Paastarii Ameerikaa mirgi filachuu dubartootaa akka hafu barbaadan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Paastar Daag Wiilsan teessoo isaanii Mooskoo jirurraa BBC'tti akka dubbatanitti, ilaalcha isaanii hawaasni dhiirotaan durfamuun "eebba guddaadha" jedhu ibsan.

Kiristaanonni yaada isaanii kana deeggaran ammoo hubannoo bu'uuraa Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaa'edha jedhu. Dubartootni ajajamoo akka ta'an jajjabeessu.

Paastariin kuni Ameerikaan sababa salqunnamtiin warra jaalattoota saala walfakkaatoo yakka ta'eera, ulfa baasuun dhorkamaadha fi namootni amantii biraa qaban aangoo qabachuu waan hin dandeenyeef Ti'ookiraatii ta'uu qabdi jedhanii amanu.

Ammaan dura barsiifata "faayidaa garagartee saalaa balleessuun qabu' jedhu dhiheessanii ture. Kana malees macaafni qulqulluun dubartoonni bulchiinsa mana amantaa fi dhimmoota siivikii keessatti gaheewwan muraasa irraa qollifamuu akka qaban akeeka jechuun falmu

Ilaalcha garagartee saalaa irratti qaban kanarraa kan ka'es heera Ameerikaa fooyyessa 19ffaa irratti mirgi filachuu dubartootaa akka hafu falmu. Qeeqxonni isaanii ilaalcha farra dimokiraasii dhaadhessu jechuun qeequ.

Kiristaanonni hedduun mirga filachuu dubartootaa nideeggaru. Kanaaf jecha ergaa paastarii kanaa akka haasaa jibbiinsaa fi mankaraarsitummaatti fudhatu.

Kaateediraala biyyaalessaa Waashingitanitti Luba kan ta'an Luba Kaanoon Daanaa Korseloo, haasaa Wiilsan waa'ee dubartootaa macaafa qulqulluu caqasuun himan kufaa taasisu.

"Sammuun kiyya yaadota Wiilsan dhiheessu irratti ejjennoon amantaa yookan macaafa qulqulluu jira jedhee hin amanu. Ani Bultiin qaba. Abbaa warraati. Ijoolleen qaba. Wanti aniifi haati warraakoo goonu hundi walqixa" jechuun BBCtti himan.

Yaadni Wiilsan kuni ilaalchota dogogora hordoftoota amantaa Kiristaanaa gidduu jiru kan bakka bu'u ta'ulleen yaadotnisaa muraasni kan fudhatama argachaa jiran jiru.

Wiilsan dhiibbaan isaa dabalaa kan dhufe hariiroo Piit Hegiset waliin qaburraayi.

Piit Hegisen waltajjii Wiilsan irra jirurratti argamuun "Hoggansa keessaniif, gorsa keessaniif, waan jalqabdaniif , dhugaa dubbattaniif , ija jabeessa taatanii fedhii mul'istaniif isinan galateeffadha" jedhaniin.

Hegiset damee mannen amantaa waashingitan DC keessatti barsiifata amantaa dhiheessu. Akka Wiilsan jedhanitti kanneen amma Ameerikaa gaggeessa jiram hedduunis isaan biratti waaqeffatu.

Piit Hegset Paastar Daag Wiilsaniin "Gorsa' isaaniif galateeffatu.

Ilaalchota Wiilsan tarkaanfachiisan keessaa dhimmi hirmaannaa filannoo irrattii dubartoonni qabaachuu hin qaban jedhan ijoo dubbii ta'e.

Wiilsan akka maatiitti sagalee kennuu kan jedhu nideeggaru. Mataa maatii kan ta'e 'dhiirri' ammoo maatii sana bakka bu'ee sagalee kennuu qaba jedhu.

Siyaasa mana amantaa Wiilsan keessatti sagalee harka 7 kan kennan dubartoota. BBC'n yeroo isaan gafatettis kuni dhiirotaaf sirna dhiibbaa daanga darbe akka uuman godhu akka ta'e amananiiru.

Akka Wiilsan jedhanitti, fooyyessa heera mootummaa Ameerikaa 19ffaan akka haqamu kan jedhu dhimmoota xiyyeeffannaa isaanii ta'an keessaa isa gadi aanaa jedhamu akka ta'e himu. Ta'ummoo dhimmicharratti 'Itti yaanna' kan jedhu dubbatan.

Mirga dubartootaa booddeetti deebisuu

Yunvarsiitii Filooriidaatti piroofeesara qorannoo Amantaa kan ta'an Juulii Ingersool, amantaan Wiilsan kuni faallaa fi fiixeetti kan bahedha jedhu. Dubartoonni kutaa jireenyaa isaanii hunda keessatti guutumaan guutuutti dhiirotaaf bitamanii jiraachuu qabu yaada jedhu qaba jedhu.

