa guddaadha

    Microsoft namoota meeqa akka rakkoo kanaan miidhaman addatti hin ibsine. Haata'u malee, namoonni gara miliyoona 430 ta'an tajaajiloota dhaabbata kanaatti fayyadamu.

    Biyyoota 70 ol keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman rakkoon kun mudachuusaa Downdetector irratti gabaasaniiru. Haata'u malee, lakkoofsi kun namoota dhugumaan miidhaman hunda bakka hin bu'u.

    Waajira tajaajila ambulaansii, tajaajilli hakiimota yaala waliigalaa (GPs) fi manneen qorichaa dabalatee, tajaajiloonni murteessoon UK keessatti jeeqamaniiru. Manneen barnootaa fi humni poolisiis namoonni isaan qunnamuu barbaadan bilbilaan akka fayyadaman malee imeelii ykn karaa interneetii akka hin fayyadamne gorsaa jiru.

    Mootummaan UK dhiibbaa rakkoon kun tajaajiloota mootummaa irraan gahe madaaluuf Microsoft waliin itti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Maddi BBC'tti akka himetti, hojiiwwan odeeffannoo tikaa (intelligence operations) garuu rakkoo kanaan hin miidhamne.

    'Jeequmsa imeelii guddaa' mudate

    Gabaasaan teeknooloojii BBC keenya akka dhagahetti, rakkoon namoota baay'ee akkasitti miidhuun furmaata argachuuf yeroo dheeraa fudhatee kun baay'ee hin baratamne.

    Kanaafuu, rakkoon kun seenaa keessatti rakkoolee tajaajila imeelii dhaabbilee daldalaa mudatan keessaa jeequmsa guddaa geessise ta'uu danda'a.

    Oomishtoonni daldalaa hojiiwwan isaanii gurguddoo keessatti dhiyeessaa teeknooloojii tokko qofa irratti hirkachuun balaa akkamii akka qabu taatee kun ifatti agarsiisa, jechuun ture Barreessaan Dhimma Daldalaa Eeshiyaa BBCtti kan himan.

    Odeessaalee dabalataa dubbiifachuuf:

  4. Tiraamp Iraan irra deebiin haleeluuf dhaadate

    Af-gaaffii miidiyaa Salem News waliin taasiseen, Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haalli jiru yoo jijjiirameefi kallattii hin fudhatamnetti yoo deeme, tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhachuuf akka hin duubatti hin jenne dubbate.

    Carraa Ameerikaan irra deebiin humna waraanaa Iraan irratti fayyadamuu dandeessuufi kana gochuuf kan maman yoo ta’e gaafatametti, Tiraamp mamii tokko malee tarkaanfii akka fudhatan ibsaniiru.

    Af-gaaffii Kamisa taasifame irratti, "Haalli jiru kallattii dogoggoraatti deemaa akka jiru yoon arge, tarkaanfii sana nan fudhadha.

    Ammayyuu gochuu nan danda'a. Shakkiin ykn mamiin tokko illee hin jiraatu," jedhaniiru.Mootummaan Iraan hanga isaan yeroo hojii isaanii Waayit Haawus keessatti xumuranitti aangoo irra turuun isaa Ameerikaan kufuu ishee agarsiisaa laata jedhamee gaafatamnaan, Tiraamp: "Eeyyee, sun nu irratti injifannoo Iraan ta'a. Kana irratti shakkiin hin jiru," jechuun deebisaniiru.

    Gaaffii miidiyaan Salem News Hiiw Hewiit (Hugh Hewitt) Iraan hoogganaa olaanaa Ameerikaa yoo ajjeeste Waashingitan tarkaanfii akkamii fudhatti jedhuuf deebii kennaniin, Tiraamp: "Yeroo sanatti wanti isaaniif hafu tokkollee hin jiraatu," jedhe.

