Ijaarsa madda anniisaa nukilaraa Masiriirratti hanqina mul'ateefi mormii kaase

Madda suuraa, Egyptian Nuclear Power Plants Authority
Mootummaan Masirii madda anniisaa nukilaraa biyyattiitti ijaaramaa jiru 'Eel Daba' jedhamu irratti hanqinni mul'achuu ibsuun qeeqni dhaabbata Raashiyaa ijaarsicha fudhate irratti kaaste mormii kaaseera.
Dhaabbanni gabbisa nukilaraa Masrii ijaarsicha kan fudhate dhaabbata Raashiyaa 'Rosaatoom' jedhamu irratti qeeqa kana kaasuusaa gaazexaan Dijitaalaa Ameerikaa 'Polotikaa' jedhamu gabaaseera.
Abbaa Taayitaa gabbisa Nukilaraa Masiriin barraa'eera kan jedhame 'Xalayaan Iccitii' fi sanadootni biroo gaazexaa kanarratti caqafamaniiru.
Gabaasni kuni ifa ta'uusaatiin booda ibsa kan baase dhaabbanni too'annoo Masirii, gabaasa kanarratti 'Gabaasni dogogoraa fi madaala sirrii hin taane mul'isu' dhihaateera jechuun haale.
Gabbisni kuni kan adeemsifamaa jiru karaa ulaagaa nageenyummaa Nukilaraa idil addunyaa eegeen ta'uus caqase.
Himatni irratti dhihaateera kan jedhame 'Rosaatoom' gamasaatiin xalayaa barraa'e jedhamerratti himatni caqafaman, adeemsa kontiraataa, teeknikaa fi too'annootiin kan mirkanaa'an akka hin taane himuun deebii siyaasawaa kenne.
Madda Anniisaa Nukilaraa Eel Daba
Kaaba qarqara galaanaa Ijiptitti ijaaramaa kan jiru Eel daban, biyyattiidhaaf madda anniisaa Nukilaraa jalqabaati. Ijaarsisaa yeroo xumuramutti humna madda anniisaa meegaawaatii 4,800 maddisiisuu danda'a.
Akka gabaasa Abbaa Taayitaa gabbisa nukilaraa Masiriitti Eel Daban yeroo ammaa addunyaarraa wiirtuu madda anniisaa nukilaraa isa guddaadha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Masirii madda anniisaa Nukilaraa kana ijaaraa kan jirtu waliigaltee mootummaa Raashiyaa waliin mallatteesiteeni. Wiirtuun kuni dizaayiniin isaa kan Raashiyaa kan ta'e wiirtuuwwan gabbisaa 'VVER-1200' jedhaman afur qaba.
Ijaarsa pirojektii kanaatiif Doolaarri biliyoona 28.5 kan qabame yoo ta'u, kana keessaa doolaarri Biliyoona 25 liqii mootummaa Raashiyaatiin kan uwwifamu ta'a.
Ijaarsi isaas dhaabbata biyya Raashiyaa 'Rosaatoom' jedhamuuni. Haaluma walfakkaatuun gabbisa Nukilaraa Itoophiyaa keessatti ijaaramus kan ijaaru dhaabbatuma kana.
Madda anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa keessatti ijaaramuttis wiirtuuwwan gabbisaa VVER-1200 akka ta'e Itoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Eeviginii Terehinii himan.
A.L.I Fulbaana bara 2018 Hoji gaggeessaa olaanaan humna Elektiriikaa Itoophiyaa Ashabbir Baalchaa fi Daayirektarri Olaanaan Rosaatoom Aleeksi Likaacheev karoora ijaarsa madda anniisaa nukilaraa Itoophiyaa kana waliigaltee Mooskootti waliif mallatteessan.
Ijaarsa waggoota 10 akka fudhatu himame kanaaf iddoowwana ijaarsi Nukilaraa kuni itti ijaaraman adda baasuun akka raawwatame Komishinara Itti aanaan komishinii anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa Abdurazaaq Umar ji'a Adoolessaa darbe miidiyaa biyyaalessaatiif himan.

Madda suuraa, Egyptian Nuclear Power Plants Authority
Himatni ijaarsicharratti ka'e maali?
