Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkii, Sa'ud Arabiyaafi Paakistaan humna 'NATO biyyoota Musiliimaa' hundeessaa jiruu?
Tarkii, Sa'ud Arabiyaafi Paakistaan waliigaltee ittisaa 'Waliigaltee Makkaa' jedhamu erga waliif mallatteessanii torbee tokkoo ol lakkoofsiseera.
Namoonni tokko tokko waliigaltee biyyoota sadeenii kana "Waliigaltee Sunnii" akkasumas "NATO Musliimaa" jechuun waamaa jiru.
Waliigalteen kun biyyoota akka Iraanfi Israa'eliif akeekkachiisa akka ta'e kunneen kaasanis jiru.
Namoonni kaan immoo biyyoonni kunneen hirkattummaa nageenyaa Yunaayitid Isteetis irratti qaban hir'isuuf fedhii qabaachuusaanii agarsiisa jechaa jiru.
Haata'u malee, qabiyyeen waliigaltee kanaa ifatti ummataaf kan hingadhiifamne ta'uusaatiin tilmaamawwan garagaraa asiifi achii dubbatamaa jiru.
Qeeqxonnis biyyoonni sadeen daangaa waloo hinqooddatan, fedhiin biyyaalessaaisaaniis walfakkaataa miti jechaa jiru.
Garuu dhimmoonni waa'ee waliigaltichaa hanga ammaatti beeknu maalfaadha? Waliigaltichi akkamiin ilaalamaa jira?
'NATO Musliimaa'?
Ka'umsi Waliigaltee Makkaa walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaafi waraana US-Israa'el- Iraan akka ta'an xinxaltoonni tokko tokko himu.
Akka waliigaltee kanaatti biyyoota sadeen keessaa isa tokkorratti haleellaan yoo raawwatame akka biyyoota sadeenirratti raawwatametti fudhatama. Kunis keeyyata 5ffaa NATO kan ittisa waloo ilaallatuu waliin 'kan walfakkaatu' akka ta'e Ministirri Dhimma Alaa Tarkii, Hakan Fidan himaniiru.
Haata'u malee, xinxaltoonni tokko tokko, waliigalteen kun hanga qabatamaan hojiirra oolee mul'atutti akka "agarsiistuu fedhiitti" malee akka kutannoofi waadaa walirra loluu biyyoota NATO'tti ilaalamuu hinqabu jedhu.
Yunivarsiitii Kadir Has'tti barsiisaa mummee barnootaa Hariiroo Idil Addunyaa kan ta'an pirofeesar Serhaat Guveench, "hanga barreeffama waliigaltichaa agarrutti waliigaltichi akkamiin hojiirra oola kan jedhu tilmaamaaf banaa akka ta'etti tura" jedhu.
Kana malees, NATO keessatti Yunaayitid Isteetis yeroo dheeraaf olaantummaa gumaacha maallaqaafi meeshaa waraanaa akka qabdu kan himan pirofeesarichi, Waliigalteen Makkaa garuu waliigaltee biyyoota 'walgitan' gidduutti taasifame ta'uu dubbatu.
"Kunimmoo gaaridhas, badaadhas" kan jedhan pirofeesar Serhaat, "sababnisaas waa hunda mariidhaan raawwatu, garuummoo biyyoonni kunneen dursa kan kennan birmadummaa biyyaalessaa ofiifi" jedhu.
Yaada kanatti kan waliigalanfi Atilaantik Kaawunsil keessa kan hojjetan Aliissan Maayinar, "biyyoonni sadeen fedhiifi tarsiimoo jijijjiiramufi al tokko tokkommoo faallaa ta'e qabaachuusaaniitin carraan gamtaan kun akka NATO'tti rakkoolee garagaraaf deebii waraanaa qindaa'aa ta'e itti kennuf qabu gadi aanaadha" jechuun BBC Urdutti himan.
Kanaafis waliigalteen ittisaa kun gara michummaa waraanaa amansiisaa ta'etti ni ce'aa kan jedhu dhimma gaafii keessa jirudha.
Waliigaltichi Iraan irratti xiyyeeffataa?
Xinxaltoonni tokko tokko Waliigalteen Makkaa waldhibdee Baha Giddugaleessaafi waraana US- Israa'el- Iraan ka'umsa kan godhate ta'uu himu.
Tarkiifi Paakistaan biyyoota musliimonni Sunnii baay'inaan keessa jiraatanfi Iraan daangessan ta'uunsaanii akkasumas Saawudi Arabiyaan immoo biyya naannichatti Iraan morkattu ta'uusheetiin waliigaltichi keessattuu Iraan keessatti adeemsa Iraan marsuu akka ta'etti ilaalamaa jira.
Haata'u malee, adeemsi waliigaltee kana mallatteessuu walitti bu'iinsifi muddamni naannichaa osoo hin eegalin dura Mudde 2024 keessa kan eegalame akka ta'e angawaan Tarkii himu.
Ministirri Dhimma Alaafi Ministirri Mummee Itti Aanaan Paakistaan, Ishaaq Daaris immoo waliigaltichi biyya kamirrattuu kan xiyyeeffate akka hintaane dubbatan.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'il Baaghayi immoo, "waliigalteen kun Iraanirratti kan xiyyeeffatedha jedhanii yaadda'uuf sababni hoomtuu hinjiru" jechuun ibsa miidiyaarratti dubbatan.