    Gama biraatiin, Iraan irra deebiin yoo haleelamte waraana sana naannoo Baha Giddugaleessaa qofa irratti osoo hin daangessin, buufataalee waraanaa Ameerikaa Eeshiyaafi Awurooppaa keessatti argaman akka galma haleellaa seera qabeessaatti akka ilaaltu doorsisteetti.

    Kamisa galgala, sa’aatii lakkoofsa Iraaniin halkan walakkaa, gabaasonni akka mul'isanitti naannoo bulchiinsa Siirik (Sirik) kan kibba Iraanitti argamu irratti haleellaan xiyyaaraa raawwatamuu isaa gabaasaniiru.

    Odeessaalee dabalataa dubbiifachuuf:

  5. 'Kaaba Ulaa Hormuuz keessatti dooniin naamusa sarbite fanjiirra bahuun itti dhowuu fi bobeesse'-IRGC

    Humnoonni Galaanaa Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) sa'aatiiwwan muraasa dura dooniin gaazii dhangala'aa baatu tokko baha Ulaa Hormuz keessatti akeekkachiisa irra deddeebi'ee kennameef tuffachuun, karaa kibba Ulaa Hormuuz iddoo hin hayyamamnee fi balaa qabuun darbuuf yaaltee fanjii galaanaa rukutuun dhohinsi baay'ee hamaan uumamuu isaa beeksiseera.

    Eegdonni Warraaqsaa akka jedhanitti: "Dooniin tun carraa dooniiwwan boba'aa kanaan dura dhohan irraa hin baranne; deeggarsa xiyyaarota waraanaa Ameerikaatiin darbuuf filatte.

    "Humni waraanaa kun itti dabaluudhaan, dooniin kamuu kan seera Iraan Galoo Galaanaa Hormuz keessatti cabsuuf yaaluu fi akeekkachiisa Wiirtuu To'annoo Tiraafikaa Galoo Galaanaa Hormuz kan Humna Galaanaa IRGC utuu hin dhaga'iin karaawwan hayyamamaa hin taanee fi balaa qaban seenu, carraan dooniiwwan kanaan duraa akka isa mudatu akeekkachiiseera.

    Qaamoleen to'annoo galaanaa walabaa ta'an oduu kana ammaatti hin mirkaneessine. Iraan dooniiwwan karaa biyyattiin murteessite qofaan Galoo Galaanaa Hormuz keessa darbuu akka qaban dubbatti.

    Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, dooniiwwanii fi taankaroonnii tokko tokko daangeffama Iraan labsite jalaa miliquuf karaa filannoo haaraa Ulaa Hormuz keessa darbuuf uumametti fayyadamaa jiru.

  6. Zeleniskiin US bakka bu'oota EU marii nagaa Yukreenifi Raashiyaatti affeeruu jaalate

    Pirezidantiin Yukireen waadaa ergamtoonni addaa US, Yaared Kushnarii fi Istiiv Witkoof, marii nagaa Raashiyaa waliin taasifamu marsaa itti aanu irratti bakka bu'oota Gamtaa Awurooppaa hirmaachisuuf seenan jaalateera.

    Hoggantoonni Awurooppaa torban kana yaaddoo nageenyaa dabalaa dhufe ibsaa kan turan yoo ta'u, Volodiimir Zelenskiin gama isaatiin Gamtaa Awurooppaa gara marii nagaa kanaatti affeeruun marii taasifamu irratti "sagalee" akka qabaatu taasisa jedhaniiru.

    Kushnarii fi Witkoof imala dippilomaasii hojiin itti baay'ate taasisuun Kamisa galgala magaalaa Dabliin keessatti Zelenskii waliin wal arganiiru.

    Kanaan dura ganama Mooskoo keessatti Vilaadimir Puutin waliin kan wal argan yoo ta'u, Puutin ejjannoon Raashiyaan waraana kana irratti qabduu fi gaaffiin lafaa isheen dhiyeessitu akka hin jijjiiramne dubbataniiru.

