Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Waraanni dhumateera, TPLF harka kennachuun ala filannoo biraa hin qabu" - Jeneraal Saamoraa Yunuus
"Mootummaan kun dadhabeera, yeroonsaa amma jedhanii tumsa tolfatanii waraana labsan. Yeroo gabaabatti haleellee [Finfinnee] galla jedhanii itti seenan."
Kana kan dubbate Itaamaajoor Shuumii duraanii Rayyaa Ittisaa Itoophiyaa Jeneraal Saamoraa Yunuusi.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee miidiyaa biyya keessaa NBC ETHIOPIA jedhamu waliin turtii taasisaniin TPLF tilmaama dogoggoraan waraana eegalee "kasaaraa guddaaf saaxilamuu" ibsan.
"Fedhiin koo waraanni akka hin jiraanne ture. Akka dhuunfatti tumsi isaan tolfatanis homaa bu'aa akka hin buusne nan beekan ture. Garuummoo gara waraanatti deemaa akka jiran ifa ture. Guyyaan isaa yoom akka ta'en hin beekne malee waraanatti akka deeman nan beekan ture," jechuun TPLF.
Gaggeessitoonni TPLF "waraana malee filannoo nagaa biraa yaaduu akka hin dandeenye nan beeka ture. Amma osoo hin jaalatin lolatti gallee jirra," jechuun mootummaan Itoophiyaa dirqamee lolatte akka seene kaasu.
TPLF uummanni Tigraay nagaa osoo barbaaduu "fedhii uummata Tigraay irra tarkaanfachuun waraana labsan" kan jedhan Jeneraal Saamoraan, Waliigalteen Piritooriyaa illee akka hojiirra hin oolle kan godhe TPLF ta'uu komatu.
TPLF garuu waliigaltichi akka hojiirra hin oolle kan taasise mootummaa federaalaa ta'uu ibsuun irra deddeebiin ibsa baasuun komataa ture.
Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee baay'ee osoo hin turin TPLF sababa uumuun mormaa akka ture kan himan Jeneraal Saamoraan, "Mootummaa federaalaa irraa bajataafi waan hunda argachaa diina jedhee farrajaa ture," jechuun waraanaaf qophaa'aa erga turanii booda waraana ofumaa waraana labsuu himan.
"Humnoonni Tigraay waraana hin barbaadan, gaggeessitoota isaanii keessaas karaa nagaa furra kan jedhan turan," jechuun TPLF namoota gaaffii nagaa kaasan hunda of keessaa dhabamsiisaa akka ture dubbatu.
'Uumanni Tigraay waraana nuffeera'
Waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun humnoonni TPLF bakkeewwan qabatan keessaa saffisaan bahan. Jeneraal Saamoraan akka jedhanitti waraanichi saffisaan kan gaggeeffameefi yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argamsiisedha.
Raayyaan Ittisa Biyyaa waraanicha saffisa TPLF hin eegneen kan gaggeesse ta'uu ibsuun kanaaf kan gumaache sababoota ijoo lama tarreessan.
"Waraanichi saffisaani kan gaggeeffame; sababa saffisaan gaggeeffame bifa lamaan ilaaluu dandeenya. Inni jalqabaa qophiifi gahuumsa Raayyaa Ittisaa keenyaa [olaanaa] ta'uusaati.
Kan lammataa ammoo uummanni Tigraay waraana hin barbaadu, nuffeera. Loltoonnis [humnoonni Tigraay] loluu hin barbaadan," jechuun waraanichi yeroo gabaabaa keessatti TPLF bakkeewwan Tigraay heddu keessaa baasuun mancaatii lubbuu namaafi diinagdeerraan gahu akka hir'isu himu.
"Dandeettii deebisanii haleeluu Raayyaa Ittisaa keenya dura dhaabbatu, ofirraa ittisu jedhee duraanuu hin amanun ture. Garuu kanin eegee olitti waraanichi ni saffise," jedhu Jeneraal Saamoraan.
Akka isaan jedhanitti TPLF saffisaan rukutamee duubatti kan deebi'e deeggarsa uummataa dhabuufi kaayyoo uummataa loluuf kan hin qabne ta'uudha.
"Waraanichi ajandaa uummataa [Tigraay] of keessaa hin qabu. Fedhii humnoota Itoophiyaa jeequu barbaadaniitu duuba jira," jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa Ertiraafi Masiriin humnoota hidhatanii socha'an duuka hiriiruun Itoophiyaa jeequ jechuun irra deddeebiin himata.
TPLF illee humnoota mootummaa Itoophiyaa akka diinatti ilaalan wajjin tokkummaa tolfachuu isaa beeksisee ture.
Dhiyeenya ammoo TPLF dabalatee humnoonni hidhatan torba mootummaa Itoophiyaa humnaan aangorraa buusuuf tokkummaa tolfachuusaanii beeksisuun ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa tumsa kana duuba kan jiru Ertiraafi Masiriidha jechuun himannaa irratti dhiyeesse.
Mootummaan Ertiraas ta'ee kan Masirii himannaa Itoophiyaa kana waakkataniiru.
Jeneraal Saamoraan garuu, TPLF humnoota alaa "Itoophiyaa jeequu barbaadan" jedhan waliin hidhata tolfatee lola akka bane ibsu.
"Shaabiyaan durii kaasee tarsiimoo jeequmsaa akka qabu beekamaadha, qolatamaas kan tureedha. Fedhiin Masiriis maal akka ta'e beekamaadha. Warra kana waliin taatee biyya kee jeequun waan nama gaddisiisudha," jedhu.
Akka qondaalli waraanaa olaanaan kun jedhanitti, haala amma jiruun waraanni akka xumurameefi gaggeessitoonni TPLF harka kennachuun ala filannoo hin qaban.
"Ifatti kanin jechuu barbaadu, amma harka kennachuun filatamaadha. Waraanichi xumurameera," jedhan.