Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Neeppaalitti balaan lolaa mudate lubbuu namoota 500 galaafate

Neeppaalitti balaan lolaa mudate lubbuu namoota 500 galaafate, Dhibbaan kan lakkaawaman immoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Guduunfaa

  • Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO
  • US guutummaa addunyaarratti viizaa kennuu yeroof dhaabde
  • Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii waliin irra ga'ame mana mareef dhiheesse
  • Neppaalitti balaa lolaa mudateen hanga amaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan
  • Lammiileen alaa balaa kanaan dhabaman 800 ta'u
  • Balaan kun kan uumame lolaa hamaan laga Himaaliyaatti yaa'uun erga lagicha garmalee guutee dambali'eeti
  • Lagichi yaa'a isaa keessaa bakkee ba'uun magaalotaa fi gaarreen liqimseera, laaqiin lagichi uume balaa guddaa qaqqabsiise
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaa waliin hariiroo dippiloomaasii deebisuun akka danda'amu Iraan ibsite

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ministara mummeefi ministara hajaa alaa Kataar waliin Teehraanitti haasaa taasisuun booda Ameerikaa waliin hariiroo dippiloomaasii gara iddoo duraatti deebisuun ''kan hin danda'amne miti'' jedhan.

    Argaachiin haasaa Sheek Mohaammad Biin Abduulraahimaan Biin Jaasim al Taanii waliin ''marii bu'aa qabeessa'' tahe akka taasisan miidiyaa hawaasaa X irratti barreessaniiru.

    ''Dippiloomaasii gara karaa sirrii deebisuun kan hin danda'amne miti. Kunis kan murtaa'u Ameerikaan qoqqobbiin akka hin hojjenne yeroo hubattu dha,'' jedhaniiru.

    ''Ameerikaan amantii qabaachuu, kabajaan dubbachuu, mirgoota keenya fudhachuufi waadaa seente raawwachuu qabdi,'' jechuun ministarri hajaa alaa kuni dubbataniiru.

    Muddama Ameerikaafi Iraan laaffisuuf Kataar tattaaffii gochuu yeroo itti fufteetti oduun kuni dhagahame.

    Yeroo Teehraan daawwatan Pireezidantii biyyattii Maasuud Peezeeshkiyaa, Araachii akkasumas af yaa'ii Mohaammad Baagaar fa'i argataniiru.

    Ameerikaa fi Iraan marii akka itti fufan haala mijataa uumuu akkasumas Ulaa Hormuuz keessa sarara dooniin itti darbu mijeessuu fi akkasumas naannicha fanjiirraa qullessuu fa'irratti dubbataniiru.

    Erga Ameerikaan Iraan haleeltee waraanni jalqabee as hogganaan Kataar Iraan daawwachuun kan jalqabaati.

  2. Tiraamp pireezidantoota Ameerikaa hogganan hundarra 'ani adda' jedhe

    Ejeennoo fi ergaa falmisiisaa miidiyaa hawaasaa irratti qooduun kan beekamu Donaald Tiraamp pireezidantoota hamma yoonaa Ameerikaa hogganan hunda akka caalan hime.

    Suuraa pireezidanttoota kanaan dura Ameerikaa hogganan 34 tahan tarreessuun ''hundaa ol'' jedhee of dhiyeessuun ijoo dubbii taheera.

    Miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa irratti ''hangafa, hangafootaa'' jedhee of kaa'uun pireezidantoota kaanin ammoo ''dadhabaa'' waan jedhu osoo hin hafiiin maqaa itti kennaniiru.

    Pireezidantoonni maqaan isaanii hin dhahamne gatii ''dadhaboo'' tahaniifi jechuunis dubbataniiru.

    Ameerikaa bara 1789 irraa qabee pireezidantoonni 47 wal furuun kan hogganan yoo tahu gabatee sadarkaa Tiraamp jala kan seenan garuu 34 qofa.

    Biyya fakkeenya demookiraasii jedhamtu hamma yoonaa dubartiin hoggantee hin beektu.

    Pireezidantoota duraanii Ameerikaa kutaa jahaan kan ramade yoo tahu inni ''hogganaa hunda ol'', kan ittaanan ''hogganaa guddaa'' kan hafa ''guddummaatti kan dhiyaatan,'' ''gidduugaleess'', gidduugaleessaa gadi'' fi ''dadhaboo'' jechuun isaan ramadaniiru.

