Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eebbakoo irratti kennaa konkolaataa qaalii Jiippiin eege, haatikoo re'ee naaf laatte
Dargaggeessi lammii Naayijeeriyaa Piroomis Okooroo qormaata barnoota digirii jalqabaa xummuree yemmu bahu, taateen addaa namudata jedhee hin eegne ture.
Wayita dargaggoon kun kutaa qorumsaatii bahu hiriyoonnisaa sirbaafi viidiyoo waraabaa gammachuun isa eegaa turan.
Haa ta'u malee gidduudhaan haati Piroomis bineelda wayii harkisaa hawaasa mana barumsichaa keessa qaxxaamuruun gara ilma isaaniitti qajeelan.
Bineeldi haati barataa kanaa harkisaa dhufan kun tarii Piroomisfi hiriyoonnisaa waggootaaf kan hin irraanfanne ta'uu danda'a.
Bineeldi harmeen kun foo'aadhaan harkisaa gara qe'ee yunivarsiitichaatti seenan kun re'ee naannoo birrii kuma 13'n bitamefi ilma isaaniif kennuuf fidanidha.
Dargaggeessa waggaa 23 kan ta'e Piroomis, "Baay'een gammade, miira cimaa keessan seene" jechuun haala waqtii sana ture hima. Kana malees gochaa harmeesaa kanaan akka hin qaanofne sirumayyuu akka boones dubbata.
Muddannoon maatii kanaa viidiyoon waraabamee marsaalee hawaasaarratti tamsa'uu kan eegale battalumatti ture. Namoonni kumaatamaan lakka'amanis gochaa harmee Piroomis ni jajan, gammachuu isaaniis ibsatan.
Naayijeeriyaa keessatti keessattuu namoota kutaa kibba bahaa biyyattiin ala jiraniif re'ee bifa kennaatiin namaaf kennuun baratamaa ta'uu dhiisuu mala.
Haa ta'u malee aadaa uummata Iboo keessatti re'een iddoo guddaa qabdi. Uummata Iboo biratti re'een kennaa guddaa kabajni, dinqisiifannaafi hawwii gaariin ittiin ibsamanidha.
Yeroo baay'ees kennaan re'ee cidha aadaa, kabaja ayyaana maatiifi taateewwan gurguddoo maanguddoonni itti kabajamanfi keessummaa guddaa waliin hidhata qaba.
Gama biraatiin dhumni re'ee Piroomiisif kennamee maal ta'inna kan jedhu gaafii namoota biraa ka'aa jiru yemmuu ta'u, Piroomisis re'ee kana nyaataaf akka hin oolchine himeera.
"Re'een kun anaaf waan qaaliidha. Karoora isa ajjeesuu hinqabu" jedheera.
Sirumayyuu re'ee dhalaa bituun re'oota lamaan horsiisuuf karoora akka qabu himeera.
Amma miidiyaalee hawaasaarratti beekamtii horachaa kan jiru re'een Piroomis, suuqii dabalatee iddoowwan garagaraa Piroomis waliin deema. Namoonnis re'ee kana walin suuraa ka'u.
Haati Piroomis ilmashee Yunivarsiitii Pooliteekinikaa Federaalaa Nekede'tti barachaa turefi barnootasaa xummureen 'baga gammadde' jechuuf re'ee bitte harkisaa karaa sa'aa tokkoo ol deemte.
Harmeen kun ilmasheef konkolaataa haaraa bituuf abjoottus humna konkolaataa ittin bittu hinqabdu. Kanaaf re'ee kana bittee karaa fagoo deemuuf dirqamte.
"Konkolaataa Jiippii 4maatik (4matic) baay'een jaaladha, garuu maallaqa isa ittiin bitu hinqabu. Kanaaf 'kennaa xiqqaa kana yaa bituuf' jedheen ofiin mari'adhe" jedhu.
Konkolaataan '4maatik' jedhamuu gosa konkolaataa Mersedes jedhamuun beekamudha.
Harmee Piroomis kan ta'an Aadde Chinyeereen daldaltuu yemmuu ta'an nyaatafi dhugaatii dabalatee meeshaalee garagaraa gurguruun of jiraachisu.
Yeroo ammaattis hojiin daldalaa hojjechaa jiran hagas mara gaarii ta'uu baatus waadaa ilma isaaniif seenan dhugoomsuuf jecha osuma rakkatanuu re'ee ilma isaaniif kennan kana bitan.
Harmeen kun ilmisaanii wayita gara yunivarsiitii seenu waadaa tokko seenaniifii turan. Innis 'yoo garee kashlabbootaarraa of fageessitefi barnootakee osoo adda hinkutin xummurte sin badhaasa' kan jedhu ture. Piroomiisis wanta harmeensaa irraa eegan hunda raawwate.
Kanaafis haatisaa Naayiraa 120,000'n yookiin naannoo birrii kuma 13 baasuun re'ee bituun waadaa galan dhugoomsan.
"Wayitan gara qe'ee yunivarsiitichaa seenu, namoota sagalee olqabanii sirban dhagahufi ilmmikoo qormaata fixee yeroo bahutti gammachuusaa nuwalin akka qooddatu yeroon beeku onneenkoo ni gammadde" jedhan.
Harmeesaa walin hariiroo cimaa akka qabu kan himu Piroomis, "Haatikoo nama gaariidha. Wantin ani ishee dhoksu hinjiru. Isheenis yeroo waa murteessuuf rakkattu bilbiltee yaadakoo nagaafatti" jedheera.
Gama biraatiin mummee barnootaa Tekinoloojii Faarmaasitiyukaaliin digirii jalqabaasaa kan xummure Piroomis, ijoollummaasaarraa eegalee fedhii dhukkubsattoota gargaaruu akka qabu dubbata.
Ogeeyyiin fayyaa Naayijeeriyaa heddu carraawwan fooyyee barbaacha gara biyyoota birootti godaanuusaanii kan himu Piroomis, kunneen biyyattii keessatti hafanis haala ulfaataa keessatti hojjechaa akka jiran dubbata.
Haa ta'u malee inni biyyumasaa keessa turuun sirna fayyaa Naayijeeriyaa rakkoo heddu keessa jiru fooyyessuuf akka hojjetu himeera.
Ammatti bu'aa qormaataasaa eegaa kan jiru Piroomis, qabxii gaarii akka fidu abdii qabaachuu dubbata. "Namoota qabxii olaanaa galmeessisan 50 keessaa tokko akkan ta'u hinshakku" jedheera.
Naayijeeriyaa keessatti hammi barattoota barnoota sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanoo xummuranii 100 keessaa 11.3 qofa. Haa ta'u malee kun kan biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii walin yeroo madaalamu caalmaa qaba.
Kanaafis haati Piroomis ilmishee barnoota yunivarsiitii xummuree arguuf abdiin eegaa kan turan. Amma immoo harmeesaa gammachiisuun dabareesaa akka ta'e kan himu Piroomis, "Akka isheen na ajaa'ibsiiftetti anis ishee nan gammachiisa" jedheera.
Haata'u malee, Piroomis kennaa akka fedhee harmeesaaf osoo kenneeyyu kennaa isheen kenniteefin qixxaachuun ulfaataa ta'uu danda'a. Sababnisaas re'een magaalli isheen jaalalafi kutannoon bittee laatteef kennaa salphaa garuummoo kan namoonni kumaatamni gama miidiyaalee hawaasaan ilaalanii dinqisiifatan waan ta'eefi.