Abidda Kaaba Kaalifoorniyaa suuraadhaan yoo mil'atu

Maxxanfame

Fakkiin Kaalifoorniyaa abiddi Kawuntii Waayinii duguugee gubeen; yoo xiqqaatee namoonni 10 du'aniiru.

Duumeeessi aara kanaa abda hamaa ollaaatti argamtu Saantaa Roosaa, Kaalifoorniyaa wayita barbadeesse. Onkoloolessa 9, 2017.
Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajilli farra abidda biyyattii Naapaal, Sonoomaa fi Yuubaa dabalatee Kaawuntii sagal keessaa bakka 15tti abida ka'ee dhaamsuuf tattaaffi godha turan.
Suuraa nama mana isaa oolfachuuf tataafachaa jiruu har'aba abiddaa giduudhaa kaafame.
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni tokkoo tokko mana jireenyaa isaanii abidda lafa hektaara 28,000 bal'atu gube kana irra hambifachuuf baay'ee yaalanii turan.
Arr'bni abiddichaa kun qilleensaan oofamuun kallattii addaa addaatti babal'achuun naannoo Naapaa, Kaalifoorniyaa naannoo gaara gubaagahee guyyaa Onkoloolessa 9.
Ibsa waa'ee suuraa, Naapaa, Soonoomaa fi Yuubaan, Kaalifoorniyaa naannoo oomisha Waayiniitiin baay'ee kan beekaman yoo ta'u Kaaba Saan Firaansiiskoo keessatti argamu.
Abiddi naannoo waayiniin beekamtuu Naapaa wayita gubatee, suuraa konkolaataa fe'uumsaa gubachaa jiruu kan agarsiisuudha. Abiddii hamaan kun qilleensaan oofamuun naannoo sana gubuu itti fufee jira.
Ibsa waa'ee suuraa, Yoo xiqaatee manni 1,500 gubateera, qabeenyaa baayyeenis barbadaa'era.
Xiyyaarri DC 10 jedhamuun gafa Onkoloolessa 9 keemikaalli ibidda irratti bittinfamaa ture bifa burtukaana kan qabudha.
Ibsa waa'ee suuraa, Abidda kana dhaamsuuf keemikaalli gargaaru xiyyaaraan gadi itti bittinfamaa ture.
Gileen Eeleen erga abiddi hamaan kun Kaalifoorniyaa keessa gubaa darbe booda, marga akka tasaa ta'e hingubatiin hafe loon yeroo dheeddu.
Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Kaalifoorniyaa abidda hamaa kana ilaalchisee ''manni baay'een balaa gubbachuu jala jiru, namoonni kumaatamaan lakkawamanis naannoo sanaa gadi dhiisaanii bahuutu irra jiraata,'' jechuun labsii hattatamaa godheera.
Hambaa manneen balaa abidda hamaa kanaan qaqabe kan agarsiisu. Gileen Eeleen keessatti, Onkoloolessa 09, 2017.
Ibsa waa'ee suuraa, Kunis seenaa Ameerikaa keessatti ibidda hamaa mudateedha.
Abiddaa hamaan kun yeroo boba'uu. Gileen Eeleen keessatti, Onkoloolessa 09, 2017.
Ibsa waa'ee suuraa, Abiddi kun qilleensa cimaa, gogiinsaa fi ho'aan kan walqabatee ture.
Hambaa mana abidaa hamaa ta'een hubamee. Kaalifoorniyaa Gileen Eeleen keessatti, Onkoloolessa 09, 2017.
Ibsa waa'ee suuraa, Akka abiddi kun itti eegale waanti beekame hinjiru.