Kirkirri lafaa guddaan Meeksiikoo rukute, suurawwan ilaalaa

Maxxanfame

Suurawwan balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 7.1, kibba magaalaa guddoo Meeksiikoo rukute agarsiisan

Loltuu gamoo jige bira dhaabbatee nama ittisaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Raayyaan waraanaa biyyatti hojii lubbuu baraaruu irratti birmatee hojjetaa jira, kun halkan irraa kaasee kan itti fufedha.
Namoota gamoo jijjige karaarraa guuraa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Meeksiikoo siitii keessatti hojjetoonni lubbu baraaranii fi tola ooltonni gamoo jijjige kaasuun gargaarsa gochaa jiru
Gareen lubbuu baraartotaa namoota gamoon irratti jige barbaadaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Namootni dhibbatti lakkaa'aman hojii tola ooltummaa lubbuu baraaruu hojjetaa jiru.
Haadha mucaa ishee baattee baqataa jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri kun sa'aatii laaqanaatti mudate, kunis namootni hedduun karaa irra wayita turanitti
Gamoo miidhame
Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa mudate gamoowwaan gurguddoo hedduu irraan miidhaa geessisee jira
Gamoo darbii hedduu qabu kan jige
Ibsa waa'ee suuraa, Gamoowwan hedduun namoota irratti jiganii, namoota jala jiran baraaruuf hojjetamaa jira
Namoota nahanii karaa irra dhaabbatan
Ibsa waa'ee suuraa, Namootni hedduun naasuu keessa jiru
Konkolaataa jigaa gamoo keessa awwaalamte
Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa gamoon irratti jijjigee awwaale
Hojjettoota lubbuu baraartota
Ibsa waa'ee suuraa, Torbee tokko duras kirkirri lafaa achumatti namoota 90 ajjeese mudatee ture