Boraatiin mijataan kan akkamiiti? Gorsi ogeessaa kunooti

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo imaltan, namoota boraatii bobaa jala ykn morma irra kaa'atanii buufata xiyyaaraa keessa shaanxaa isaanii harkisaa deeman argitanii beektu ta'a. Tarii isin isaan keessaa tokko ta'uu dandeessu.
"Ani namoota akkasii keessaa tokko," jedhu ogeessi fayyaa qaamaa olaanaa, Dr. Kiriis Makaartiin. "Bakka deemu hundatti boraatii koo qabadhee deema."
Boraatiin hamtuun dhukkubbii mormaa fiduu akka danda'u ogeessi kun ni beeka. Yeroo biyya biraa deemu boraatii isaa fudhatee hin deemu.
Garuu akkuma hoteela ga'een boraatiiwwan isaa "sirreessuu fi qindeessuu" jalqaba. Muuxannoo qabu irraa kan ka'e, boraatii baay'ee mijataa hin fakkaannes hirriibaaf mijataa gochuuf mala qorate qaba.
Boraatii siif mijatu filachuuf qajeelfamni isaa kunooti.
Ati yeroo raftu akkamiin ciista — cinaachaan, dugdaan moo garaadhaan?
Mana Barumsaa Fiiziyooteraapii Maanchistar keessatti piroofeesara gargaaraa kan ta'an Makaartiin boraatiin sirrii ta'e kallattii ittii ciiftan irratti hundaa'a jedhu.
Podcast BBC 'Sliced Bread' irratti akka himanitti namoonni baay'een gosa kallatii ciisichaa sadii keessaa tokkotti ramadamu jedhu: warra cinaachaan rafu, kan dugdaanii fi garaadhaan rafan.
Makaartiin Garaadhaan yookan fuulduraan rafuun mormi kallattii tokko qofaan yeroo dheeraa akka turu waan godhuuf hin gorsan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Dhumarratti maashaan ykn hidhaan tokko diriirfamee xiqqoo miidhamuu danda'a," jedhu. "Wanti tokko kan ogeeyyiin fiiziyooteraapii dhukkubbii lafee dugdaa yaalan irratti waliigalan, inni tokko, 'garaadhaan hin rafin' kan jedhu dha."
Namoonni dugdaan rafan yeroo boraatii filatan, lafee dugdaa isaanii ilaaluu qabu. Akkuma umuriin namaa dabalaa deemu uumamaan dhooqqni lafee dabalaa deema.
"Yoo dhooqqni dugdaa keessanii guddaa ta'e, nama dugdi isaa baay'ee diriiraa ta'e caalaa boraatii xiqqoo furdaa ta'e isin barbaachisa," jechuun Makaartiin dubbata.
Namoota cinaachaan rafaniif, safartuun ijoo bal'ina gurmuu isaaniiti. Akka waliigalaatti, namni hammam bal'aa ta'e, boraatiin isaas hammuma sana furdaa ta'uu qaba. Garuu firaashaa keessanis ilaaluu qabdu.
Namoonni dugdaan rafan yeroo boraatii filatan, akkaataa umrii isaaniitiin waan lafee dugdaa isanii utuubu akka fayyadaman gorsu.
Namootni dugdi isaanii dhooqa guddaa qabu warra dugdi isaanii diriiraa ta'e waliin yoo ilaalamu boraatii xiqqaa fayyadamuu qabu jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Firaashiin keessan hangam lallaafaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Akka Makaantiin jedhanitti hammeentaan boraatii ati fayyadamtuu firaashiin keessan yeroo irra ciiftan hangam akka gadi seenu waliinis walqabata.
"Yoo firaasha lallaafaa irra raftan ta'e, boraatii xiqqaatu sin barbaachisa. Sababni isaas gurmuun keessan gara Firaashaatti gadi seena waan ta'eefi" jedhu.
Kuni garuu warra cinaachaan rafu waliin walbira yoo qabamu xiqqaadha. warri dugdaan rafu firaasha keessa hanga warra cinaachaan rafuu gadi hin seenan.
Yoo boraatiin keessan haphii fi qal'aa ta'e ammoo ansoolaa dadachaasuudhaan itti dabaluun olka'iinsa isaa fooyyessuun akka danda'amus gorsu.
Boraatii akkamiitti dansa?
Boraatii ilaalchisee beeksisoonni nama hawwatantu dhagahama. Garuu bu'aa qabeessummaan isaanii guutummaatti akka hin mirkanoofne Maakaartii dubbata.
"Fuula duraan boraatii xiqqoo olka'aa ta'e qabaachuun, kan naannoo mormaatti seenu... [namoota cinaa cinaa rafan] gargaara kan jedhu ragaalee muraasatu jira"
Fuula duraan boraatiin olka'aan akka gaariitti akka hirribni sifudhatu godha yoo ta'e, fooxaa dachaasanii boraatii jalaan itti dabaluun nidanda'ama jedhu.
Namoonni cinaachaan rafan, bakka yeroo rafan dugda isaanii qajeelaa taasisu akka filataniis dhaama.
Namoota dugdaan ciisaniif, oomishtoonni tokko tokko boraatii gidduutti dhooqee cinaachaan ol kaafamee jiru beeksisu. Namoota haala hirribaa gaarii keessa galcha jedha Maakaartiin, dhukkubsattoonni isaa tokko tokko garuu hedduu akka hin mijanneefis dubbata.
Namni mataa guddaa fi ulfaataa qabus boraatii furdaa fi jabaa ta'e barbaada jechuun itti dabalu.
Boraatiin baallee moo foomii irraa hojjetame?

Madda suuraa, Getty Images
Makaantiin akka jedhutti boraatiin baallee irraa hojjetame hoo'ina ofirraa kan ittisan waan ta'eef halkan hoo'a qabu keessatti qabbanaan akka rafataniif gargaara.
Garuu halkan yeroo irra rafamu boca isaanii jijjiiru danda'u. yoo namni rafu suni halkan baayyee gaggaragara ta'emmoo cinaa siree tokkotti walitti qabamuus danda'a.
"galgala yeroo raftan kan bareeda tureefi hirriibni gaariin akka sinfudhatuuf isin gargaare dhumarratti tajaajilasaa dhiisee mormi keessan jalattee buluu danda'a" jedhu.
Boraatiiwwan faayiberii fi maayikiroo faayiberii irra ahojetamen ammoo boca isaanii eeganii turuu danda'u garuu hoo'ina hin ittisan.
Makaantiin Boraatii isaa kan karaa qilleensi keessa socho'u qabu waggoota shaniin dura Yuuroo 50 bite. Akka nama cinaachaan rafu tokkootti dheerinasaa fi olka'iinsasaa fooxxaa dadachaasee jala godhuun sirreeffata.
Akka inni jedhutti, hirriiba nagaa rafuudhaaf boraatii mijataa filachuun haalan murteessaadha.
"Boraatiin bifti tokkichi nama hundaaf mijataadha jedhamu hin jiru. Akka siif ta'utti ilaaltee filachuu qabda" jedhu.


