    Tarre ''dadhaboo'' jedhu jala kan ramade pireezidantoota isa dura turan Baaraak Obaamaa fi Joo Baayidan akkasumas Jiimii Kaartar, Waaran Haardiing fa'a keessatti argamu.

  3. AbbaanTaayitaa Miidiyaa Itoophiyaa heyyama hojii Rooytarsi haaromse

    Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa hoggantoota Rooytarsi waliin erga marii'atee booda ji'oota jahaaf ugguramee kan ture heyyama hojii miidiyaa gaazexeessitoota Rooytarsi sadii haaromse.

    Daarektarri Olaantuun abbaa taayitichaa Haayimaanot Zallaqa, gulaaltuu olaantuu Rooyitars Niik Taatarii fi gulaaltuu Afrikaa Siilviyaa Alooyisii waliin marii taasisaniin, "Rooyitarsi ji'oota torban darban keessa qabiyyeewwan Itoophiyaa ilaalchisee tamsaase keessaa muraasni seera biyya keenyaa, labsii miidiyaalee fi faayidaa biyyaalessa biyya keenya kan faallessan akkasumas qajeelfama naamusaa ogummaa gaazexeessummaa kan hin hordofne ta'uu" jedhan.

    Gabaasaaleen yeroo dhiyoo miidiyichi Itoophiyaa ilaalchisee hojjete gariin "rakkoo madaalawummaa, amanamummaa fi qabatamummaa kan qaban" jechuu isaanii fuula miidiyaa hawaasaa abbaa taayitichaa irratti eerameera.

    Kana hordofee hogganoota Rooytarsi waliin sirreeffamni akka godhamu waliigalamuu ibsan.

    Hoggantoonni Rooytarsi gama isaaniin "Rooytarsi miidiyaa walabaa ta'uu ibsuun, gabaasaaleen madaalawoo, guutuu fi loogiirraa bilisa ta'anii akka hojjetamanii qajeelfama gullaalli jabaa akka hordofan" ibsuu isaanii ibsa abbaa taayitichaarraa kanaa eerame.

    "Dogoggoroota darbanii darbanii uumamaniif dhiifama gaafachuun sirreeffama akka godhan hubachiisan" jedha ibsi kun.

    Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa heyyama hojii ogeeyyii miidiyaa kanaa haaromsuu beeksise.

  4. DRC keessatti Iboolaa to'achuuf duulli talaallii eegalame

    Rippaablikiin Dimookiraatawa Koongoo weerara Iboolaa to'achuuf talaallii eegalte. Weerarri Iboolaa weerara dhibee isa hamaa biyyattii keessatti takkaa mul'atee hin beekne ta'uu himama.

    Duulli talaallii Iboolaa kun magaalaa Kisaangaanii, bulchiinsa Tishooppoo kan baha biyyattii keessatti argamtutti eegalame.

    Ogeeyyiin fayyaa fi namoonni weerara kana to'achuu keessatti hirmaatan dursa akka talaallii kana fudhatan ibsameera.

    Ministeerri Eegumsa Fayyaa Roojer Kaambaa talaalliin Erviiboo dursa hojjettoota fayyaa fi kanneen dhukkubsattoota waliin hariiroo qabaniif kennama jedhan.

    Weerarri Iboolaa bulchiinsawwan biyyattii jaha keessatti kan mul'ate akka ta'e ibsameera. Hanga Kibxataatti namoonni 5,713 qabamuun beekameera. Kanneen 2,744 ta'an immoo dhibee kanaan du'aniiru.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri kun ammallee akka hin to'atamin ibse. Hammi namoota dhibee kanaan du'uu malanii kan bara 2014 - 2016 keessa Afrikaa lixaatti mul'ate [11,000) akka caaluu danda'us tilmaameera.

    Talaallii kanaan wal qabatee qormaanni jira. Iboolaan amma DRC keessatti mul'ate sanyii vaayirasii Bundibugyo jedhama. Talaalliin Erviiboo jedhamu immoo sanyii biraa kan Zaayer keessatti mul'ate to'achuuf akka dandeessisu mirkanaaye kan ture.

    Ammatti talaalliin sanyii vaayirasii kanaaf addatti qophaaye hin jiru.

    Duulli talaallii kun iddoowwan 14 Tishooppoo, Baas Yu'eelee fi Haawut Yu'eelee fa'itti akka kennamu ibsameera.

