Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US michuuwwan ishee jajjaboo Baha Jiddugaleessaa irraa gargaarsa waraanaa kutte
Bulchiinsi Tiraamp gargaarsa waraanaa michuuwwan jajjaboo Ameerikaa Giddu-galeessa Bahaa kan garee IS akka mo'attu gargaaranii fi yeroo ammaa haleellaa Iraan irratti raawwatamaa jiruuf tumsan addaan kutuuf karoorfataa jiraachuu maddeen dhimma kana beekan afur himan.
Ministeerri Ittisaa Ameerikaa walgahiiwwan dhiheenya kanaa keessatti hoggantoota naannoo Kurdistaan [of-bulchitu] ishee Iraaqitti akka himetti, bulchiinsi Ameerikaa waliigaltee dhumachaa jiru kan Peeshmaargaaf (humna nageenyaa kurd) irraa gargaarsa nageenyaa kennu haaromsuu akka hin feene beeksiseera.
BBC'n hoggantoota lama kanneen marii kana irratti hirmaatanii fi maddeen biroo lama kanneen dhimma kana itti dhiyeenyan beekan waliin dubbateera. Maddeen kunniin waa'ee marii kanaan dura gabaafamee hin beekne kana ibsuuf, maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.
Hoggantoonni Kurd gargaarsi maallaqaa kun adda cituun qaawwa aangoo akka uumuu fi Iraaniin caalaatti akka jajjabeessu sodaatu; Iraan erga Prezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Teehraan waliin waraana jalqabee as, misaayelootaa fi dironoota dhibbaan lakkaa'aman gara Kurdiistaan Iraaqitti furgugsitee jirti.
Gargaarsa nageenyaa Peeshmaargaaf kennamu dhaabuun michummaa yeroo dheeraa Iraaq keessaa qaban akka laaffisu xiinxaltoonni ni dubbatu, kunis Ameerikaan naannichaa keessatti michoota ishee deeggaruuf akka hin amanamne ergaa dabarsa.
"Ameerikaan Kurdoota dhiiga isaanii dhangalaasanii Ameerikaanonni galma isaanii Iraaqii fi Giddu-galeessa Bahaa keessatti akka milkeessan gargaaran gattee bahaa jirti," jedhan Yerevaan Sa'iid, Daarektarri Inisheetivii nagaa Kurdiistaan Yuunivarsiitii Ameerikaa.
"Kurdoonni eegumsa malee haala kanaan yoo saaxilaman, kun Iraan, Chaayinaa fi Raashiyaaf injifannoo guddaa ta'a."
Tiraamp marsaa pirezdaantummaa isa lammaffaa isaanii keessatti, waraana Ameerikaan Giddu-galeessa Bahaa keessaa qabdu hir'isuuf waadaa galeera. Garuu ofumaafuu waraana Iraan waliin jalqabe, waraanni kun Jimaata darbe ji'a jaha kan guute yoo ta'u, dhumti isaa ammallee hin gaaffii keessa jira.
Waliigalteen walhubannoo (MoU) Peentagoonii fi Mootummaa naannawa Kurdiistaan (KRG) j Fulbaana 30 akka dhumatu murtaa'eera, kunis guyyaa Ameerikaa fi biyyoonni biraa loltoota isaanii hafan Iraaq keessaa itti baasaniin walirra oola.
Loltoonni kunneen ba'uun isaanii duula waraanaa idil-addunyaa IS irratti godhame sirnaan kan xumuru yoo ta'u, duula kanaan Peeshmaargaan loltoota biyyoota garaagaraa waliin ta'uun to'annoo gareen jihaadisti kutaalee Iraaqii fi Siriyaa irratti qaban balleessuuf lolaniiru.
Buufanni waraanaa Ameerikaa biyyattii keessatti hafe tokkichii fi magaalaa guddoo Kurdiistaan Iraaq kan taate Irbiil keessatti argamu, erga loltoonni gamtaa biyyootaa ba'anii booda ji'a dhufu akka cufamu murtaa'eera.
Peeshmaargaan, kan loltoota gara 180,000 Kurdiistaan Iraaq keessaa qabu, bara baajataa 2026 keessa meeshaalee waraanaa, leenjii waraanaa fi kaffaltii jireenyaa addaaf dolaara miiliyoona 61 karaa sagantaa Peentagoon kan duula IS irraa argateera.