Fooyyessi heeraa 19 nihaqama kan jedhu waanuma hin fakkaanne akka t'e dubbatu. Kana haquun seeneetii keessaa sagalee harka lama sadaffaa yookan seera baastota irraa ammoo sagalee harka lama sadaffaa barbaada. Kana malees naannoleen harka sadii afraffaan mirkaneessuu gaafata.

Kana ta'ees garuu yaaddoon mirga dubartootaa irratti ka'u kuni xiyyeeffannaa argachuu akka qabu gorsu.

"lola Roo Veenziwest waliin taasifameen adda ta'ee kan ilaalamu miti" jechuun murtii mana murtii waliigalaa dhimma mirga ulfa baasuu irratti kenne caqasu. Bara 2022 seerri dubartoonni akka ulfa hin baasne dhoku akka haqamuuf lola dheeraa taasifameen booda milkaa'e.

"waggoota 30 dura namotni mirgi ulfa baasuu akka hin haqamne dubbataa turan. Garuummoo hanga seerri ulfa baasuu kuni jijjiiramutti namootni dhimmicharratti mormiidhaan walfixaa turan. Kanas isarraa adda godhee hin ilaalu" jedhan.

Wiilsan fooyyeessa 19ffaa jijjiiruun jaarraa tokko yookan isaa ol fudhachuu akka danda'u ibsanis, kiristaanotni mirgi filachuu dubartootaa battala haqamuu qaba jedhanii amanan garuu nijiru.

Hawaasa Kiristaanaa oonlaayinii dhiirotaaf qofa dubbatan

Ji'a Gurraandhalaa darbe Paastar Deel Paartiriij inistaagiraamii irratti "waggoota 10 keessatti fooyyessa heeraa 19ffaa nihaqna" ergaa jedhu maxxansanii ture.

Miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota kuma 900tti dhihaatan kan qabu paastariin kuni, Wiilsan "nama barsiifata amantaa fi siyaasaa cimaa banani" jechuun ibsan.

Paartiriij akka jedhanitti, dubartoonni hedduun ilaalcha Libaraalaa waan qabaniif 'Karaa ittigaafatamummaa qabuun sagalee kennuuf gahoomoo miti' jedhu

Paastariin kuni paastarii biraa Jo'eel Webon jedhamu waliin irra deddeebiin Poodkaastii irratti dhihaachuun yaada isaanii tarkaanfachiisu.

chaanaalii yuutuubii 'New Christian Right' jedhamuu irratti dhihaachuun dubartoonni 'Abjuun isaanii hamaadha' jedhan. Kanaaf furmaanni ammoo 'Mirga filachuu isaanii mulquudha' jechuun falman. Paastariin kuni ammaan Dura Wiilsan waliin hariiroo gaarii kan qabn turus amma garuu akkas miti.

Wiilsan waa'ee paastaroota dargaggeeyyii kanaa yeroo dubbatan "Namootni kuni humnaa ol deemaniiru. Isaan namoota hokkora kakaasanii fi xiyyeeffannaa argachuuf dhama'ani" jedhaniin.

Namoota yaada kana deeggaran kan kakaasu maali?

Yunvarsiitii Sakard Hartitti dhimma mirga filachuu dubartootaa irratti qorannoo kan taasisan Piroofeesar Keelii Marinoo, waggoota kurnan darban sochii mirga dubartootaa akkasumas yaadama siyaasa libaraalaatiif injifannoowwan gurguddoon galmaa'uu himu.

Garuummoo "ilaalchi Feminizimii sadarkaa olaanaarra yeroo gahaa deemu, dubdeebii jabaa kanneen kennaniifi sochicha booddeetti deebisuuf kanneen Yaalan turaniiru" jedhu

Kanaan alattis weerara Koovid19 booda yeroo ture keessatti waldhibdeefi rakkoon mirkana ta'uu dhabuu haalan guddachuu akeeku.

Garuummoo Heerri yeroo gabaabaa keessatti fooyya'a jedhanii hin amanan.

Kaatediraala Waashingitanitti Luba kan ta'an Kanoon Korseloo, filannoon giddugaleessaa Amerikaa yeroo darbe taasifame yaadota dubartoota irratti akeekaman kana kufaa taasiseera jedhanii amanu.

Ilaalchonni Wiilsan garuu Ameerikaan alattis dabalaa dhufeera. Manni amantaa CREC kutaalee Addunyaa irra amanneen amantaa 30 caalan qaba. Poolaand, Jaappaanii fi Biraaziil dabalatee.

Wiilsan biraandii Kiristaanummaasaanii guutumaa addunyaatti bal'isuu barbaadu. Kana keessaas manni amantaa isaanii tokko Ingiliz keessatti dhiheenya tajaajilaaf qophaa'eera.