    Walga'iiwwan kunneen marii torban darbe Abuu Dhaabiitti taasifamee waraana kana dhaabuuf furmaata fiduu dadhabe hordofanii kan dhufani.

    Ta'us, Kamisa darbe Raashiyaa fi Yuukireen waljijjiirraa booji'amtoota waraanaa kan biraa irratti waliigalaniiru. Kunis erga Raashiyaan bara 2022 weerara guutuu jalqabdee as waljijjiirraa isa guddaadha.

    Kushnar waljijjiirraan "booji'amtoota waraanaa kun kumaatamaan lakkaa'aman gara maatii isaaniitti deebisa" kan jedhan yoo ta'u, garuu bal'inni odeessa kanaa jechuunis kanneen akka baay'ina booji'amtoota waljijjiiramanii ykn yeroo itti raawwatamu hin ibsamne.

  7. Tiraamp itti aanaa isaa JD Vaans marii nagaa Iraan fi US keessaa hir'ise

    Gaazexaan Ameerikaa Politico jedhamu akka gabaasetti, Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp kaleessa Itti Aanaa Pirezidaantii JD Vaans gahee inni marii nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamu to’achuuf qabu keessaa hir'isuu kaafamuu isaa beeksisaniiru.

    Akka Politico’n gabaasetti, tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Vance kufaatii jabaa Paartiin Ripaabilikaanii filannoo filannoo walakkeessaa torban darbe gaggeeffame irratti isa mudate waraana Iraan waliin walqabsiisee booda.

    Donaald Tiraamp ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa ofii Truth Social irratti barreesseen, JD Vaans xiyyeeffannoo isaa himannaa malaammaltummaa fi yakkaa magaalotaa fi bulchiinsota Paartii Dimookiraatiin hogganaman keessatti mul'atan furuu irratti akka godhu gaafataniiru.

    Tiraamp dabaluudhaanis Waashingitan "Iraan waliin waliigaltee gochuu ishee hin barbaachisu" jedhe.

  8. Manni Maree Nageenyaa UN qoqqobbii Yaman irra ture dheeresse

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kamisa darbe sagalee tokkoon uggura Yaman irra kaa'ame waggaa tokkoof dheeressuuf waliigale.

    Murteen kun namoota dhuunfaa Yaman keessatti adda baafaman irratti hanga Sadaasa 14, 2027 tti uggura maallaqaa fi imalaa akka kaa'amu hayyama.

    Murteen kun namoota dhuunfaa Yaman keessa jiran tokko tokko tarree ugguraa keessatti kan dabale yoo ta'u, haleellaa gareen Huutii galaana irraa fi daangaa qaxxaamuruun Sa'udii Arabiyaa irratti raawwatu akkasumas doorsisa dooniiwwan daldalaa irraan ga'u balaaleffateera.

    Aangoon Garee Ogeeyyii Yaman (Yemen Panel of Experts), kan uggura kana hordofuu fi gabaasuuf itti gaafatamummaa qabu, murtee Ingiliziitiin deeggarameen hanga Muddee 15, 2027tti dheerateera.

    Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, walitti bu'iinsi waraanaa humnoota mootummaa fi garee Huutii gidduutti Adoolessa keessa deebi'ee eegale namoota 12,000 ta'an ajjeese yookiin madeesseera.

    Walitti bu'iinsi kun tasgabbii xiqqoo Ebla 2022 irraa mul'ateee ture addaan kuteera. Walitti bu'iinsi haaraan kun waraanaa fi buqqa'iinsa itti fufiinsa qabu gidduutti gaaga'ama namoomaa Yaman caalaatti hammeesseera.

    Yaman erga gareen Huutii Fulbaana 2014 keessa magaalaa guddoo Sanaa fi bulchiinsota hedduu to'atee as waraanaan qabamtee jirti.