Peentagoon gaaffii baJataa bara 2027 keessatti gargaarsa nageenyaa garee kanaa guutummaatti adda kutuuf yaada dhiyeesseera. Ragaan inni dhiyeesses, erga IS mo'atamee booda maallaqichi gara dhimma biraaf ooluu qaba kan jedhudha. Ta'us, karoorri baasii kanaa falmii baajataa bal'aa Kongireesii keessatti godhamaa jiruun walqabatee addaan citee jira.
Gaaffiin kun Iraaq Kurdiistaan keessatti yaaddoo guddaa kan uume yoo ta'u, hoggantoonni naannichaa garuu Ameerikaan waliigaltee isaa dheeressuun dhiyeessii maallaqa kanaa ni haaromsiti jedhanii abdii jabaa qabu turan.
Sodaan kun kan caalaatti dabale yeroo Iraan haleellaa KRG irratti raawwattu cimsaa dhuftetti dha. Iraaniifi miliishiyoonni Iraaniin deeggaraman dhuma baatii Caamsaa akka qorannoo odeeffannoo dhiheenya argame kan Foundation for Defense of Democracies walitti qabetti haleellaa misaayelootaa fi diroonotaa 158 Iraaq Kurdiistaan keessatti raawwatanii jiru,
Haa ta'u malee, haleellaawwan kunneen garmalee dabalanis, mariiwwan dhiheenya hoggantoota Iraaqii fi Kurdiistaan waliin godhaman keessatti, maddeen dhimma kana quba qaban hedduun akka jedhanitti, hoggantoonni ministeera ittisaa Ameerikaa akka jedhanitti Ameerikaan waliigaltee wal hubannoo dheeressuuf karoora hin qabdu.
Peentaagoon waliigaltee walhubannoo jalqabaa kan Peeshmaargaaf gargaarsa waraanaa kennu bara 2016 keessa kan mallatteesse yoo ta'u, bara 2022 keessas haaromsee ture.
Akka madda Peentagoon akkamitti yaadaa akka jiru beeku tokkoo jedhutti murtoon dhumaa dhimma nageenyaa Ameerikaa fi Kurdiistaan ammallee qoratamaa jira.
Ameerikaan erga loltoonni ba'anii boodas Iraaqii fi Iraaq Kurdistaan keessatti deeggarsa nageenyaa gariin itti fufsiisuuf maloota adda addaa xiinxalaa jirti,
KRG'n yaada kennuu irraa of qusateera. Waayit haawus gaaffii BBC'n gaafateef Peentagoon kan eere yoo ta'u, achittis dubbi-himaan ministeerichaa ibsa ministeerichi walgahii Ministra Ittisaa Piit fi Muummicha Ministiraa Iraaq Alii al-Zaayidii waliin Adoolessaa keessa taasisan gabaabsutti qajeelcheera.
"Ameerikaan, Iraaqii fi michoonni Gamtaa biyyootaa ISIS mo'achuu keessatti milkaa'ina guddaa argamsiisaniiru, ammas Humnoonni Nageenyaa Iraaq, Peeshmaargaa fi humnoota nageenyaa Naannoo Kurdiistaan Iraaq biroo dabalatee, waraana farra shororkeessitootaa Iraaq keessaa ni dursu," jedha ibsichi.
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa BBC'tti akka himetti, ministeerichi loltoota baasuu fi ministirri muummee miliishiyoota shororkeessitootaa Iraaniin deeggaraman hiikkachiisuu fi birmadummaa Iraaq eegsisuurrarratti xiyyeeffateera.
Dhumachuun gargaarsa nageenyaa Peeshmaargaaf kennamuu kun, Ameerikaan qoonsilaa ishee addunyaa irraa isa guddaa ta'e Irbiil keessaa erga bantee waggaa tokko hin guunne keessatti ta'e.
Sirna eebba gamoo dolaara miiliyoona 800 bara darbe Mudde keessa taasifame irratti, qondaalli olaanaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayikil Riigaas, qoonsilaan kun "agarsiiftuu duudhaa hariiroo jabaa Ameerikaa fi Naannoo Kurdiistaan Iraaq gidduu jiruuti" jedhaniiru.