  5. Tiraamp Haroon Ontaariyoo Haroo Ameerikaa akka jedhamu ajaja mallatteessan

    Pirezdantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ajaja Haroon Ontaariyoo maqaa Haroo Ameerikaatti akka jijjiiramu jedhu mallatteessan.

    Tarkaanfiin Donaald Tiraamp kun mariin Kaanaadaa fi Ameerikaa gidduutti godhamaa ture torbee darbe keessa gufachuu booda dhagahame. Ameerikaan oomishaalee Kaanaadaa galchiturra taarifa 50% keesseerti. Oomishaaleen Ameerikaarraa Kaanaadaa seenan gara dolaara bilyoona 20 ta'u.

    Tiraamp irra deddeebiin maqaa haroo kanaa akka jijjiiru dhaadachaa ture. Haroon kun haroowwan gurguddoo shanan US fi Kaanaadaa gidduutti argaman keessaa tokko.

    Akka ajaja Tiraamp mallatteessee kanaattii, ministirri dhimma biyya keessaa maqaa haaraa kana guyyoota 30 keessatti kuusaa ragaalee mootummaa kan iddoowwanii keessa akka galchu beeksise.

    Haa ta'uu malee Ministirri Muummee Kaanaadaa Maark Kaarney tarkaanfii Tiraamp kan mormanii jiru. Haroon Ontaariyoo seenaa waggoota 400 qaba jedhan.

    Kaarneey haroon kun Ontaariyoo jedhama, maquma kanaan yaamamuu itti fufa jedhan.

    Donaald Tiraamp kutaalee biyya namaa dabalatee maqaa iddoowwanii yoo jijjiiru kun kan jalqabaatii miti.

    Bara 2025, Galoogalaana Meeksikoo Galoogalaana Ameerikaa jechuun jijjiiree Meeksikoon fudhatama dhorkitee turte.

  6. Neeppaalitti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni du'an 475 gahan

    Neeppaalitti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni dhuman 475 gahaniiru. Dhibbaan kan lakkaawaman immoo achi buuteen isaanii dhabameera.

    Balaan lolaa guddaa biyyattii Roobii naannawa gaarrenii daangaa Neeppaalii fi Tibeet dhaqqabe hamaa ture.

    Tibeet keessatti namoonni sadi yoo du'an, 500 kan caalan immoo achi buuteen isaanii dhabame. Namoonni kunneen namoota Neepaal keessatti dhumanitti haa lakkaawamanii haa dhiisanii adda baasuun rakkiseera.

    Lubbu-baraartonni hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu itti fufan. Lolaan biraa naannichatti dabalee mudachuu akka danda'u sodaan uumameera.

    Waldaan Qaxxaamura Diimaa BBC'tti akka himetti akeekkachiisa gabaasa balaan lolaa dabalataa mudachuu danda'u akeekkachiifamuu isaatiin of eeggannoo olaanaa gochaa jiru.

    Hurki bishaanii daangaa Chaayinaa fi Neeppaal irratti kan uumame yoo ta'u, kunis lolaa dabalataa fiduu danda'a yaaddoo jedhu uumeera.

    Bulchitoonni naannichaa BBC-tti akka himanitti, dhoqqee fi sigigni dambalii bishaanii guddaa uumuun manneenii fi daandiiwwan mucuceessee balleeseera, akkasumas riqicha daangaa murteessaa Neeppaalii fi Tibeet walqunnamsiisu barbadeesseera.

    Naannoon kun waggaatti daawwattoota kumaatamaan lakkaa'amanin daawwatama. BBC'n firoottan namoota achi buuteen isaanii hin beekamne tokko tokko haasofsiiseera.

    Obboleeyyan dubaraa lama kanneen abbaa fi haati isaanii hin beekamne, "baay'ee isaan jaallanna, gara manaatti akka deebi'anis ni hawwina," jechuun abdii qaban ibsaniiru.

  7. Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO

    Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti mariin gaggeeffamuufi kan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamuu hordofee WBOn deebii kenne.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo fuula X irratti ibsa gabaabaa kaa'en, mariin mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeeffames ta'ee gaggeeffamuuf beellamni qabame akka hin jirre beeksise.

    "Mariin WBO fi Abiy Ahmed [mootummaa Itoophiyaa] gidduutti gaggeeffamaa jirus, karoorfames hin jiru," jechuun odeeffannoo sobaa deeggartoonni mootummaa facaasaa jiran ta'uu ibse.

    Waa'ee mariin qaamolee lamaan gidduutti taasifamuufi jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru ilaalchisee BBCn addatti mootummaa Itoophiyaas ta'ee Waraana Bilisummaa Oromoo irraa hin mirkaneeffanne.