Sirumaayyuu waliigalteen kun "Biyyoonni sadeen nageenyaa isaaniif US irratti akka hin hirkanne hubachuusaanii" kan agarsiisu akka ta'e himan.
Waliigaltichi eenyuun caalmaatti fayyada?
Biyyoonni Waliigaltee Makkaa waliif mallatteessan sadan: Tarkii, Paakistaanfi Saawudi Arabiyaan waliigalticharraa fayyadamoo ni ta'u.
Kana malees biyyoonni sadanuu ciminoota garagaraa waan qabaniif ciminootasaanii gamtichaaf gumaachu.
Haaluma kanaan Saawudi Arabiyaan biyya dandeettii diinagdee cimaafi maallaqa qabdudha. Kana malees biyyattiin dhiibbaa diplomaasii cimaafi qabeenya boba'aas qabdi.
Haa ta'u malee misaa'elotafi dirooniiwwan Iraan akkasumas haleellaawwan hidhattoota Huutiifi jeeqamuu daandiiwwan galaanarraan kan ka'e yaaddoon biyyattii dabalaa jira.
Kanaafis Saawudin biyya Waliigaltee Makkaarraa yeroo dhiyootti caalmaatti fayyadamtuu ta'uu akka dandeessu Inistitiyuutii Qorannoo Siyaasaa Istaanbul keessa kan hojjetan Rikaardoo Gaaskoo himu.
"Tekinoloojiin Tarkiifi muuxxannoon waraanaafi tarsiimoo Paakistaan" walitti dhufuun humna ittisaa cimaa uumuu akka danda'an amantaa qabaachuu dubbatu.
Gama biraatiin humna waraanaa cimaa kan qabdu Tarkiin miseensa NATO yemmuu taatu, biyya gama teessuma lafaanis ta'e diplomaasiin NATO fi biyyoota Baha Giddugaleessaa walitti fiddu ta'uu barbaaddi.
Kana malees waliigalteen kun omishafi al-ergii meeshaalee waraanaasheef carraa haaraa kan uumu akka ta'ettis ilaalti.
Paakistaanis biyya human waraanaa cimaa qabdu yemmuu taatu biyyoota sadeen keessaa meeshaa waraanaa niwukilaraa kan hidhates ishee qofa.
Giddugala Qorannoofi Barnoota Islaamaa Kiing Faayisal keessa kan hojjetan Omaar Kariim, waliigalteen kun shoora Paakistaan Baha Giddugaleessaa keessatti qabdu kan guddisu akkasumas tumsa Saawudi Arabiyaa walin taasistuunis faayidaa diinagdeefi ittisaa argachuu akka dandeessu himu.
Aliissan Maayinar akka jedhanitti garuu faayidaan guddaan biyyoonni sadeen waliigaltee kanarraa buufatan faayidaa walooti.
Michummaan kun biyyoonni sadeen ergaa siyaasaa cimaa akka dabarfatan taasisa, humna diplomaasii isaanii ni dabala akkasumas faayidaa tarsiiimoo akka argatanis taasisa jedhaniiru.
Gamtaan kun fulduratti maal fakkaachuu danda'a?
Pirezidaantiin Tarkii kan ta'an Rajiip Taayip Erdogaan, "mul'anni keenya biyyoota sadeen qofaan itti fufuu osoo hintaanee caalmaatti guddachuufi yoo danda'ame biyyoonni naannichaa hundi dibaabee kana jalatti walitti akka dhufaniifi" jedhan.
Masriin biyyoota sadeen waliin waliigaltee walgargarsaa kan qabdu yemmuu ta'u, miseensa Waliigaltee Makkaa akka taatu eegamee turus miseensa hintaane.
Ministirri Dhimma Alaa Tarkii Hakan Fidan, Masriin "michuu uumamaati" jechuun biyyattiin adeemsa keessa waliigaltichatti makamuu akka dandeessu himaniiru. Ministira Dhimma Alaa Masrii kan ta'an Baadir Abdelatii immoo biyyisaanii waliigalticha "ofeeggannoo cimaan" qorachaa jirtii jedhan.
Chaataam Haawus (Chatham House) keessa kan hojjetan Ahimad Aboudouh gama isaaniitin, Masriin hariiroonshee biyyoota biyyoota biroo walin qabdu akka hin miidhamneef jecha gamtaa biyyootaatti makamuurratti ofeeggannoo cimaa taasisaa turteerti jedhan.
Waliigaltee Makkaatti dabalamuufis dhiibbaa inni hariiroo biyyoota akka Iraan, Israa'el, UAE, Giriik, Saayipiras fi Hindii waliin qabdurratti qabaatu akka xiinxaltu himaniiru.
Haa ta'u malee biyyoonni waliigalticha mallatteessan sadeenis rakkoo waliigaltichi qabaachuu malu inuma hubatu.
Kanaafis hariiroo biyyoota Baha Giddugaleessaa biroo walin qaban ofeeggannoon hoogganuuf yaaluunsaanii hin oolu.