Mariiwwan dhiheenya dhimma eegumsa Kurdootaa irratti godhaman qaama marii bal'aa dhimma loltoota dhiheenyatti baasuu ilaalchisee Ameerikaa, mootummaa Iraaqii fi KRG gidduutti taasifamaa jiruuti.
Guyyaan sun waliigaltee bara 2024 gidduu Waashigitanii fi Baagdaaditti ta'eenkan murtaa'e yoo ta'u, kunis loltoota Ameerikaa duula IS irratti godhamu keessaa Iraaq keessatti hafan baasuufi.
Loltoonni duula Ameerikaa bara 2011tti Iraaq keessaa ba'anis, qaawwuma aangoo uumameen bara 2014tti ka'umsa IS'f sababa ta'een booda deebi'anii seenuun isaanii ni yaadatama.
Ameerikaan deeggarsa Peeshmaargaaf kennitu itti fufsiisuun dogoggora wal-fakkaataa irra deebi'uu oolfachuu dandeessi, jedhan ambaasaaddarri US Iraaqii fi Turkii Jeems Jifrii.
Bulchiinsi Tiraamp loltoonni Ameerikaa waggaa kudhan dura IS waraanuuf Iraaq seenan meeqa akka Iraaq keessatti hafan ifatti hin dubbanne.
Ogeeyyiin akka amananitti, baay'inni loltoota hafamanii 1,000 gadi yoo ta'u, kunis yeroo lola Iraaq isa garmalee guddaa ture keessa loltoota 170,000 turan irra baay'ee xiqqaa.
Walgahiiwwan dhiheenya nageenya Iraaq ilaalchisee godhaman keessatti Waayit haawus, Ministeera Ittisaa fi Ministeera Dhimma Alaa kan hammate yoo ta'u, Toom Baaraak dhimma Iraaq irratti sagalee Ameerikaa ta'uun hojjachaa jiru, akka maddeen afur jedhanitti.
Baaraak, michuu dhihoo Tiraamp, ambaasaddara Ameerikaa kan Turkii fi ergamaa addaa dhimma Iraaqii fi Siriyaati.
Bulchiinsi Tiraamp waliigaltee nageenyaa Iraaq waliin taasisuuf baay'ee fedha qabaachuu ifatti dubbateera.
Biyyoonni lamaan walgahiiwwan dhiheenya kanaa keessatti waliigaltee waraanaa danda'amu irratti mari'ataniiru, haa ta'u malee waliigalteen kun akkamitti akka caaseffamu ykn gaheen Naannoo Kurdiistaan Iraaq maal akka ta'u ammallee ifa miti.
Al-Zaayidiin daawwannaa ji'a darbe Waashigitanitti taasiseen loltoota baasuu kana akka milkaa'ina guddaatti leellise.
Al-Zaayidiin, kan ji'a Caamsaa keessa filatame, Waayit haawus keessatti Tiraamp waliin, akkasumas Hegseetii fi miseensota Kongireesii waliin argeera.
Onkololeessi 01 dhaloota guyyaa haaraa daandii ceumsa mootummaa Iraaq keessaaf bu'uura kaa'a, sababiin isaas Iraaq hiriira waraana alaa kamiyyuu irraa walaba ni taati," jedha ibsi waajjira Al-Zaayidii yeroo sana baase.
Loltoota baasuun kun saaxilamummaa loltoota Ameerikaa kanneen waraana kanaan dura qiyyaafannoo Iraan turan Giddu-galeessa Bahaa keessaa ni hir'isa, jedhu ogeeyyiin.
Teehraan buufatawwan Ameerikaa naannichaa guutuu keessatti argaman, buufata Irbiil keessaa dabalatee, haleelaa turte.
Haa ta'u malee, kun humna nageenyaa Peeshmaargaa fi naannolee biroo isaan eeguuf gargaaran dur caalaa saaxilamoo akka ta'an taasisa, jedhan hogganaan ittisaa Ameerikaa duraanii Jeeyisani Kaampibeel .
"Peeshmaargaan waraana Ameerikaa fi idil-addunyaa ISIS waliin godhamu keessatti sarara duraa turan," jedhan Kaampibeel, ogeessi Middle East Institute keessaa.
"Ameerikaa fuulduratti deemti yoo ta'e, kun Kurdoota dhiheenya kanaan xiyyeeffannoo haleellaa Iraan isa danda'amu kan caalaatti saaxilame gochuu danda'a."