Bo'oowwan galaanaa hidda dhiigaa addunyaa ta'an

Madda suuraa, Getty Images
US fi Israa'el Guraandhala 28, 2026 Iraanirratti haleellaa wayita banan Tehraan haaloo kan baate masaanuuwwan ishee US fi Israa'elii akkasumas dantaa biyyoota kanneenii Baha Jiddugaleessaa jiranirratti qofa hin turre.
Tehraan Ulaa Hormuuz cufuudhaan diinagdee addunyaa raafte. Waraana Iraan waraana addunyaa birootti beekamanirraa kan adda godhe guddaan taatee kana. Ulaan kun xurree geejjiba boba'aa addunyaa 20% ta'uuti. Taateen kun gatii boba'aa addunyaa ni qaalesse.
Ulaan Hormuuz bo'oo galaanaa kutaa addunyaa biraa jiran kamuu caalaa kan sochiin tiraafikaa galaanaarraa itti heddummatu ulaa hidda dhiigaa addunyaati. Ulaan Hormuuz meeshaa waraanaa, dippilomasii Iraan ta'uu itti fufe.
Marii dhukaasa dhaabuu US fi Iraan gidduutti godhamaa jiruufis qabxii murteessaa fi hangafaa ta'ee itti fufe Ulaan kun.
Ulaa Hormuuz akka tooftaa waraanaatti dhimma itti bahuun Iraan ilaalchi hawaasni addunyaa asiin dura saaxilamummaan daldala (imala) galaanarraa olaantummaa biyyi tokko ulaa galaanaa irratti qabdurratti hundaaya jedhu jijjiire, Kunis imallu galaanarraa haala gabaa fi yaaddoo balaa irratti akka hundaawu barsiise.
Olaantummaa humnoonni lixaa galaanarratti qaban osoo hin taane murteessaan naannicha yaaddoorra buusuu qofaan irree ofii agarsiisuun akka danda'amu Iraan mirkaneessiteerti.
Ofii ulaawwan galaanaa akka Hormuuz addunyaaf iddoo tarsiimawoo ta'an kam kami?
Kokkeewwan galaanaa tarsiimawoo addunyaa
Dhaabbanni daldalaa fi misoomaa UN (UNCTAD) iddoowwan kanneen Kokkeewwan galaanaa (maritime choke points) jedhaan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kokkeewwan galaanaa (maritime chokepoints) jechuun xurree dhiphoo garba ykn galaanarraa ta'ee bakka dachii gamaa gamana jidduutti argamu dha. Kokkeewwan galaanaa kunneen qabiyyee daldalaa addunyaa olaanaan kan ittiin cehuu fi hidda dhiigaa daldala addunyaa, kutaalee addunyaa fagoorraa walitti hidhu dha.
Sababa ulaawwan akkasii baay'inaan xiqqoo ta'aniif ykn filannoowwan muraasni jiraniif danqaan iddoo kanneenitti uumamu dhiyeessii geejjiba galaanarraatiin addunyaa dhaqqabu baay'ee miidha, sirnas daldalaas jeeqa. Dhiyeessiwwan boba'aa, nyaataa fi diinagdee addunyaa irratti balaa uuma.
Danqaan kokkeewwan galaanaa ijoo ta'anitti jabana kana uumamaa jiru
Dhaabbanni daldalaa fi misoomaa UN (UNCTAD) gabaasa isaa waggaa geejjiba galaanaa bara 2025 Kokkeewwan galaanaa ijoowwan Bo'oo Siwiizii fi Paanaamaa muddamawwan ji'oopolotikaa, walitti bu'iinsaa fi jijjiirama qilleensaatiin saaxilamummaan isaanii dabaluu beeksise.
Danqaawwan kunneen daandii geejjiba dooniiwwanii dheeressaa, oomishaalee karaa bubbulchuun gatii qaalessaa akka jiru ibse. Qabiyyeen daldalaa nyaataa, boba'aa fi diinagdee addunyaa 80% galaanarraan dabra.
Diinagdeen biyyoota dhiyeessii gama kanaan argamuurratti hirkatanii keessumaa odolawwan xixiqqoo guddataa jiranii fi biyyoota guddinaan sadarkaa gad aanaarra jiranii dhiibbaa gamanaan dhufuun hedduu miidhamoo dha.
Ulaawwan (kokkeewwan galaanaa) kunneen kam fa'i?:

Madda suuraa, Getty Images
Ulaa Hormuuz
Ulaan Hormuuz, Omaanii fi Iraan jidduutti kan argamu yoo ta'u, Galoogalaana Pershiyaa fi Galoogalaana Omaanii fi Galaana Arabiyaatiin wal qunnamsiisa. Bakka dhiphaa dha jedhamutti bal'inni isaa 39km ta'a.
Ulaan Hormuuz gadi fagoo fi jikitaa boba'aa addunyaa hamma olaanaa geejjibsiisuu xurree dandeessisu. Ulaa (bo'oo) addunyaa baay'ee murteessaa ta'e dha.