Akka gabaasa Gaazexaa 'polotikaa'tti, abbaan taayitaa maddeen anniisaa Nukilaraa Masirii ijaarsicharratti 'hanqina Konkiriitii olaanaa' ta'e mul'achuu dhaabbata Rosaatoomif barresse.
Gabbisa lakkoofsa 4 'qaama sibiilaan hagugameen duuba hanqinootni mul'achuu' akkasumas gabbisawwan kaan irratti ammoo 'Afaa bu'uuraa irratti hanqinni mul'achuu' gaazexichi xalayaa sana caqasuun barreesseera.
Gabbisawwan sadan irratti afata bu'uuraa irratti hanqina mul'ate sirreessuuf waggaa tokko akka fudhate kan hime abbaan taayitichaa hanqinoota biroos tarreesseera.
Kana malees dhaabbanni ijaarsaa kuni ijaarsi madda anniisaa nukilaraa kanaa harka 50 akka xumurame ibsuuf maloota dogogorsiisoo fi hojiiwwan kalaqaa fayyadamuu hime.
Sanadootni Rosaatoom afur kan gaazexaan Polotikaa xiinxaale harkifannaan ijaarsaa fi rakkoon qulqullina ijaarsaa fi bulchiinsa pirojektii jiraachuu mul'ise.
Sanadni dhaabbatichaa tokko wiirtuun gabbisaa Eel Daba tokko A.L.I Fulbaana 2021 hojii akka eegaluuf karoorri qabate ji'oota 18 dheerachuun gara 2022tti cehuu akka danda'u gabaasni gaazexichaa mul'iseera.
Haa ta'u malee adeemsa ijaarsaa keessatti hanqinni teeknikaa mudate jechuun pirojektiin anniisaa nukilaraa kuni balaa raadeeshinii fida jechuu akka hin taane ogeessonni BBC'n dubbise nihimu.
Ijaarsota nukilaraa gurguddoo akkasii irratti hanqinnii fi yeroo jedhametti xumuramuu dhabuun waan haaraa akka hin taanee, ejensii madda anniisaa nukilaraa Idil addunyaatti ittigaafatamaa kutaa nageenyaa kan turan Taraq Uraaf nihimu.
Pirojektoota madda anniisaa Nukilaraa Awurooppaa keessa jiranittis rakkooleen akkanaa mudatanii sirreeffamni taasifamuus dubbatu.
Deebii Masirii
Abbaan Taayitaa gabbisa nukilaraa Masirii A.L.I Hagayya 11 bara 2018 ibsa baaseen, gabaasni gaazexaa Polotikaa waa'ee argannoowwan kanaa nageenya pirojektichaa irratti gama teeknikaa fi too'annoo giddugaleessa osoo hin godhanne jala murtiirra gahe jechuun eere.
Manni hojichaa, tarkaanfiiwwan nageenyummaa pirojektoota nukilaraa kan fudhataman 'madaallii fi ilaalcha dhuunfaa bu'uureffatee akka hin taane' hime.
Isa caalaa 'gamaaggama yaaddoo, heeyyama hojii, mirkaneessa ga'umsa hojii, too'annoo itti fufiinsa qabu kan ofkeessatti hamate 'sirna qindoomina qabuun kan raawwatamu akka ta'e ibse.
Yeroo iojaarsa pirojektii guddaa fi walxaxaa akkasiitti adeemsonni ilaalchaafi madaallii dhuunfaatiin ala ta'an akka jiranii fi fuuladurattis tarkaanfiiwwna sirreeffamaa fudhatamuun waan idileedhaan raawwatamudha jedhe.
Pirojektiin kamuu xumuarmee walharkaa fuudhinsi godhamuun duratti qorannoon taasifamuun hanqinootni sirreeffamanii yaaliin taasifamee akka ta'e ibse manni hojichaa.
Kana malees Ejensiin Anniisaa nukilaraa idil addunyaa pirojekticha irratti madaallii fi daawwii akka taasisu himuun, pirojektichi biyya keessa qofa osoo hin taane sirna too'annoo fi hordoffii idil addunyaa jala jiraachu eere.
Masiriin A.L.I bara 2016 waliigaltee nageenya nukilaraa ejensii inarjii Atoomikii Idil addunyaa kan mallatteesite yoo ta'u, baruma sana irraa kaasuuni miseensa waliigaltichaa taate.
















