Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Omaan Ulaa Hormuuz bulchuu ilaalchisee yaada haaraa Iraaniif dhiyeessite

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii waayee Ulaa Hormuuz Omaanii fi gita isaanii Saa'udi Arabiyaa waliin dubbachuu ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidaantiin Arjantiinaa pirezidaantii Biraaziil hattuu jechuun mufii cimaa kaase

    Pirezidaantiin Arjantiinaa Jaaviyeer Miileey pirezidaantii Biraaziil arrabsuu hordofee Biraaziil mufii cimaa akka qabdu ibsite.

    Jaaviyeer Miileey pirezidaantii Biraaziil Luulaa Daasiilvadhaan "hattuu" fi "yakkamaa" jedhee arrabsuu hordofee Biraaziil ambaasaaddara ishee Boonas Ayirasii gara biyyaatti waamte.

    Pirezidaantiin Arjantiinaa pirezidantii Biraaziil kan arrabse duula filannoo ilmi pireezidaantii duraanii Biraazill Bolsanaariyoo magaalaa Saa'o Poolotti gaggeeffamerratti argamuuni.

    Gaggeessaan Arjantiinaa kun pirezidaantii Biraaziliin "hattuu fi yakkamaa" jedhee kan arrabse duula filannoo paartiin mormituu Biraazil gaggeessu irratti argamuuni- Biraazilumatti argamee jechuudha.

    Pirezidaantiin Arjantiinaa ilma pirezidaantii duraanii Biraazill kan ta'e Filaaviyoo Bolsanaaroo deeggaruun Pirezidaant Luulaa Daa Siilvaa dubbii arrabsoon kan qoccole yoo ta'u, mootummaan Biraaziil dheekkamuun deebii kenneera.

    Pirezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaa "eenyullee dhimma Biraaziil keessa akka quba kaa'u hin hayyamnuuf" jechuun biyyattii gaggeessuu akka itti fufan ibsan.

    Dubbii pirezidaantii Arjantiinaan kan mufate mootummaan Biraaziil, ambasaaddara biyyattii Arjantiinaa irraa gara biyyaatti waamera.

    Biraazilitti filannoon ji'oota muraasa booda kan gaggeeffamu yoo ta'u, ilma Pirezidaantii duraanii Jaayir Baolsanaariyoo kan ta'e Filaaviyoo Bolsanaariyoo kaadhimamaa cimaa ta'ee dhiyaata jedhamee jira.

  2. USfi Iraan marii itti fufuu hordofee haleellaa walirratti gaggeessuu dhaaban

    US walitti fufiinsaan guyyaa 13f Iraan haleelaa erga turtee booda amma dhaabdee jirti. Iraanis haleellaa haaloo bahuu gaggeessitu dhaabuu beeksisfte.

    Biyyoonni lamaanuu haleellaa walirratti gaggeessuu kan dhaabaniif mariin gaggeeffamaa jiraachuu hordofee ta'uutu himama.

    UNtti ambasaaddara US kan ta'an Maayik Waaltiz turtii Fox News waliin taasisaniin, Tiraamp haleellaan Iraanirratti gaggeeffamu akka dhaabbatu kan godhe "dippilomaasiif dursa kennuufi" jedhan.

    US haleellaa gaggeessuu dhaabuu hordofee, Iraanis haleellaa buufataalee Ameerikaa naannicha jiran irratti taasistu dhaabuu beeksiste.

    Doonaald Tiraamp filannoo hunda harkaa qabaachuu kan himan dippilomaatiin US kun, "dippilomaasiif carraa kennuuf haleellan akka dhaabatu godhe" jedhan.

    Gama biraan ammoo haleellaan yeroo dheeraaf yoo itti fufe US hanqinni misaa'eloota sirna ittisaa ishee mudachuu mala sodaa jedhuun haleellan akka dhaabatu godhame jechuun Niwu Yoork Taayims gabaasee ture.

    Maayik Waaltiz garuu gabaasa kana dhara jechuun, "Waraanni US akka barbaadetti haleellaa kana itti fufsiisuuf dandeettiisaa qaba" jechuun haleellaan kan dhaabate hanqinni misaa'ela sirna ittisaa mudatee akka hin taane hima.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya har'aa eegaleera!

    USfi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu dhaabaniiru. Tiraamp haleellaa kan dhaabeef dippilomaasiif dursa kennuuf akka ta'e himan qondaalli US.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala buunee isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!