    Gamtaan Arabaa Sa'uudii Arabiyaatiin durfamu Bitootessa 2015 keessa mootummaa Yaman deeggaruuf gidduu seene.

  9. Tajaajiloonni Microsoft adduyaa guutuutti adda citan

    Tajaajiloonni Microsoft addunyaa guutuutti erga addaan citanii naannoo sa'aatii 10 ta'eera.

    Namoonni miiliyoona 430 ol appii Microsoft 365 kan fayyadaman yoo ta'u, dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon OpenAI fi Anthropic sababa addaan cituu kanaan rakkoon akka mudate himaniiru

    Hanga yoonaa waan beeknu:

    • Tajaajiloonni kanneen akka Teams, Outlook, fi Copilot "rakkoo walqunnamtii" tiin miidhamaniiru.
    • Dhaabbatichi addaan cituu kanaaf kanaaf sababni naannolee adda addaatti bu'uuraalee misoomaa isaa irra ba'aan humnaa olii uumamuu isaatiin kan uumame ta'uu ibseera.
    • Microsoft rakkoo kana furuuf waldhaansoo gochaa jira. Jalqaba irratti tattaaffiin rakkoo kana furuuf taasisaa jiru "bu'aa gaarii" argamsiisaa jira jedhus, boodarra garuu sirreeffamni taasifamaa jiru "akka yaadametti" deemaa akka hin jirre ibseera.
    • Microsoft addaan cituun kun haleellaa saayibariitiin (cyber-attack) kan uumame ta'uu akka hin dandeenye ibseera. Ogeessi tokko garuu kun hanqina dandeettii guddaa akka agarsiisu dubbateera.
    • Dhaabbileen miliyoonaan lakkaa'aman tajaajila Microsoft kan fayyadaman ta'uu tilmaamama. Kunis dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo kanneen akka OpenAI fi Anthropic kan dabalatu yoo ta'u, lamaan isaaniiyyuu sababa addaan cituu kanaan rakkoon akka isaan mudate gabaasaniiru.
    • Addaan cituun kun tajaajila hawaasaa dabalatee gaaga'ama bal'aa uumuun tajaajiloota Microsoft hedduu danqeera.
    • Garuu immoo toora interneetii irratti madda qoosaa hedduu ta'eera.
  10. Mariin araaraa US fi Iraan hatattamaan itti fufuu qaba- Turkii

    Pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan, mariin dippilomaasii waraana Ameerikaa fi Iraan dhaabuuf taasifamu osoo hin turin irra deebi’ee jalqabamuu akka qabu waamicha taasisan.

    Erdogan kana kan jedhan, Kamisa har'aa Pirezidaantii Iraan Masud Pezeshkiyaa waliin yaa'iii jijjiirama qilleensaa UN COP31 Turkii magaalaa Antalyaatti erga mari'ataniin booda.

    Ibsi waajjira pirezidaantii Turkiiirraa ba’e akka jedhutti, Erdogan barbaachisummaa mariin hatattamaa deebi’ee eegaluu irratti xiyyeeffachuu ibsan. Turkiin tattaaffii nagaa buusuuf taasifamu deeggaruu itti fuftis jedha.

    Erdogan waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru saffisaan akka xumuramu hawwii qabanis ibsuun atakaroo caalaa dippiloomaasiif carraa hunda kennuu akka barbaachisu dubbatan.

    Yeroo ammaa Qaataar fi Paakistaan jaarsummaan waraanicha xumuruuf marii dippilomaasii gaggeessaa jiru.

    Iraan ammoo ulaa Hormuz kan bantu, yoo Ameerikaan qabeenya ishee biyyoota alaa keessatti uggurame gadidhiisiftee fi qoqqobbii dinagdee isheerra kaa’ame kaaste qofa akka ta'u akeekkachiifteerti.

