Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraan himata Itoophiyaan UN irratti dhiyeeffatteef deebii kennite
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yemaanee Gebremasqal, Itoophiyaan waggoota sadii oliif Ertiraa irratti dhiibbaa fi doorsisa waraanaa geessisaa turte jechuun Itoophiyaa deebisanii himatan.
Himannaa Itoophiyaa kan Ertiraan weerara raawwachuu fi ofirraa qolachuun ala filannoo biraa akka hin qabne UN'tti xalayaa barressite haaltee jirti.
Obbo Yemaanee Gebremasqal ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa X irratti baasaniin, Itoophiyaan walabumma fi daangaa Ertiraa kabajuu dhiisuun tarkaanfiiwwan kaka'umsa waraana uumuu danda'an fudhachaa turte jechuun himatan.
Itoophiyaan loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenuun naannoo Tigraayi keessa socho'aa akka jiran Mana Maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti beeksifte.
Xalayaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoosin Onkoloolessa 8, 2026 barreeffame, loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa gara kiiloo meetira 60 ol keessa seenuun eera.
Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiin kun tarkaanfii weeraraa biyya walabummaa qabdu irratti raawwatame ta'uu ibsuun, akka ofirraa facciftu himte.
Ergasiis haleellaan Diroonii loltoota Ertiraa irratti raawwatamuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
BBc'nis Viiidyoo haleellaa diroonii mootummaan Itoophiyaa raawwachuu himuu fi miiidiyaalee hawwaasaa irratti qoodamaa tures dhugaa tahuu mirkaneesseera.
Ertiraan immoo Itoophiyaan waggoota sadii ol buufata doonii Assab qabachuuf yaalii waraanaa taasisaa turte jechuun himatte.
Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemane Gebremasqal Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmed Onkoloolessa 13, 2023 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif haasaa taasisaniin, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf "yoo danda'ame mariidhaan, yoo hin danda'amne immoo humnaan" hojjechuu akka barbaaddu dubbachuun isaanii, qabatamaan Eertiraa irratti waraana banuuf agarsiiftu tokkoo jechuun kaasan.
Ministirri Mummee Abiy tibbanas waa'ee ulaa galaanaa argachuu kaasanii dubbataniiru. Garuu karaa kennanii fudhachuun akka ta'e malee waraanaan ta'u fi addattimmoo Asab jechuun hin kaasne.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa kun, hooggantoonni siyaasaa fi waraanaa Itoophiyaa yeroo garaagaraatti buufata doonii Assab fi qarqara galaanaa Ertiraa qabachuun barbaachisaa ta'uu dubbachaa turan jechuun himatan.
Akka isaan jedhanitti, hooggantoonni Itoophiyaa tokko tokko buufata Assab qabachuun humna galaanaa biyyattii ijaaruuf barbaachisaa ta'uu dubbachaa turaniiru jedhan.
Kanaaf Itoophiyaan kaayyoo ulaa galaanaa argachuu jedhu milkeessuuf humna fayyadamuuf yaadaa turuu ishee agarsiisa jechuunis himatan.
Himannaan kun yeroo walitti bu'iinsi naannoo Tigraay keessatti deebi'ee hammaataa jirutti dhiyaate.
Itoophiyaan Ertiraan humnoota finciltootaa biyya keessaa mootummaa federaalaa lolan deeggaruu fi waraana keessatti hirmaachuun Ertiraa himachaa turte. Ertiraan garuu himannaa kanas ni haalti.
Hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa bara 2018 waliigaltee nagaa mallatteessuu booda fooyya'ee ture.
Ertiraan waraana Tigraay bara 2020–2022 keessatti mootummaa federaalaa Itoophiyaa cinaa hiriirtee garee TPLF lolaa turte.
Garuu xumura waraana sanaa irraa eegalee, akkasumas Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa kaasuun booda hariiroon biyyoota lamaanii hammaachaa dhufe.
Jalqaba baatii Onkoloolessa kana, Itoophiyaan dippilomaatota Ertiraa Itoophiyaa biyyattii keessaa akka bahan ajajuu fi imbaasii ishee Asmaraa jiru cufuu beeksifte.
Ertiraanis tarkaanfii kana hordoftee hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu addaan kutuu ishee ibsite.
Obbo Yemaaneen himannaa Itoophiyaan kaleessa dhiyeessite irraatti ragaan qabatamaan hin jiru jechuun mootummaa Itoophiyaas qeeqan.
Inumaa mootummaa Itoophiyaa waggoota sadii ol seera idil-addunyaa fi dambii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kanneen abbummaa fi daangaa biyyoota biroo irratti humna fayyadamuu fi doorsisuu dhorkan cabsaa turte jechuun himatan.