Ragaan odeeffannoo fi bulchiinsa inarjii US Bitootessa 2026 keessa bahe akka agarsiisutti boba'aan addunyaa guyyaatti Ulaa Hormuuz keessa geejjibsiifamu giddugaleessaan barmeela mil.20.9 ta'a. Bob'aa addunyaa 20% jechuu dha.
Bo'oo Suwiiz
Bo'oon Suwiiz bo'oo nam-tolchee qaama bishaanirraa Awurooppaa fi Eeshiyaa walqunnamsiisudha.
Bara 1869 dachii gammoojjii cirrachaawaa Masrii qotuun kan ijaarame bo'oon kun, qaamolee bishaanii lama galaana Mediteraaaniyaanii (awurooppaatti dhiyoo fi Galaana Diimaa (Eeshiyaatti dhiyoo) wal qunnamsiisu dha.
Bo'oon Suwiiz deemsa karaa dheeraa ardii lamaan wal qunnamsiisu 8,900km fagaatu Afrikaa kibbaarraatirraa naannawuuf dirqamsiisu kan gabaabse dha. Bo'oon Suwiiz fageenya193.3km qaba. Bakka dhiphaa dha jedhamutti bal'inni isaa 225m qofa.
Guyyaatti boba'aa barmeela mil. 5 ta'utu irra deddeebi'a. Qabeenyummaan isaa kan Masrii kan ta'e bo'oon Suweez Abbaa Taayitaa Bo'oo Suwiiz jedhamuun buldfama. Galiin asirraa argamu guutuun diinagdee Masriif oola.
Ulaa Tarkish
Ulaan Tarkii bo'oo bishaanii kaabaa Galaana Gurraachaa fi Galaana Marmaaraan wal qunnamsiisuun gama ulaa Danda Dardaanelsiin gama Galaana Eejiyaanirraan gama Galaana Mediteraaniyaanii fullaasuu dha. Bo'oo tokkicha Awurooppaa bahaa fi addunyaa kaan walitti fida.
Bakka dhiphaatti ulaan kun700m adda bal'ata. Guyyaatti boba'aa addunyaa barmeela mil. 3 - 4tu irra geejjibsiifama
Bo'oo Jibraaltar
Bo'oo bishaanii Ispeenii fi Morookoo gidduutti argamu yoo ta'u, xurree Garba Guddaa Atilaantikii fi Galaana Mediteraaniyaanii wal qunnamsiisu dha. Ulaan kun ulaa uumamaa tokkicha qaamolee bishaanii lamaan wal qunnamsiisu dha.
Bakka dhiphatutti 13km bal'ata. Guyyaatti boba'aa barmeela mil. 5-6tu irra geejjibsiifama.
Ulaa Taayiwaan
Ulaa qaama lafaa Chaayinaa fi oddola Taayiwaan wal qunnamsiisu. Galaana Kibba Chaayinaa fi Galaana Baha Chaayinaa walitti hidha.
Bakka dhiphatutti 130km bal'ata. Daldala galaanarraa addunyaa waggaa keessaa 20% kan ta'u ulaa kanarraan deddeebi'a.
Bo'oo Paanaamaa
Bo'oo Galaana Kaaribiyaanii fi Garba Guddaa Paasifikii wal qunnamsiisudha.
Bakka dhiphaa dha jedhamutti 222m addaan fagaata. Boba'aan addunyaa guyyaatti bo'oo kanaan deddeebi'u barmeela mil. 2- 3 ta'a.
Bo'oo Maalaakaa
Bo'oon kun Maaleezhiyaa, Singaapporii fi Indoneezhiyaa gidduutti kan argamu yoo ta'u, Garba Guddaa Hindii fi Galaana Kibba Chaayinaa wal qunnamsiisa.
Iddoo dhiphatutti 2.8km bal'ata. Guyyaatti boba'aa barmeela mil.23 deddeebisaa jira. Bo'oon kun bo'oo galaanaa addunyaarraa daran sochiin daldalaa fi tiraafikaa itti baay'atu. Daldalli addunyaa 40% asirra ceha. Boba'aan Chaayinaan alaa bittu 80% asirraan ceha.
Ulaa Daanish
Ulaa Denmaark Siwiidin irraa adda baasuu fi Galaana Baaltik kaabaan wal qunnamsiisu. Bakka dhiphatutti 3.7km bal'ata, boba'aa addunyaa barmeela mil.5tu guyyaatti irraan ceha. Boba'aan Raashiyaa buufata Baaltik olaanaan asirraan gabaa addunyaatti baha.
Ulaa Keep of Guud Hoop
Ulaa faallaa moggaa kibba Afrikaa jirudha. Bakki kun bal'aa fi banaa waan ta'eef hoomaa dooniiwwanii keessummeessun gara Bo'oo Suwiiz qajeelcha. Guyyaatti boba'aa barmeeala mil. 9tu irra deddeebi'a.



