  11. Yuraaniyeemiin gabbifame biyyattii keessaa akka balleeffamu hin hayyamnu - Iraan

    Iraan Yuraaniyeemii gabbifame atoomii tokkollee taanaan biyyattii keessaa akka baafamuuf hin hayyamtu jedhe hogganaan Nageenyaa Rippablika Islaamaa Iraan Mohseen Rezaahii.

    Itti dabaluun, Ameerikaan haleellaa dabalataa kan raawattu taanaan deebiin isaa hamaa ta'a jechuun gaaffiifi deebi televijiinii Libaanos AL Mayaadeen waliin taasiserratti dubbate qondaalli Iraan olaanaan kun.

    Rezaahiin akka jedhetti, yeroo ammaa kana mariin Teehiraan fi Waashingiten gidduutti taasifamaa jiru hin jiru.

    "Haleellaan haaraa US kamiyyu deebii buufatawwan waraanaa isheerratti xiyyeeffachuun ta'a," jedhe.

    Ji'a Caamsaa keessa, Hogganaan Waliigalaa Iraan labsii dabarseen, yuraaniyeemiin biyyattii gabbifame, kan sadarkaa meeshaa waraanaa nukilaraa hojjechuutti dhiyaateeru, biyya biraatti dabarfamuu hin qabu jedheera.

    "Waan gabbifame kanaan dooniiwwanii fi hidhannii galaana jalaa meeshaa waraanaa nukilaraan ittiin jabeeffachuu barbaadna," jedhe Rezaahiin.

    Odeeffannoo dhimma kanaan walqabatan biroof:

  12. Pirezidant Shii Chaayinaa fi Taayiwaan karaa nagaan akka walitti makuuf yaadan dubbate

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiiping murannoo Taaiwaaniin Chaayinaatti makuuf qaban kaasuun, karaan seenaa dhaabbachuu hin danda'u jedhe. Pirezidant Shii tarkaanfiin kana milkeessuu karaa nagaa hojiirra akka oolu himuun carraa humna fayyadamuu garuu hin dubbanne.

    Chaayinaan biyyaa ofiin of bulchaa jirtu Taayiwaaniin akka qaama daangaashee taatetti ilaalti. Mootummaan Taayiwaan garuu kan cimsee morma.

    Beejing irra deddeebiin yaada hojmaataa "biyya tokko, sirnoota lama" Taayiwaan akka walabaatti akka sochootuuf bilisummaa kennu dhiyeessaa turteetti.

    Haata'u malee, yaadni dhiyaate kun paartii siyaasaa ijoo Taayiwaan ta'an kamiiniyyu fudhatama hin arganne.

    Haasaa Beejing 'Galma Guddaa Ummataa' keessatti taasiseen Shii Jiipng dhimma Taayiwaan fala itti kennuun "itti gaafatamummaa seenaa" Paartii Komunistii Chaayinaati jedhe.

    "Seenaan dhaabbachuu hn danda'u. Biyya Chaayinaa fi Taayiwaan hojiin walitti makuu milkaa'uu qaba," jedhe Shii.

  13. Niiwu Yoork keessatti gamoon jigee yoo xiqqaate namoonni afur du'an

    Ameerikaa, magaalaa Niiwu Yoork keessatti gamoon tokko Roobii waaree booda jigee yoo xiqqaate namoonni afur du'an.

    Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS aanga'aa naannoo sanaa eeruun akka gabaasetti, balaa kanaan namoonni 19 kan madaa'an yoo ta'u, isaan keessaa namoonni afur miidhaa cimaatu irra gahe.

    Gamoon abbaa darbii sadii kun erga jigeen booda hojjettoonni balaa tasaa 250 ta'an gara bakka balaan kun mudatee deemuun hojii baraaruu fi barbaaduu bal'aa hojjechaa jiru.

    Hojjetoonni balaa abiddaa dubartii awwaaraan haguugamte fi balaa kanarraa oolte sireeratti baatanii bakka sana keessaa yeroo baasaa jiranitti mul'ataniiru. Boodarras dubartiin kun ulfa ta'uun ishee ibsameera.

