Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namicha geejiba osoo hin fayyadamiin waggaa 28 bishaan daakee UK gahe
Kaarli Baashbii jedhama. Waggaa 28 bishaan daakeen biyya tokko gaha jettee yaaddaa? Namni kun waan abjuu fakkaatu dhugoomse.
Manaa bahee waggaa 28 booda miilli isaa galaanarraa bu'ee biyyee UK irra ejjeteera.
Umuriin isaa amma waggaa 57. Kana jechuun yeroo dargaggeessa waggaa 29 ture manaa bahe.
Ka'umsi isaa Kibba Ameerikaa Chiiliidha. Sadaasa 1 bara1998 manaa bahe.
Seera lama baafatee manaa bahe. Tokko gara fuula duraatti imaluuf geejiba homaa hin fayyadamu kan jedhu.
Kan lammataa hagan imalakoo fi bakka galmakoo gahutti gaabbees tahu of duuba deebi'ee gara manakootti hin galu kan jedhu ture.
Kibxata darbe Faransaayii ka'ee gara UKtti galaana jiru daakuun akka isa xumuraa fi ulfaataa jedhame xumure ibse.
Qe'een ijoollummaa isaa UK keessa magaalaa Haal Siitii jedhamudha.
Baashbiin akkas jedhe: ''Miillikoo dachee UK irra ejjechuun gammachuu guddaa naaf kenne. Salphaa hin turre. Isan gatii ofiif kennu caalaa akkan waan barbaade gochuu danda'un amane.''
Osoo si tahe akka waa gochuu dandeessu amanuuf itti cichitee waggaa 28 bishaan daaktaa?
''Hundi keenyayyuu isa dandeenya jennee ofitti amannu caalaa raawwachuu ykn milkeessuu dandeenya'' jedhe.
Guyyaa sadiitti sa'aatii 20 bishaan daaka. Dhumarratti qarqara galaanaa Sheekispiir jedhamutti lafatti bahe.
Qaamni galaana tiksu gama Faransaayii fi UK jiran nageenya isaaf waan barbaachisaa guutamuu mirkaneessuun akka isaaf eeyyaman himan.
Yeroo qarqaratti bahu ammoo hiriyyootaa fi miseensota maatii isaa muraasaan simatame.
Abbaan isaas achitti argameera. Abbaan isaa duraan loltuu ture. Ogeessi fiilmii Werner Herzoog jedhamu ammoo waa'ee imala isaa dheeraa kana irratti dookumantarii 'Walk of Life' jedhu hojjechaa ture.
Simanicha irrattis argameera.
Waggoota dheeraaf Faransaay namoota galaanicha daakanii ce'an warra karaa UK ka'anillee simatti malee nama Faransaay irraa ka'uuf hin eeyyamtu ture. Isaaf garuu eeyyamte.
Haga ammaatti Baashbiin km 48,000 galaanarra daakeera, biyyoota 29 keessa darbeera.
Kibba Ameerikaa irraa ka'uun gara Kaaba Ameerikaa Alaaskaatti qaxxaamure.
Achii ka'uun ammoo miilumaan takka imalee bakka barbaachisaa tahetti ammoo bishaan daakee hulaa Beering jedhamtu irraan qaxxaamure.
Baashbiin Saayibeeriyaa irraan qaxxaamuree Eeshiyaa keessas kutuun Galaana kaasbiyaan keessa qaxxaamure.
Kun hunduu guyyoota 31 isatti fudhate.
Bara darbe gara Awurooppaatti ce'e. Ji'a darbe galaana Ingilish Chaanel jedhamuun beekamu gahe.
Imalli isaa kun viizaa argachuudhaanis hedduu danqamaa ture. Bara 2008 ammoo rakkoo faayinaansiitu isa mudate.
Isponseroota dhabuu fi biyyoonni hedduu sababa weerara koroonaaf jecha akka daangaa isaanii hin seenneef dhorkuun rakkoo cimaa isa mudatedha.
Waxabajji darbe hoggantoonni Ingilish Chaanel gaaffii inni karaa taanelii darbuuf dhiyeesse kana kuffiisan. Kanaaf galaanicha daakee ce'uuf murteesse.
Fulbaana keessa yeroo BBC'n Beeljiyeemitti isa gaafatu imala kana kana caalaa itti fufuu akka hin dandeenye hime.
Uuumama keessa darbeefi teessoo isheen akka malee akka raajeffame dubbate.
Kanatus imala dadhabsiisaa akkasiif akka murteessu isa taasise.
Amma qe'ee ijoollummaa isaatti deebi'aa jira. UK.