Dubartiin daa'ima baatii ja'aa ukaamsuun ajeeste hidhaa waggaa 25n adabamte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Shaashamanneetti dubartiin daa'ima umrii baatii ja'aa ajjeesuun yakkamtuu taate hidhaa waggaa 25n adabamuu Abbaan Alangaa bulchiinsa magaalattii BBCtti hime.

Manni Murtii Olaanaa magaalaa Shaashamannee ''yakka cimaa dhala namaa irratti raawwatame'' jechuun dubartii Hiwot Daani'eel jedhamtu kanarratti hidhaa cimaa murteessuu ibseera.

Abbaa Alangaa Itti Aanaa magaalaa Shaashamannee kan ta'an Obbo Waariyoo Qaasoo taateen kun kutaa magaalaa Haruufaa aanaa Haleeluu iddoo addaa Birhaan jedhamee beekamutti ALI 28,10, 2018 mudachuu himan.

Dubartiin adabbiin itti murtaa'e kun mana miidhamaa [abbaa daa'ima ajjeefamee Dammasaa Waaqoshee] hojjetaa kan turte ta'uu kan himan Obbo Waariyoon, ''taateen kun mudachuu dura dubartiin kun maatii sana waliin walitti mufattee turte,'' jedhan.

''Yakki kun kan mudate guyyaa keessaa (waaree booda) naannoo sa'atii kudhanii ta'a. Sababa waldhabbii maatii waliin qabduuf yakka kana raawwachuu odeeffannoon maatii fi galmee keessa jirus ni agarsiisa,'' jedhan.

Dubartiin daa'ima umrii ji'a ja'aa Naa'ol Dammasaa jedhamurratti yakka ajjeechaa raawwatte kun hanga waggaa sadii maatii kana bira jiraachaa akka turtee fi dhiheenya kana amallishee jijjiiramaa dhufuu maatiirra akka odeeffatan himan.

''Kutaa ciisichaa keessatti mormii ofii jalatti ukkaamsitee akka lubbuun daa'ima kanaa darbu goote.''

Obbo Waariyoon dubartiin kun wayita shakkamtee to'atamtetti yeroo jecha ishee kennitu, wayita bilbila bilbiltu daa'imi kun sagaleedhaan akka ishee hin jeeqneef jettee daa'ima ukkaamsuu dubbattee turte jedhan.

''Jaalallee kiyya waliin bilbila haasawaa ture. Yoo daa'imi ka'ee sagalee dhageessise haati dhageessee ol natti seentee bilbila haasawuu na dhorkiti waan ta'eef akka sagaleen daa'imichaa hin dhagahmneef uffata kiyyaan of jalatti qabe,'' jechuun jecha kennite jedhan.

Garuu dubartiin kun akkuma jettu kana dhuguma bilbila haasawuuf jecha osoo hin beekin daa'ima kana ukkaamsite moo beekaati kan jedhu adda baasuuf qorannoon gaggeeffamuu ibsan.

''Gareen qorannoo xalayaa dhaabbata Itiyoo telekoomitti barreesseen guyyaa fi sa'atii jedhame kanatti bilbila nama wajjin haasawaa akka hin turre qulqulleeffate,'' jedhan Obbo Waariyoo Qaasoo.

Ragaa kana dabalatee jecha ragaa maatii, haadha daa'imaa fi namoota ollaa irraa qindaa'een dubartiin kun akkuma jecha kennite daa'ima kana ukkaamsuu galmeen waan mirkaneesseef, keewwata 539/1 eeruun himannaan yakka cimaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaashamanneetti irratti dhihaate.

Qorannoo yakkaa irraa eegalanii hanga murteen darbutti dhimma kana hordofaa akka turan kan himan Abbaan Alangaa Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii magaalaa Shaashamannee Aadde Baliyyuu Yooseef daa'imichi harka dubartii kanaan du'uu akkamiin akka barame BBCtti himaniiru.

Dubartiin ajjeechaan yakkamtuu jedhamte umriinshee waggaa 20 gara jalqabaa ta'uun ibsame kun mana maatii miidhamaa hojjetaa turte keessatti maatii waliin dhibdee keessa akka turte eeran.

''Guyyaa taateen kun mudate ganama walitti bu'anii turan. Taateen kun ammoo waaree booda raawwate.''

Garuu dhibdeen kun kan sadarkaa hamaarra hin geenye waan tureef dubartiin kun hanga yakka kanaan himatamtutti manuma maatii kanaa turte.

''Guyyaa taateen kun mudatu haati daa'imaa ollaa turtee gara manaa deebi'uun kutaa biraa keessatti uffata geeddarataa turte. Dubartiin kun ammoo kutaa daa'imaatti seenuun ukkaamsitee erga ajjeestee booda ofumaaf iyyaa gadi baate,'' jedhan Aadde Baliyyuu Yooseef.

Jecha haadha daa'imaa irraa dhagahan wayita ibsan ''wayita kutaa daa'imaa seentu daa'mi bakka raffistee turte akka hin jirre,'' dubbachuu himan.

Maatiin rifaatuudhaan daa'ima mana yaalaa wayita geessan lubbuun keessa hin jiru.

''Yeroo sana hunduu rifannaa keessa ture. Isheenis [yakkamtuun] baayyee boo'aa waan turteef namni hin shakkine. Garuu daa'ima awwaalanii torban booda shakkuu eegalan.''

Akkaataan du'a daa'imaa fi taateen mudates kan daran isaan shakkisiise maatiin, akka qorannoon gaggeeffamu waajjira poolisiitti iyyatan.