    BBCn odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf Qajeelcha Balaa Abiddaa Niiwu Yoork dubbiseera.

    Gamoon kun maaliif akka tasaa akka jige baruudhaaf qorannoon jalqabameera.

    Namoonni bakka sana turaniifi ijaan argan gamoon kun naannoo sa'aatii 4:00 yeroo jigetti sagaleen dhohinsaa rifaasisaa ta'e dhaga'amuu dubbataniiru.

    New York Times kan dubbise Imaanu'eelaa Kaarliis "gamoo kana duuban jiraadha ture," erga jetteen booda "sagaleen dhohinsa guddaa fakkaatu tokko dhaga'ame, isaan booda iyya namootaatu dhaga'ama" jechuun haala ture ibsiteetti.

    Gaazexeen kun bakka sana konkolaataawwan balaa abiddaa fi poolisiin hedduun walitti qabamuu isaanii suura agrsiisu qoodeera.

    Naannoo sanatti sagaleen saayirenii (sagalee kakkeekkachiisaa) osoo walirraa hin citiin dhaga'amaa turuus barreesseera.

  14. Iraan Tiramp fi Netaaniyaahuu ajjeesuuf dhaadatte

    Itti Aanaa Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraanaa Iraan Birgaader Jen. Kiiyoomars Heydaarii,Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ajjeesuuf doorsisaniiru.

    Jeneraalichi gaaffii fi deebii televijiinii Iraan irratti taasisaniin kana kan jedhan yoo ta'u, dhaabbanni oduu mootummaa Iraan Roobii darbe viidiyoo haasawa isaanii maxxanseera.

    “Tiraamp fi Netaaniyaahuu ni ajjeesna,” jechuun qondaalli waraanaa kun wayita dubbatan viidiyoo irraa ni dhaga’ama.

    Gaaffii fi deebii sana irratti, dooniiwwan waraanaa US hundi yeroo ammaa Iraan irraa km 500 fagaachuun akka argaman himaniiru.

    Akka jeneraal Heydaariin jedhanitti, tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Iraan baatii Fulbaana darbe dooniiwwan waraanaa US lama irratti haleellaa raawwachuuf yaalii taasisuun boodadha.

    Haata’u malee, Ajajni Giddugaleessa Waraana Ameerikaa yeroo sana yaaliin haleellaa dooniiwwan irratti taasifamuu karaa al-kallattiin mirkaneessus, dooniiwwan irratti miidhaan ga’uu garuuni haale.

    Qondaalli waraanaa kun ammallee misaa'iloonni fi meeshaalee waraanaa iccitii ta’an hin mul’anne akka jiran akeekkachiisaniiru. Yoo waraanni haaraan ka’e, humni waraanaa Iraan meeshaalee fi dandeettiiwwan kana ifa gochuu akka danda’u dubbatan. Iraan Tiramp fi Netaaniyaahuu ajjeesuuf dhaadachuun kun kan jalqabaa miti.

  15. Amma nu gahe, Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Kaarik ari'e

    Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Maayikil Kaarik ofirraa ari'uu kilabichi ifatti beeksise.

    Kilabichi ibsa baaseen ''jalqabbii bara dorgommii mufachiisaa booda'' kilabichi waan kaayyeffate galmaan gahuuf ''jijjiiramni barbaachisaa'' ta'uu amanuu isaa ibse.

    ''Kilabichi atattamaan [nama] isa bakka bu'u ni muuda,'' jedheera.

    Maanchistar Yunaayitid ibsa baaseen Kaarik taphataa kilabichaa kabaja qabuufi ogummaa olaanaa qabu ta'uu ibse.

    Bara dorgommii darbees taphoota 17 keessaa 12 mo'achuun kilabichi bara dorgommii darbe sadarkaa sadaffaan xumuruu isaaf galateeffateera.

