Suuraan: Kirkira lafaa cimaa Iraanii fi Iraaq keessatti

Maxxanfame

Kirkira lafaa maagnitiyuudii 7.3 daangaa biyyoota lameen kana rukuten namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Jiraattoonni abidda marsanii taa'aa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Hammi balaa daangaa Iraan-Iraaq ifatti kan beekame Wiixata erga aduun baate booda
Gamoo jijjige, kaawuntii Saarpol-e Zahab, Iraan keessa
Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.3 qabu kun bara 2017 kana keessatti hanga yoonaa isa hammaataadha.
Namichi wayita bo'aa jiru kaawuntii Saarpol-e Zahab, Iraan keessa
Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoofsi namootaa du'anii dhibbatti lakkaa'amuu kan eegale, balaan kun Dilbata galgala dhaqqabee sa'aa muraasaan booda
Uummata Iraaniifi miseensota raayyaa biyyaa gamoo jijjige keessa dhaabbatanii
Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa kun magaalaa Saarpol-e Zahaab, kutaa biyyaa Kermaanshaah keessatti balaa guddoo dhaqqabsiise.
Gamoo Saarpol-e Zahaab keessatti
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan hedduun Saarpol-e Zahaab keessatti argaman utubaa duwwaatti hafaniiru
Saarpol-e Zahaabitti maatiin kunneen nama jalaa du'e itti siqanii ilaaluuf fedhan
Ibsa waa'ee suuraa, Saarpol-e Zahaabitti maatiin kunneen nama jalaa du'e itti siqanii ilaaluuf fedhan
People react following an earthquake in Sarpol-e Zahab county in Kermanshah, Iran November 13, 2017 Dubartoonni wayita bo'an, Saarpol-e Zahaabitti. Sadaasa 13, 2017
Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuun hoollannaa kanaa kaaba-baha Iraaq haa ta'u malee, biyyattiin ollaa Iraan guddoo miidhamte
Dhagaan gurguddoon daandiirra jijjigan.
Ibsa waa'ee suuraa, Dhagaan gurguddoon daandiirra jijjigan. Daandiin kunis Hidha Darbandikhan, kaaba Iraaq dhiheenyatti kan argamudha.
Masjiidni kutaa biyyaa Diyaalaa, baha Baagdaad keessatti argamu kun haalaan miidhame
Ibsa waa'ee suuraa, Masjiidni kutaa biyyaa Diyaalaa, baha Baagdaad keessatti argamu kun haalaan miidhame