    Mootummaan Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo marsaa lamaaf Tanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessaniis waliigalteerra osoo hin gahin hafuurraa kan ka'e waraanni humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti itti fufee jira.

    Oduu biroo kana waliin deeman:

  8. Gargaarsa hubannoon namtolcheen(AI)'n baqaqsanii yaaluun sammuu jalqabaa taasifame

    Dhukkubsataan addunyaa jalqabaa deeggarsa AI'dhaan wal'aansa baqaqsanii yaaluu sammuu taasifate.

    Riyaas Hibeert abbaa ijoollee lamaa lammii UK otoo wal'aansa kana hin taasifanne taheetii qaroosaa dhaba ture jedhe hakiimni Hospitaala Yunivarsiiti Kooleejii Landan.

    Meeshaan AI viidiyoo isaaf kenname xiinxaluun hakiimonni baqaqsanii yaaluu kanarratti hirmaatan akka isaan ujummoo dhiigaa dhokataa sammuu keessa jiru akka itti hin buune itti agarsiisaa gorsaa ture.

    Dhiitoo sammuu keessa ture hidda dhiigaa biraatti otoo hin bu'in akka baasan gargaareera.

    ''Gama dhukkubsataaf gargaarsa kennuun baayyee bu'aa qabeessa. Sababiin ammoo sammuu keessa mallattoon karaa sitti agarsiisu hin jiru,'' jedhe Hiibeert.

    Sammuun nama kanaa qoratamuun booda dhiitoo kaansarii hin qabne keessatti argameera.

    Akkuma ChatGPT meeshaan AI kuni viidiyoon sammuu nama dhukkubsataa itti kenname jennaan tokko, tokkoon adda baasee iddoo rakkoon jiru mallattoo kaa'uun hakiimota gargaare.

  9. Ameerikaan Baha Gidduugalaatti doonii waraanaa dabalataa bobbaasuufi

    Iraan waliin muddama keessa kan jirtu Ameerikaan, doonii guddaa miseensota waraanaa 5,000fi xayyaara baachuu danda'u USA Tiwoodor Roozveelt gara Baha Gidduugalaatti bobbaasuufi.

    Akka qondaaloti Ameerikaa beeksisanitti dooniin guddaa kuni torbee dhufu keessa gara naannichaatti kan deemu yoo tahu yoo xiqqaate ji'a torbaaf achi tura.

    Humni qilleensaa Ameerikaa dhiibbaa waraana Iraaniifi miseensota qarqara galaanaa Faarsi irratti bobba'anii turani irraan kan ka'e qeeqni irratti dhiyaachaa ture

    Baha Giduugalaatti yeroo isaaf kaa'ame guyyaa 250 ol kan turan miseensoti doonii waraanaa USA Abirahaam Liinkan qondaalota Ameerikaan qeeqamaa jiru.

    Yeroon turtii miseensota waraanaa kuni dheereffamuun fayyaa isaanii irratti rakkoo uumuu akkasumas rakkoon dhiyeessi mudateeni akka ture ibsameera. Sababa kanaan yaaliin lubbuu ofii baasuu fa'a akka ture gabaafameera.

  10. Tiraamp hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii du'eera jedhamuu akka hin amanne dubbate

    Du'a abbaasaanii hordofeee hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii iddoon jiran waan hin beekamneef du'aniiru jedhamuun dubbii hafarfamu akka hin amanne Tiraamp dubbate.

    Haasaa bilbilaan taasisaniin Mojtaabaan ''du'eera jedhee hin yaadu,'' garuu miidhaan hamaan irra gahuu akka danda'u akeekeera.

    ''Qaamnisaa gara bitaa, harkisaa, millisaa miidhaan jabaa irra gaheera. Garuu du'eera jedhee hin yaadu,'' jedhaniiru.

    Bakka buutonni Iraan marii dhukaasa dhaabuu irratti hirmaachaa turan fudhatama kan hin qabne tahuu himuun Iraan keessa waanti fe'e mudachuu danda'a jedheera.

    Waraana Iraan waliin godhamuun mo'achuuf abdii qaba yoo taheef gaafatamee ''humni maallaqaa qabnu guddaa dha. Kuni gara injifannoo guddaatti nu qajeelcha,'' jedhe.

    Ministeerri maallaqaa Ameerikaa qoqqobbii Iraan irra jiru jabeessuuf duula haaraa eegaluu beeksiseera.