    Bara dorgommii baranaa garuu Yunaayitid godina balawaa keessa jira.

    Kilabichi eenyu Kaarik akka bakka bu'u dubbachuudhaas baatu leenjisaan Garee Biyyaalessaa US Maawurisiyoo Pochettiinoo akka ta'uu malan gabaasonni mul'isu.

  16. Aangawaan olaanaa US doorsisa Iraaniin mana jireenyaa jijjiiran

    Ministirri Maallaqaa US Iskoot Beseent mana isaanii Waashingitaniitii jiru keessaa bahanii buufata waraanaa seenanii akka jiraatan taasifame.

    Kunis, doorsisa Iraan waliin hidhata qabuufi lubbuu si balleessina jedhu erga dhagahameeni jechuun miidiyaaleen US gabaasaniiru.

    Ameerikaatti michuun BBC, CBS akka gabaasetti mana akka jijjiiran kan taasifame erga manni jireenyaa isaanii barruu Wall Street irratti maxxanfame boodadha.

    Beseent aangawaa olaanaa US Iraan gama diinagdeen qoqqobuufi dinagdeen ishee akka laafu carraaqqii taasifamu kanneen dursanidha.

    Waa'een doorsisi isaanirratti xiyyeeffate ifa ta'uudhaas baatu, Iraan aangawoota US dabalatee lammiilee US irratti qiyyaafannoo ''haalaan dabalteetti'' jedha tikni US.

    Akka gabaasa CBS'tti, barruun Wall Street Journal irratti manni jireenyaa aangawaa US kuni maxxanfameera.

    Kunimmoo, bakki manni kuni jiru akka baru taasise. Kunis, yaaddoo uume jedhe gabaasichi madda eeruun.

  17. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kamisaa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa gaggabaabsinee isin biraan geenya.

    Odeeffannoo tamsaasa kallattii duraan dabarsaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Lafa nagaa oolaa!

  18. Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru irratti Biyyoonni G7 ibsa baasan

    Biyyoonni G7 jedhaman ibsa waloo kennaniin haalli nageenyaa Gaanfa Afrikaa keessattuu Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaataa dhufe isaan yaaddessuu ibsan.

    Walgahii guyyoota lamaaf Paarisitti gaggeessan hordofuun, ministiroonni haajaa alaa biyyoota miseensa garee kanaa har’a Sadaasa 11, 2026 ibsa waloo baasaniin, ''waldhibdeen Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru, gara walitti bu’iinsa guddaa naannawaatti guddachuun balaa qabaachuu akka danda’u" akeekkachiisaniiru.

    Ministirootni dhimma alaa biyyoota addunyaa G7 Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaa dabalatee, bakka bu’aan olaanaa Gamtaa Awurooppaas walgahii guyyoota lamaaf turu kana irratti hirmaataniiru.

    Ibsi waloo kun, haalli amma Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru yoo daran hammaachaa deeme, tasgabbii naannawaa duraanuu rakkoolee hedduun miidhame irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u akeekera.

    Akkasumas, rakkoolee namoomaa fi nageenyaa Gaanfa Afrikaa daran hammeessuu fi daandiiwwan daldala addunyaa Galaana Diimaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u yaaddoo isaanii ibsaniiru.

    Kanaaf Biyyoonni G7 qaamolee hundi obsa akka qabaatan, rakkoo jiru karaa waraanaa osoo hin taane karaa marii fi diplomaasii akka furan gaafatan.

    Dabalataanis, gargaarsi namoomaa namoota rakkoo keessa jiraniif gufuu tokko malee akka ga’u, akkasumas lammiileen nagaa, keessumaa dubartoonni fi daa’imman akka eegaman waamicha dhiyeessaniiru.

    Kana malees, biyyoonni naannawaa sana jiran hundi birmadummaa, fi daangaa biyyoota biroo kabajuu akka qaban akeekkachiisan.