''Dubartiin shakkamte kun wayita qoratamtu 'osoon silkii haasawuu akkana ukkaamsee na jalaa du'e' jetti. Jechashee kanarratti hundaa'uun guyyaa 15 booda reenfi ba'ee akka qoratamu goone,'' jedhan.

Qorannoon reenfaa (forensic investigation) sababni du'asaa ukkaamamuu ta'uu, kan raawwates dubartii kana ta'uu akka mirkaneesse himan.

Kunis ta'e jetteeti malee bilbilli yeroo sanatti bilbilameef tokkollee akka hin jirre waan mirkanaa'eef yakka cimaan himatamte jedhan Aadde Baliyyuu Yooseef.

Dubartiin kun boodarra wayita ragaan irratti qindaa'aa deemu maaliif akka yakka suukaneessaa kana raawwatte dubbachuu jalqabde jedhan.

''Haati daa'imaa ija gaariin na hin ilaaltu, na tuffatti, fuula natti jijjiirratti waan ta'eef aarii isheerraa kan ka'en ta'e jedhee raawwadhe,'' jechuu jalqabde jedhan.

Manni murichaas dhaddacha gaafa ALI 25,1,2019 ooleen keewwatuma abbaan alangaa himannaa bane jalatti hidhaa cimaa waggaa 25 itti murteesse jedhan Obbo Waariyoon.

Itoophiyaa, keessattuu magaalota, keessatti hojjettoota manaa fi namoota hojjechiifatan gidduutti yakkoonni adda addaa yeroo mudatan ni dhagahamu.

Dararaa qaamaa, yakka gudeeddii fi dhiittaa mirgaa hanga lubbuu dabarsuutti yakkoonni suukkannessoonni ni raawwatamu.

Magaalaan Shaashamannees kutaalee biyyattii yakkoota akkanaan keessummeessan keessaati.

Qondaalli dhimma daa'immanii fi dubartootaa magaalattii Aadde Baliyyuu Yooseef magaalasaanii keessatti yakka irra jireessaan kan raawwatu hojjettoota irratti ta'uu ibsan.

Baruma darbe dubartiin hojjettuu ishee umrii waggaa 13 taate reebdee ''baayyee dararte'' himatamtee hidhaa waggaa 13n adabamuu ibsan.

''Shamarree waggaa 17 tokkos hojjettoonni bishaan danfaa itti naqanii ajjeesaniiru. Kun hunduu taatee suukanneessaa hojjettoota irratti raawwatuudha.''

Garuu hojjettoonni maatii hojjetanirratti yakka raawwachuun darbee darbee ni mudata jedhan.

''Waggaa dheeraa dura dubartiin mana namaa hojjettu tokko maatii warra hojjettuuf jalaa daa'imman hanga sadii ta'an ajjeestee turte. Isheenis naannoo kibbaatii dhufte. Garuu baayyinaan yakki kan raawwatamu hojjettoota irratti.''

Aadde Baliyyuun akkaataa seera hojjetaa fi hojjechiisaa irratti rakkoon hubannoo akka biyyattiitti mul'atu Shaashamannees akka jiru ibsan.

Akka biyyattiitti labsiin 1178 jedhamu kan ALI bara 2012 ba'e qixa sirriin hojiitti hiikamuun rakkoo kanaaf furmaata kaa'uun akka barbaachisu eeran.

''Dallaa seera qabeessa hin taane, karaa namaa fi karaa seera qabeessummaansaa hin mirkanoofneen hojjettoota fudhachuutu jira. Isa kana seeraan deemsisuun barbaachisaadha.''

Magaalaa Shaashamanneetti namoonni bakka garaagaraatii dhufuun mana namaatti qacaramu kan jedhan Obbo Waariyoon gamasaaniin ''hedduunsaanii eenyummaasaanii dhoksanii kaan maqaa geeddaratanii waraqaa eenyummaa fudhachuun kan dhufaniidha,'' jedhan.

''Yeroo baayyee hojjettoonni magaalaa kanatti mana namaatti qacaraman naannoo Sidaamaa fi gara Walaayitaa kanarraa dhufu. Mucayyoon amma itti murtaa'e kunis naannoo Sidaamaarraa dhufte.''

Yakka hojjettoonni raawwataniif qofa osoo hin taane yakka isaanirrattis raawwatamuufillee ''karaa seera qabeessa ta'een, waraqaa eenyummaa seera qabeessa qabachuun dirqama'' jedhan.

''Yakka adda addaa kanneen akka gudeeddii, reebicha, ajjeechaan irratti raawwatama. Akkasumas umriinsaanii osoo hin ga'in qacaramuu danda'u. Kun hundi rakkoo nuti quba qabnu. Kana kan seera qabsiisuu jaarmiyaan osoo jiraatee.''

''Fakkeenyaaf maqaan mucayyoo amma adabbiin itti murtaa'e kanaa Hiwot ta'uu dhiisuu danda'a. Erga dhufanii booda maqaa jijjiirratanii waraqaa eenyummaa baafatu,'' jedhan Obbo Waariyoon.

Kanaan dura hojjettuun manaa tokko duutee wayita naannoo isheen irraa dhufte- Walaayitaa irraa eenyummaashee iyyaafannu ''nama akkasiiyyuu hin beeknu nuun jedhan,'' jedhan Obbo Waariyoon.

Kanaafuu hojjettoonni kunneen eenyummaasaanii dhoksanii mana namaa hojjechuun mataasaaniis, namoota kaanirrattis miidhaa qaba waan ta'eef seera qabeessa ta'uu qaba dhaamsa jedhu dabarsan.