    Iraan irratti qoqqobbii diinagdee jabaa taasisuun mootummaa kuffisuuf tarkaanfii akka fudhatu himeera.

    Ameerikaan qoqqobbii diinagdee Iraan irra kaa'uutti deebiteetti, qoqqobbiin kuni michoota Iraan birallee gahuu danda'an.

  11. Biyyoonni lixaa adeemsa marii nagaa Kaaba Itoophiyaa akka tumsan ibsan

    Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.

    Biyootni kunneen naannoo Tigraayi kan gogiinsa hamaadhaan miidhametti lolli ka'uun uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaa' akka ta'u akeekkachiisan.

    Dipilomaatonni biyyoota kunneenii Itoophiyaatti argaman kana kan jedhan Roobii darbe ibsa waloo baasaniini.

    Biyyoota Awurooppaa ibsa kanarratti hirmaatan keessaa Faransaayi, Xaaliyaanii, Jarmanii, Beeljiyeemii fi Ispeen keessatti argamu.

    Biyyootni kunneen haala kaabaa Itoophiyaa 'yaaaddoo guddaadhaan' hordofaa akka jiran ibsan.

  12. Pirezidant Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Kongiresiif dhiheesse

    Bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Arabiyaa waliin irra ga'anii turan Kongiresiif dhiheesseera.

    Waliigalteen kun Kongiresiitti dhihaachuunsaa dhimmi kun Seera Anniisaa Atoomawaa Ameerikaan akka gamaaggamni irratti eegalamu taasisa.

    Biyyoonni lameen wayita waliigaltee kana mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

    Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

    Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.

    Kanaafuu qaamni dhimma kana harkaa qabu- Dippaartimantiin Anniisaa US, waliigaltee kanatti sagaleen akka kennamuuf Kongiresiitti dhiheessa.

    Akkaataa seera Anniisaa Atoomawaa 1946 tumameen waliigalteen akkanaa erga Kongiresiitti dabarfamee booda ji'a sadi keessatti ragga'uu qaba.

    Kongiresiin waliigaltee kana kuffisuus raggaasisuus danda'a.

    Dhimmi waliigaltee nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa bara bulchiinsa Tiraamp kana kan eegale osoo hin taane, bara bulchiinsa Pirezidantota duraaniis tureera.

    Waa'ee waliigaltee kanaa guutummaatti hubachuuf:

  13. Balaa lolaa Neppaal irratti odeeffannoo hanga ammaa jiru

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaatti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamni dhabamaniiru.

    Lagi Himaaliyaa bakkee keessa dambali'uun balaa mudate kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu bal'inaan hojjetamaa jira.

    Balaan kun Neppaal fi Tibet keessatti sigiga lafaa uumeera. Laaqiin ykn dhoqqeen mudates uummata balaaf saaxileera.

    Balaa kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 165 du'uu Dhaabbati To'annoo fi Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Neppaal ibseera.

    Tuuristoota 800 dabalatee namoonni 1,500 ta'an dhabamuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Humni waraanaa Neppaal loltoota 2,000 hojii lubbuu baraaruuf bobbaaseera.

  14. Balaa lolaa Neppaaliin hanga ammaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaa keessatti mudateen hanga namoonni 1,500 ta'an dhabamuu fi kanneen keessaa 800 kan ta'an lammiilee alaa ta'uu aanga'oonni ibsaniiru.

    Balaan kun lolaa hamaa mudateen lagi Himaaliyaa guutee dambali'uun kan mudate yoo ta'u, maagalonni fi gaarreen laaqiidhaan liqimfamaniiru.

    Ogeeyyiin balfii fi caccabaan gamoowwanii fi manneenii naannawa laga kanaatti kuufamee jiru ammas balaa biraa uumuu danda'a jechuun akeekkachiisan.

    Ameerikaa, Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi Indiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

    Lubbuu baraartonni fi loltoonni Neppaal ujummoo fi bo'oowwan keessaa reenfa namootaa akkasumas namoota lubbuun oolan baasaa jiru.

  15. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Balaan lolaa Neppaal fi Chaayinaa mudate balaa guddaa qaqqabsiiseera.

    Lubbuun namoota hedduus darbeera. Hanga ammaa namoonni 1,500 ta'an dhabamaniiru.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota biroo addunyaa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Odeessaalee qixeessine tamsaasa kallattii armaan duraa irraa argachuuf kana fayyadamaa!