    Itti dabaluunis, Biyyoonni G7, muddma biyyoota lamaan gidduu jiru hir’isuuf, akkasumas Itoophiyaa fi Ertiraan gara mariitti akka deebi’an gochuuf, Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaatiin tattaaffii taasifamu akka deeggaruu i itti fufanis ibsan

  19. Arsenaal Amajji keessa Endiriik fudhachuu barbaada

    Arsenaal taphataa Riyaal Maadiriid Endiriik Amajji keessa ergisaan fudhachuuf abbalaa jira. Kilabichi daarektara ispoortingii Andiriyaa Beertaa ejentii lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 20 ta'e kanatti ergee waliin dubbachuuf akka yaadus himamera.

    Taphataa kana fudhachuuf hawwaa kan jiru Arsenaal qofaa miti, Roomaa fi Ispporting Lisbanillee hanga xumura bara kanaatti ergisaan Endirikiin fudhachuu barbaadu.

    Haata'u malee, taphataa sarara fuula duraa kun turtii isaa Riyaal Maadirid keessatti itti fufuu abdii hin kutatiin jira.

    Maanchester Yunaayitid ammoo tarree taphatoota Amajji keessa fudhachuu barbaadanitti lama dabalaniiru. Isaanis taphataa lammii Rippablika Ayerlaand sarara gidduu yeroo ammaa Bireentifooord keessa jiru umuriin isaa waggaa 25 Naataan Koolliins fi taphataa lammii Naajeeriyaa umuriin isaa waggaa 26 amma Fuulhaam keessa taphatu Kalviin Baasiidha.

    Kana malees, Arsenaal sarara fuula duraa isaa cimsachuuf taphataa sarara gidduu Ispeen yeroo ammaa Atileetikoo Maadiriid keessa taphatu umuriin isaa waggaa 25 ta'e Aleks Baa'enaa, taphataa sarara cinaa lammii Noorwey umuriin isaa waggaa 21, RB Leepzhing keessa taphatu, akkasumas taphataa saarara fuula duraa Bornimaawoz umuriin isaa waggaa 20 horodofaa jira.

    Arsenaal jijjiirraa ji'a Amajjii keessa taasifamu kanaan ni milkaa'aa?

  20. Abiy Ahmad Pirezidantii Somaaliyaa dhiyeenya Itoophiyaa ganan jedhamuun qeeqaman waliin maal mari'atan?

    Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimed yaa'ii haala qilleensaa COP31 Turkitti gaggeefamu madditti hoggantoota biyyoota gara garaa waliin mari'ataniiru.

    Yaa'ii haala Qilleensaa waggaa COP31 Tarkitti gaggeefamu kanarratti MM Abiy hoggantoota biyyoota adda addaa waliin mari'atan keessaa tokko Pirezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan turan.

    Kana malees, dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, MM Barbaadoos, MM Noorweey fi Pirezidaantii Finlaandi waliinis mari'ataniiru

    MM Abiy Pireezdaantiin biyya ollaa taate, Somaaliyaa, Hasan Sheek Mohaammad waliinis mari'ataniiru.

    Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud waliigaltee 'El-Alamin kan dhimma Laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa irratti dantaa Itoophiyaa daangessa jedhame Masirii, Ertiraa fi Sudaan waliin mallatteessun Itoophiyaa 'gane' jedhamuun qeeqamaa ture.

    MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti akka maxxansaniitti, Hasan Sheek waliin haala nageenyaa Somaaliyaa yeroo ammaa fi tasgabbii naannawaarratti mari’achuu isaanii ibsan.

    Hariiroo isaanii cimsuuf marii isaanii akka itti fufanis eeraniiru.

    Murteen Somaaliyaa waliigaltee biyyoota faallaa Itoophiyaa dhgaabbatan jedhaman deeggaruu baatii Onkololessaa darbe aanga'oota Itoophiyaa biraatti komii guddaa kaase ture.