Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Dirree Dhawaa waliigalteen irra ga'ame maali?
Marii biyyaalessaa irratti dhimma magaalota federaalaa jedhamuun kanneen dhihaatan keessaa tokko magaalaa Dirree Dhawaati.
Kan biraan ammoo dhimma magaalaa Finfinneeti. Dhimmi magaalota lameenii akkaan falmisiisaa turus, kan Dirree Dhawaa garuu dhibdeen hagas mara osoo hin dhalatin waliigalteerra ga'amuu maddeen mariirra turan BBCtti himaniiru.
Marii mata duree magaalota federaalaa irratti hirmaataa kan jiran maddi eenyummaasaanii dhoksuun BBCtti dubbatan, dhimma Dirree Dhawaa irratti bakka bu'oota Naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee gidduutti mormii cimaatu ture jedhan.
Keessattuu naannoleen lameen gaaffii ''magaalattiin naaf malti'' jechuun dhiheessaniin falmii guddaan dhalachuu ibsan.
Haata'u malee dhimmi magaalaa Finfinnee bal'inaan falmisiisaa fi dhibdee kan uume ta'uunsaa dhimmi Dirree Dhawaa akka xiyyeeffannaa guddaa hin arganne taasiseera.
Dhimmi magaalaa Dirree Dhawaa jalqabuma akka ajandaa guddaa tokkootti kan dhihaateef, sabaa fi sab-lammoonni adda addaa kan keessa jiraatanii fi gaaffilee hedduun kan irratti ka'an waan turteef ta'uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibseera.
Komishanara olaanaa kan ta'an Pirofeesar Masfin Ar'aayaa ''jiraattota magaalattii irratti dabalataan jiraattonni iddoowwan biraas magaalattiin akka ajandaatti akka dhihaattu gaafataniiru,'' jechuun BBCtti himan.
Kana waan ta'eef ''wixineen yaadaa furmaata waaraa fiduu danda'u qaamolee hojiirra oolchaniif haa dhihaatu kan jedhuun'' magaalaa Finfinnee waliin akka ajandaatti akka dhihaattu murtaa'uu ibsan.
Dhimmi Dirree Dhawaa akka Finfinnee ta'uu baatus ''falmii fi wal dura dhaabbannaa cimaan tureera,'' jedhan maddi BBC'f yaada kennan.
Dhimma magaalota federaalaa irratti hirmaataa cimaa taasisaa jiraachuu kan himan maddi BBC kun ''Dirree Dhawaa irratti adda addummaan hagas mara hin turre. Waliigalteedhaan xumurameera jechuu dandeenya,'' jedhan.
Haata'u malee bakka buutonni Naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee ''kan keenya'' jechuun wal falmii cimaa keessa akka turan ibsan.
''Bakka buutonni Oromiyaa teessoo gosa Oromoo Afran Qallooti jechuun keenya jechuun falmatan. Warri Somaalee ammoo gosoota keenya Isaa fi Gurguraa jedhamantu as jiraataa turan jechuun falmaniiru.''
Haala ture wayita ibsan ''falmii akkaan fiixeetti ba'e ture. Garuu falmiin garee lamaan gidduutti hammaatee ture ejjennoo paartiin badhaadhinaa fudhateeni,'' jedhan.
Paartiin biyya bulchu yeroo yeroon miseensota isaa mariisisuun qajeelfama kennaafii akka ture ''odeeffannoo qabaachuu'' kan ibsan maddi kun, kanaan ''waliigaltee haaraa irra ga'an,'' jechuun akkaataa itti dhimmi kun gar tokkotti ba'e ibsan.
Kana hordofee ''falmii hedduun irratti hin gaggeeffamne,'' kan jedhan namni kun, dhimmi magaalattii garee namoota 250 irratti waliigalteerra ga'amuu himan.
Waliigalteen irra ga'ames ''itti waamamni magaalaa Dirree Dhawaa federaalaaf akka ta'u, jiraattota isheen akka bultu, mana murtii fi poolisii mataashee kan qabdu ta'uu,'' ibsan.
Akkasumas akkaataa bulchiinsi magaalattii itti qoqqoodamee ture, jechuunis dhibbeentaa 40 Oromoof, dhibbeentaa 40 Somaaleef, dhibbeentaa 20 ammoo magaalattiin kan bakka buufatteen akka ta'u murtaa'ee kan ture hafuun, bulchiinsa jiraattonni magaalattii filataniin akka bultu waliigalameera jedhan.
Dhimma Dirree Dhawaa irratti waliigalteen irra ga'ame kun ''adda addummaa yaadaa malee waliigaltee guutuun'' gara garee miseensota 500 of keessaa qabuutti darbeera jedhan maddi BBC'f yaada kennan kun.
Mariin biyyaalessaa erga eegalamee guyyaa soddoma caale kun amma gara xumuraatti dhihaachuu komishinichi ibseera.
Gareewwan saddeet hunda keessaa miseensonni ajandaawwan marii qaaccessan 15 yaadota dhihaatan gurmeessuun gara gareesaanii waliigalaa (500) dhiheessaniiru.
Gareen saddeet tokkoon tokkoonsaa miseensota 500 kan of keessaa qabu yoo ta'u miseensonni 15 gareewwan saddeet irraa walitti dhufan waliigalatti 120 ta'an Kamisa darbe irraa eegalanii ajandaawwan wixinee yaadaa dhagahuun kan irratti waliigalan dhiheessaniiru.